Posts

Showing posts from April, 2022

SHINNIIGGAA

Image
Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuuf wareegama baasuu eegale. Wareegama baasuu erga jalqabee waggaa dhibbaa ol taheera. Bilisummaa isaaf jecha ummatni Oromoo har’a illee wareegama qaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun kan hin oolle taha. Gootoota ilmaan Oromoo kan bilisummaa saba isaaniif jecha gatii lubbuu baasan yaadachuunis dirqama ilma Oromoo mara irraa eegamu. Kanaafiis Addi Bilisummaa Oromoo Ebla 15 Guyyaa Goototaa Oromoo jechuun murteessee erga kabajamuu jalqabee kunoo waggaa 42 taheera. Guyyaan kun akka itti murteeffamee gad fagennaan wal hubachiisuun barbaachisaa dha. Sababa isaa hubachuun yaadannoo goonuf nu gargaara. Gootowwan ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha baatii adda addaa keessa, guyyaa adda adda keessatti kufan galmee seenaa irra jiru. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Wareegama baasuun keenya osoo hin dhumatin m