SEENAA AGARII TULLUU

           SEENAA AGARII TULLUU        

Agarii Tulluu

Agariin Tulluu' qabsaawaa mirga Oromooti . Agariin bara
sirna abbaa lafaa keessa cunqursaa ummata Oromoorra
ga'u balaaleffachuudhan qabsoo waraanaa jalqabe. Qabsoo
irra guddaa gochaa kan ture naannoo Salaaletti ture.
Qabsoo kana gara naannoo biraattis baballisuuf sochii gochaa ture.

Ijoollummaasaa Agarii Tulluu giddu galeessa Oromiyaa godiina Shawaa
Kaabaa aanaaa Dagam iddoo addaa Leemman sillaasee
jedhamuutti bara 1934tti dhalate. Agarii Tullu diimaa gara
magaalatti aanuu fi dhaabbanni isaa baayyee gabaabadha.
Yemmuu alaalaa ilaalan nama homaa hin beekne wayii
fakkaata. Yeroo baayyee fuula isaa iraa gammachuutu
dubbifama. Onneen isaa garuu dhiibbaa ilmaan nafxanyaatin
madooftee jirti. Namoonnii isatti dhiyaata akka ragaa
bahanitti Agariin garraamessa. Garraamummaan isaa garuu
sodaataa isa hin goone, hinumaayyuu akka inni hiyyeessaf
falmuuf baay'ee gargaare.

Agarii Tulluu bishaan daakudhan yeroo ijoollumaasaa
dabarse. Gootichi Agarii Tulluu umurii ijoollumaatin bara
1950tti leenjii looltummaa fudhachuuun waraana yeroo sana
kubur zabanyaa jedhamu kana mana mootummaa eegu
keessatti qaxaramuun magaala Finfinneetti gale. Waraana
keessatti qaxaramuu murteessuun isaa jaalala sirna sanaaf
qabu osoo hin taanee booree garaa isaa guutte baafachuuf
mala ittiin leenjii loltummaa fii meeshaa waraanaa argatu
mijeeffachuufi. Wayita looltuu kubur Zabanyaa ta’ee
hojjeechaa jiru kanattii loogin sanyii biyya kana keessatti
dagaagee jiru fi cunqursa uummata Oromoo irra gahaa ture
sana arguudhan garaan isaa caalatti murtii qabsoo
hidhannoo gochuuf murteesse sanarra akka ga’uuf
gumaacha guddaa godhe. Kana malees wayita Salaale lafa
dhaloota isaa turetti dhiibbaa ilmaan Nafxanyaa yookan
Abbaan lafa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiran suni umrii
ijoollumaati sammuu Agarii keessa seeee jira.

                Qabsoo Inni Godhe

Wayita loltuu Kubur zabanyaa ta’uun Finfinneetti tajaajila
ture sana miseensa Waldaa wal-gargaarsa Maccaa Fi
Tuulama ta’uudhan sochii sabboonummaa Oromoo
waldichaan jalqabame sana keessattillee qooda fudhachaa
akka ture seenaa jireenya isaa irra mirkaneeffannee jirra.
Waldaa kana keessattis jeneraal Taaddasaa Birruu wajjin
wal baree dhimmaa qabsoo Oromoo irrattilleen mar’achaa
akka turanii fi Agariin caalatti akka inni murtii jabaa kanarra
ga’u godhee jira.

Bara 1959tti wayita hooggantoonni Waldaa Maccaa fi
Tuulama mootummaa Hayilasillaasetiin yakkamanii mana
hidhaa gala sanatti Agarii Tulluu immoo hojii loltummaa
kubur Zabanyaa hojjecha jiru sana dhiise meeshaa
waraanaa hidhatee jiru fudhachuudhan gara bosona
Salaaleetti qajeele. Tarkaanfii kana fudhachuuf kan isaa
kaakaase cunqursaa uummta Oromoo irra jiru san
hambisuuf karaa nagaa waan hin yaadamneef qabsoo
hidhannoo geggeessuun barbaachisaa ta’uu isaa waan itti
amaneef.

Erga qabsoo hidhannoo irratti bobba’ee booda sodaa tokko
malee uummata fincila diddaa garbummaatif akka kakka’an
barsiisaa ture. Uummanni abba lafaa akka hin gabbaree fi
abbaan lafaa immoo uummata irra irboo akka hin fudhanne
akkeekkachiisaa kan ture wayita ta'u abbaa lafaa ajaja isaa
kana fudhachuu dide irratti immoo tarkaanfii fudhachaa
ture. Ilmaan Nafxaanya gochaa Agarii kun kan aarse fii
rifachiise waan ta’eef gootni kun akka waan shiftaa ta’ee
fakkeessudhan uummata burjaajessuuf yaalan illeen gochaa
isaa amala shiiftaa waan hin qabneef uummanni irraa hin
fudhane. Sababiin isaas Agariin akka shiftaa qabeenya
namaa kan saamu osoo hin taane rakkoo hiyyeessaaf nama
falmuu fi qabeenya warra ilmaan nafxanyaa qofa addaan
baasee nama saamaa ture.

Agariin bosonaa keessa dhokaate kan taa’u osoo hin taanee
guyyaa saafa’aan baadiyyaadha hanga magaalatti uummata
keessa deemee balaa sirni sun ummata Oromoo irraan
ga’aa ture sana nama ifatti uummata barsiisaa ooludha.
Sabaabin isaa immoo uummmata biratti fudhatama waan
argatee fi qabsoo inni gochaa jiru uummata bal’aaf ta’uu
uummanni duurse waan hubateefi.

Agariin ummata Oromoo biratti jaalala guddaa waan
horateef mootummaan garboofta abbaa irree sanaaf Agarii
argachuun lilmoo takkittii tuulaa cidii guddaa keessa
barbaaduu itti ta’e. kana irraa ka’uudhan nama Agarii qabes
ta’ee nama Agarii bakka jiru argee mootummatti himeef
badhaasni guddaan akka kennamu labsame.

Gootni kun baayyee abshaala waan ta’eef tooftaa garaa
garaa fayyadamuudhan uummata amansiisaa akka ture ni
dubbatama. Faakenyaf bara qabsoo isaa keessatti guyyaa
tokko ergamtoonni mootumma garboofata abbaa irree biraa
dhufan kan dhalootan Oromoo ta’an Agarii qabanii keennuuf
akka dhufan waan duursee dhaga’eef galgala bakka isaan
jiranitti akkuma tasa irra ga'e. Sana booda jarri nu ajjeessa
jedhanii baayyee rifatan, inni garuu akka isaan ajjeessuf hin
dhufne itti hime tasgabeesse. Sana booda “akka ana qabuuf
yookan ajjeesuuf dhuftan dhaga’een dhufe, akkanumaan
dhaamaatan malee ana rasaasni na hin ajjeessu jechuudha
isaan fuuldura dhaabbatee rasaasa sobaa kan yeroo kubur
zabanyaa ture argate qawwee isaa keessa galchuun ofitti
dhukaase du’uu didnaa jaarrii baayye rifatte. Itti aansee
immoo rasaasa sana qawwee isaa keessa godhee
ergamtoonni sun akka itti dhokkasani ajajee fuuldura
dhaabbate. Haaluma inni ajajee dabaree dabareedhan itti
dhokaasan, garuu Agarii hooma hin taane. Sana booda
Agarii rasaasni hin dhawu jechuudha ballinaan odeeffame.
Kuni immoo sodaa Nafxanyoonni Agariirraa qaban kan
dabalee fi fudhatamni Agarii uummata keessatti qabullee
akka dabalu taasise. Kabaja guddaas akka argatu ta’e.

Agarii Tulluu hordoffiin mootummaa abbaa irree waan itti
baay'ateef yeroo hunda of jijjiiree qabsoo sana adeemsisaa
ture. Yeroo tokko qeesii fakkatee yoo deemee yeroo biraa
immoo kadhatuu fakkaatee deemaa. Yoo barbaade
immoo qotee bulaa baadiyya fakkaate waan garaa isaa
hojjechaa ture. Yeroo sana namoonni oduu funaananii
qaama nageenyatiif geessaan “Agariin qeesii fakkatee
amma asii darbee agarree ture” yoo jedhan tibbaa sana
namni uuffata qeesii uffate hundi qaama nageenyatiin
qabamanii qoranna irratti gaggeeffama. Xiqqoo turanii
immoo “Agariin Kadhattuu fakkaatee yommuu asiin darbu
agarree turree” oduun jedhu qaama nageenyaa qaqaba.
Tibba sana immoo kadhattuu hundi qabamanii mana
hidhatti guurramuun kanuma barame. Garuu Agarii
argachuun hin dandeenye. Agariin gaafa ofii isaatii barbaade
malee qaama nageenyatti hin mul’atu garuu isaanuma
wajjin oolun kanuma barame.

Ummanni Oromoo salaalee akka Agariin harka mootummaa
oftuulaa sanatti hin kufneef akka armaan gadii kanatti
sirbaan waaqa kadhatuuf.

“Kuyyuu hinroobin yaa cabbii
Hurufa kuyyuu hinroobin yaa cabbii
Nafseetti faradanii Agarii Tulluu baasi
yaa rabbii’’

Gaafa Nafxanyoota irratti tarkaanfi fudhachuu barbaades
tasa osoo hin taane akka qopha’anii eegani dura ergaa itti
dhaameetuma dhaqa. Fakkeenyaf guyyaa tokko Bulchaa
aanaa Dagam yeroo sanaa kan ta’etti akka dhaquu ergaa itti
dhaame. Guyyaa jedhame yoo ga’uu namichi waardiyyoota
isaa qabatee meeshaa isaa hidhatee loltuuta isaa
hidhachiisee dhufa Agarii eegutti ka’e. Osumaa eegaa jiru
kadhataan uuffata baayyee moofa’e uffatee kadhachaa
deemu tokko mana bulchaa kanaatti goree kadhate.

Hojjettooni isaa kadhataa kanaaf miidhan kennaniifii
nyaachisan. Kadhatichis “aduun waan itti dhiittef bakkin ani
deemu immoo bosona keessa darbeeti waan ta’eef shiftaan
na reeba, akka gooftan keessan na bulchuuf naaf
kadhadha” jedhen. Hojjettonnis goofta isaani kadhataniif
yaa bulu, achi baaxii mana jala yaa ciisu jedhee hayyameefi
kadhatichi bakka bultee argate. Sana booda dhufa Agarii
eeguu itti fufan. Sa’aati beellamaa darbus Agariin dhufuu
waan dideef abbaa angoo “suni duraanu erga hoomi tiskee
na fuldura dhaabatee naan lolti” jechuu tuffii Agariif qabu
mullisuun laphee ofii dhiittessee ta’ ee. Yeroo kan kadhataa
baaxii jala ciisu sun waan namni kun jechaa jiru hunda
sirritti dhaga’a. Ergaa obsaan xiqqoo turee booda
kadhatichi bakka ciisuu ka’ee shuggixii qanqalloo itti
kadhachaa ture sana keessaa baase gurraa bulchaa sana
irratti qabee akka harka kennatu gaafate. Namichis
naasudhan qawwee isaa lafa godhatee harkaa itti kennate.
Edaa kadhaata bakka bultii gaafate sun Agarii Tulluuti. Sana
booda Agarii namichas Wardiyyoota isaa walitti hidhee erga
garafaa turee booda mana tokkotti galchee balbala itti
cufuudhan meeshaa waraana isaani fi maallaqa fudhatee
deemudhan waan ta’e sana akka bulchaa godinichaatti
Fiichee deemudhan itti himu ajajee yoo himuu baate garuu
yeroo biroo deebi’uudhan akka ajjeessu akkeekkachiise.

Gochaan Agarii kun kan rifachiise fi baay'ee aarse bulchaa
aanaa kuyyuu yeroo sanii kan ture fitawurarii Muluu Asanuu
anuu Agarii nan qaba jedhee dhaadachuudhan bulchaa
godinichaatif waadaa galee, akka ittiin qabuuf qawwee
Domoftorri Ameerikaa shan kennameefi. Qawween kunis
ashkaroota isaatii hiruun barbaacha Agariitiif Aanaalee
Kuyyuu , Warra Jaarsoo , Giraar Jaarsso , Dagam , Hidhabuu
Abootee fi Yaayyaa Gullallee lafa kanaa dura Agariin keessa
socha’uun qabsoo gaggeessa ture keessa ka’an.

Barbaachaa baay'ina keessa naannoo lafa dhaloota Agarii
kan taate bakka Leemman sillaasee jedhamuun
beekkamtutti Agarii argatan itti marsan. Sana booda Agariin
namoota ergmanii isa qabuu dhufan dura dhaabachuudhan
injifannoo seenaan hin daganne galmeessisuu danda’ee jira.

Namoota qabuu dhufan kaan isaani ajjeessee, kaan immoo
madeesse, kanneen hafan immoo dheessanii gara dhufanitti
akka deebi’aniif dirqisiise.

Sanaa booda uummanni Salaalee gootummaa kana
dinqisiifachuudhan akka Muluu of fakkeessanii Agariidhaf
sirba armaan gadii kana sirbaniif.

Ana rabbitu na baasee
Dabalee gurrarra yaasee
Burruusee dheefatu baasee
Qawwee awuraajjaa gachisiisee

Itti dabaluudhanis akka armaan gaditti weeddisu:
Yaa burruusee
Ashkara koo yaa burruusee
Ni lolla naan jettaniitoo
Sintu rakkoorra na buusee

Jechuudhan salphina Muluu sirbaan Agarsiisaa turan.

Burruusee fi Dabaleen ashkaroota Muluu turan.
Guyya tokko bakka Agarii jiru kan duurse hubate Asmaarin
duraan Agarii wajjiin deemee faarsa ture qaama nageenyatti
hime. Asmaariin kun kan Agarii ganeef namni bakka Agariin
jiru hime lafa gaashaa lamaa fi qarshii kuma kudhan
badhaasa akka argatu mootumman suni waan labseefi.
Sana booda humni dafee qaqqabaa mana Agariin keessa
jiru sanatti marsanii yemmuu Agarii bahuu ajjeesuu yookan
immoo madeessani booji’uudhaf eeguu jalqaban. Humni
waraana dafee qaqqabaa itti marsuu waan dhagayateef
toftaa itti harkaa bahu barbaadee jalqabe. Sana booda
qamisii dubartii kaawwatee, kophee durbaa godhatee,
shaashii hidhatee durbaa bareeddu fakkaatee karuma
balbalaati bahee deeme. Yeroo kana waranni iddoo qabatee
eegaa jiru ilaale sanyoon isaa baate inni itti aanee dhufa
jedhanii of eeggannoodhan eegutti ka’an. Agariin duubatti
darbuudha jaallewwan qabsoo isaa wajjin bombii fi rasaasa
itti roobsudhan loltoota baayyee ajjeesee kaan immoo
madesse warri kaan immoo gara dhufanitti akka deebi’an
godhe. Gama Agariitin jaallee qabsoo tokko qofatu
wareegame.

Sochiin Agarii jalqabe kun hirriiba kan dhoowwe
mootummaan Hayila sillasee loltoota baay'inaan gara
Salaalee naannoo Agariin qabsoo hidhannoo gaggeessaa
jiru sanatti bobbaasee, Agarii bakka jiru nutti himaa jechuu
uummata daraaruu fi hidhuu itti cimsan. Baayyinni loltoota
bobba’ee Sulultaa hanga qarre gohaatti kan lafa dhiphise
ture. Yaa ta’u malee uummanni naannoo saniii namni
tokkoyyuu Agarii dabarsanii kennuu irraa ofumaa dararaa fi
gidiraa irra gahu fudhachuuf filatan.

Qabsoon Agariin godhus Salaalee keessaa Aanaa ja’a
jechuun Aanaa Dagam , Kuyyuu , Warra Jaarsoo , Hidhabuu
Abootee , Giraar Jaarsoo fi Yaayya Gullallee yoo ta’u Shawaa
dhihaa keessaa immoo Aanaa Meettati. Kanaaf Agarii eessa
akka oolu fi bulu hin beekkamu har’aa bakka tokkotti yoo
argame bariisaa immo iddoo biraatti Argama.

      Qabamuusaa

Dhumarratti qabsoo hidhannoo kana gara kutaa Oromiyaa
biraatti babal'isuu fi iddoo jijjiirachuudhan umurii qabsichaa
dheeressuuf yaadee gara dhiha Oromiyaa , Wallaggaatti
bobba’ee. Gaafa gara Wallaggaatti deemuu Finfinnee
naannoo Qacanee Madaniyalemi jedhamu bakka duraan itti
boqotutti goruudhan jaallewwaan qabsoo isaatif gara
magaalaa Naqamteetti deemuu isaa fi isaan illee akka isa
hordoofuun garas deemaan xalayaa barreessef dubartii
haadha manichatti kenneefii deemee. Xalayaa kana irraatti
Hoteela keessa qubatulleen barreesse ture.

 Isumaa bakka sanii bahee qaamni nageenya mootummaa abbaa irree
Agarii barbaachaf iddoo qacanee Madaniyalemi kana
dhaquun mana Agarii boqotu sana seenuun haadha mana
sana dirqisiisani bakka Agarii jiru gaafachuun xalayaaa sana
dabarsitee akka kennitef seenaa isaa irraa hubanneera.
Bakka Agariin boqotu kana kan hime immoo namuma dura
Agarii wajjin Dirree Qabsoo galee booda maalaqqaan
mootummaan sun bitate akka ta’ee qorannoo seenaa
godhame irraa hubannee jirra.

Erga xalayaa Agarii jaallewwan isaati katabe sun harka
diinatti kuftee booda Gurraandhala 8, bara 1962 tti Magaala
Naqamtee hoteela keessa boqote keessatti gootichi
Oromoo Agarii Tuulluu harkaa warra oftuultotaatti kufe.
Sana booda gammachuudhan Agarii fudhatanii gara
Salaalee geessanii magaala Fiichetti hidhan.
Sana booda uummanni qabamuun Agarii aarse sodaa tokko
malee dirreetti bahanii Agariidhaf sirbuu jalqban. Fakkeenya
gaafa qabamuu isaa dhaga’an: 
Yaa Hoolota oborii
Hoolota Hamdee gugurraa sanii
Shiboo irra maranii
Harka Agarii ibiddo sanii jechuun dhaamsa dabarfachaa tura.

Dhaamsi sirba armaan olii kanaa dhaamsa guddaadha.
Hamdee Abarraa Nafxanyicha uummata Salaaleerraa lafa
fudhatee biyyaa isaanirraa akka baqatan godhee yoo ta’u.
Hoolota Hamdee jechuun immoo wardiyyoota Hamdee jala
kaachudhan uummata isaani rakkisa jiran jechuu isaaniti.
Agariin erga hidhame turtii ji’a tokkoo keessatti akka duuti
itti murteeffamu godhan. Sana booda Eblaa guyyaa Wiixata
bara 1962 magaala Ambisootti obboloota isaa Jimaa Tulluu
fi Hirkoo Tulluu wajjiin bakka uummannii baayyinan jirutti
fannisaani ajjeessan. Jimaa Tuulluu fi Hirkoo Tulluu
obboleessa Agarii ta’uu qofa fannifamanii ajjeffaman.

Duutii ijjoollee Tulluu kan baayyee aarse ummanni Oromoo
Salaalee akka armaan gadii kanatti sirbaan gadda isaanii
ibsachaa turan. 

Yaa haadha too yaa Tarrafuu 
Tokko du’ee lamat hafuu
 Lama du’ee tokkotti hafuu
 Sadi du’ee maalitti hafuu

Agarii Tulluu seenaa qabsoo uummata Oromoo
keessatti goota bara baraan kabaja fi jaalalaan yaadatamaa
kan jiraatu fi sochiin sabboonummaa Oromoo innii godhee
laphee ilmaan Oromoo keessa kan hin baanedha.
Goonni darbus seenan isaa bara baraan jiraata!
------------------------------------------------------------------
http://www.gaaddisaoromiyaa.blogspot.com



Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?