Posts

Showing posts from July, 2022

Weerara Faannoo fi Humna Addaa Amaaraa

Haleellaa Dilbata Adoolessa 10 bara 2022 bulchiinsa Godinaa addaa saba Oromo, aanaa Jiillee Dhummugaa fi Godina Kaaba Shawaa akkasumas daangaa aanaalee Efiraataa fi Gidimitti uumamee tureen namoonni du’uu jiraattonni himan. Qondaalli aanaa Jiillee Dhummugaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, “sababa kanaan sanaan lolli jalqabame jedhamuu baatus gama lamaaniin namni du’eera” jedhan. Aanga’oonni naannichaa dubbii ka’umsa lola kanaa waakkatanis hidhattoonni naannoo Amaaraa Wallo keessa maadheeffatanii turan loon ummata saamanii qalatu jedhan jiraattonni. Qaama dhimmi ilaallatutti iyyannus deebii dhabne jedhu. Haaluma kanaan dilbata naannoo sa’aatii 10ttii wayita hidhattoonni kunneen loon nama dhuunfaa saaman lolichi jalqabe jedhu . “Gama asiin namni 17 du’eera, kan madaa’es baay’eedha. Qonnaan bulaatu gama lamaaniinu dhumaa jira,” jedhu. Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummugaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko, lolli Dilbata eegalee itti fufuu hima. “Erga dheengaddaa waan ci