Xiyyaara Waraanaa Kufte "Raayyan Ittisaa Rakkoo Teeknikaan" Jedhee Waakkate.

Xiyyaarri Tigraay keessatti kufe rukutamee osoo hin taane 'rakkoo tekinikaan' jedhame.


Xiyyaara Adi Qahalatti kufe.


Xiyyaarri waraanaa Itoophiyaa Roobii darbe Tigraay keessatti kufe finciltootaan rukutamee osoo hin taane 'rakkoo tekinikaa' isa mudateen ta'uu dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnet Adaanee BBCtti himan.

Humnoonni TPLF meeshaa waraanaafi loltoota uffata loltummaa Ertiraa uffatan qabatee balali'aa osoo jiruu xiyyaara kana rukutanii kuffisuu ibsanii turan.

Koloneel Geetinnet Adaanee garuu BBCf akka ibsanitti xiyyaarri kufee caccabe kun rakkoo tekinikaa isa mudateen akka ta'edha.

"Akka gareen finciltootaa kun jedhanitti osoo hin taane, akkuma xiyyaarota warra kaan mudatu xiyyaara kanalleen sababii rakkoo tekinikaa isa mudateen kufe," jechuun dubbatan qondaalli kun.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisaa kun, xiyyaara kufe kana waliin walqabatee miidhaan qaqqabe yoo jiraate ammoo yeroo dhiyoo keessatti akka ibsan eeruun dhimma kanarratti ibsa bal'aa kennuurraa of qusataniiru.

Torban darbe keessa Tigraay keessatti waraanni cimaan gaggeeffamaa turuu kan himame yoo ta'u, humni qilleensaa Itoophiyaas bakka gabaatti haleellaa raawwachuun namoota nagaa baayyee ajjeesuufi madeessuun himatameera.

Haata'u malee, raayyaan ittisaa haleellaan sun kan qiyyaafate bakka gabaatti osoo hin taane finciltootarratti jechuun himannaa isarratti dhiyaate fudhatama hin qabu jedheera.

Xiyyaarri kufee caccabe kun Hercules C-130 kan jedhamu yoo ta'u, meeshaafi namoota kan deddeebisudha. Bakka itti kufeerraa suura caccabaasaati jedhame agarsiisu guyyoota muraasa dura finciltoonni TPLF qoodaa turaniiru.

BBCn suuraawwaniifi viidiyoowwan caccabaa xiyyaarichaa agarsiisan kan qorate yommuu ta'u, namoonni viidiyoo sanarraan dubbachaa osoo jiranii dhaga'aman akka jedhanitti bakki isaa Kibba-lixa Maqaleetiin kiiloomeetira 25 fagaattee kan argamtu Adii Qahaalaa ta'uu agarsiisa.

Humnoonni TPLF waraana raayyaa ittisaa mootummaa waliin taasisaa yeroo jiranitti xiyyaaricha rukutanii akka kuffisan ibsanillee, raayyaan ittisa biyyaa garuu rakkoo tekinikaatiin kufe jechuun haaleera.

Haata'u malee, xiyyaaricha keessa namoonni meeqa akka turan wanti ibsame hin jiru.

Humnoonni waraana Tigraay keessatti qooda fudhatan hundumtuu yakkawwan ajjeechaa jumlaafi sarbama mirgoota namoomaatiin yeroo himatamaa jiranitti lolichi deebiyee hammaachuun isaa hawaasa idil-addunyaaf yaaddoo uumeera.

Naannoo Tigraay bakkeewwan gara garaatti humna mootummaa Federaalaafi finciltoota gidduutti lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachuu gabaasaaleen torban darban keessa bahan ni mul'isu.

Humni TDF jedhee of waamu magaalota naannichaa hedduu akka qabate kan ibse yoo ta'u, namoonni ijaan arganis loltoonni bakka gara garaa keessa socho'aa jiraachuu BBCtti dubbatan.

Humni ittisaa mootummaa Federaalaa garuu injifannoo gareen kun argadhe jedhu oduu sobaati jechuun fudhatama dhabsiiseera.

Dubbi himaan raayyaa ittisa biyyaa Koloneel Geetinnet Adaanee lolli cimaan akka ture mirkaneessanii, lolli gaggeeffames gaggeessitoota qabuuf jedhan.

Dubbi himaan kun itti dabaluun, oduun finciltoonni magaalota qabanneerra, meeshaaleefi loltoota booji'anneerra jedhu sobadha jedhan.

Ibsa waa'ee suuraa,
Xiyyaarri kufee caccabe Hercules C-130 jedhamu gosa xiyyaara waraanaa akkanaati (suuraan kuusaa keessaa)

Jalqaba ji'a Sadaasa darbe haleellaa TPLF buufata humna waraanaa biyyaa Tigraay keessa jirurratti haleellaa raawwachuu hordofee, mootummaan loltoota Ertiraa waliin ta'uun tarkaanfii fudhateen paartii naannicha bulchu TPLF aangoorraa ari'uun injifannoo labsuun isaa ni yaadatama.

Lolli osoo hin jalqabamiin dura TPLF jijjiirama siyaasaa MM Abiy gaggeessan waliin walqabatee waldhabdee cimaa keessa kan galanii turan yoo ta'u, haleellaan buufata waaraanaa biyyaa Kaaba jirurratti raawwatame walitti bu'insichi akka jalqabamuuf sababa ta'eera.

Lola ji'a saddeet dura jalqabame kanaan namoonni kumaan lakkaa'aman ajjeefamanii miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo buqqa'uu isaanii gabaasni dhaabbileen gargaarsaa ni mul'isa.

Lola kana hordofees, naannicha keessatti ummanni miliyoona shan ta'an gargaarsa nyaataa kan isaan barbaachisu yommuu ta'u, namoonni 350,000 ol ta'an ammoo beela'aa akka jiran Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii torban darbe keessa ibsee ture.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU