Posts

Showing posts from June, 2021

Xiyyaara Waraanaa Kufte "Raayyan Ittisaa Rakkoo Teeknikaan" Jedhee Waakkate.

Image
Xiyyaarri Tigraay keessatti kufe rukutamee osoo hin taane 'rakkoo tekinikaan' jedhame. @gadanewsservice June 25, 2021 Xiyyaara Adi Qahalatti kufe. Xiyyaarri waraanaa Itoophiyaa Roobii darbe Tigraay keessatti kufe finciltootaan rukutamee osoo hin taane 'rakkoo tekinikaa' isa mudateen ta'uu dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnet Adaanee BBCtti himan. Humnoonni TPLF meeshaa waraanaafi loltoota uffata loltummaa Ertiraa uffatan qabatee balali'aa osoo jiruu xiyyaara kana rukutanii kuffisuu ibsanii turan. Koloneel Geetinnet Adaanee garuu BBCf akka ibsanitti xiyyaarri kufee caccabe kun rakkoo tekinikaa isa mudateen akka ta'edha. "Akka gareen finciltootaa kun jedhanitti osoo hin taane, akkuma xiyyaarota warra kaan mudatu xiyyaara kanalleen sababii rakkoo tekinikaa isa mudateen kufe," jechuun dubbatan qondaalli kun. Dubbi himaan Raayyaa Ittisaa kun, xiyyaara kufe kana waliin walqabatee miidhaan qaqqabe yoo jiraate ammoo yeroo dhiyoo keessatti