MARII BIYYOOTA SADAN DHIMMA GERD.

Mariin Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaan Laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu ilaalchisuun biyyoonni sadan — Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin Dimokiraatawaa Rippabilika Koongoo (DRC)tti gaggeeffatan ammallee osoo hin milkaa’iin hafeera.

Marii Ebla 04 – 06, 2021 gaggeeffame kana dura ta’aa haaraa AU ka ta’an Pirezidantii DRC Fiiliks Antowaan Sishekeediin ministiroota dhimmi alaa, ministiroota bishaanii, jallisiifi inarjii biyyoota sadanii affeeruun kan gaggeeffame yommuu ta’u, ekispartoonni AU irraas argamaniiru.

Marii Kinishaasaatti taasifame kanaan boodas biyyoonni sadan maaliif akka hin milkaa’iin hafe adduma adda isaaniin ibsa yeroo baafatan tokko isa kaanitti quba qabuu ittuma fufaniiru.

Pirojektiin Hidha Abbayyaa (GERD) yoo xumurame Afrikaarraa ijaarsa guddicha bishaanirraa humna elektirikii maddisiisu ni ta’a.

Itoophiyaan rakkoo ibsaa furuufi diinagdee ishee cimsuuf laga guddicha addunyaa hidhuu ishee ibsituus, Masriifi Sudaan jireenyi lammiilee isaanii bishaaanicharratti akka hundaa’e ibsuun yaaddoo isaanii irra deddeebiin ibsu.

Mariin ammaa kun maaliif hin milkoofne?

Marii Kinshaasaan booda biyyoonni sadan ibsa karaa ministeerota dhimma alaa isaaniin kennaniin ejjennoo qaban irra deebiin himataniiru.

Dhimmi ijoo waldhabdee biyyoota sadanii wixinee mariif qophaa’eefi adeemsa marii irratti yoo ta’u, Masiriifi Sudaan fedhiifi ejjennoo Itoophiyaarraan adda ta’e calaqqisiisaniiru.

Itoophiyaan maal jette?

Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa ibsa dhimma kana irratti Kibxata baaseen, ejjennoo Sudaaniifi Masiriin Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa irratti qabatan mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa qabdurratti fayyadamuu kan sarbudha jedheera.

Itoophiyaan fooyya’ina muraasa barbaachisurraan kan hafe wixinee ministeerri dhimmi alaa DRC fi dura ta’aan mana maree hoji-raawwachiiftuu AU dhiyeessan akka fudhattu beeksisteetti.

Haaluma kanaan Itoophiyaan adeemsi marichaa abbummaa biyyoota sadanii kan mirkaneessuufi gahee qindeessummaa AU karaa guutuu ta’een kan eegsisu akka ta’u gochuuf qophii ta’uu ministeerri dhimmi alaa himeera.

Sudaaniifi Masiriin wixinee adeemsa marii AU kana fudhachuu diduun isaanii gahee Gamtichi bahaa jiru tuffachuu, dhimmichi akka waltajjii AU keessaa ba’u gochaa jiru jechuun komatti Itoophiyaan ibsa kanaan.

Akka ibsa ministeera dhimma alaa kanaatti, fedhii Itoophiyaan Hidhicha bishaan guutuufi oppireeshinii ilaalchisuun waliigalteerra ga’uu barbaaddus sababii Sudaaniifi Masiriin ejjennoo bakkaa hin sochoone isaan agarsiisaniin danqameera.

Tooftaa kanaanis, gahee bishaanii hanga ofii jedhanitti fayyadamuun kan Itoophiyaa cufuu isa jedhu mirkaneeffachuu hedu.

“Itoophiyaan waliigaltee mirga bishaan Abbayyaa ammaafi gara fuula duraa itti fayyadamuuf qabdu danqu fudhachuu hin dandeessu.”

Itoophiyaan Sudaaniifi Masiriin osoo waliigaltee tokkorra hin ga’amiin Hidha Haaromsaa marsaa lamaffaa bishaan guutuu hin ta’u kan jedhan bu’uura seeraa hin qabu jechuun, bishaan guutuun kun yeroodhuma isaa eeggatee akka gaggeeffamu beeksifteetti.

Ibsa waa’ee suuraa,Hidhaan kun yoo xumurame Afrikaarraa ijaarsa guddicha bishaanirraa humna elektirikii maddisiisu ni ta’a.

Sudaaniifi Masiriin maal jedhan?

Miinistiroonni biyyoota lamaanii ibsa marii hin milkaa’iin hafeen booda kennaniin Itoophiyaan yeroo marii sanaa yaada dhiyaate fudhachuu diddeetti jechuun himatan.

Sudaaniifi Masiriin marii keessa yaada akka jaarsummaatti Gamtaa Awurooppaa (EU), Ameerikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) itti dabaluu jedhu qabu.

Ministirri dhimmi alaa Sudaan Mariam al-Sadig al-Mahdi Kibxata ejjennoon gam-tokkee Itoophiyaan itti cichitee jirtu kun seera idil-addunyaa kan cabsudha jechuun rippoortarootatti himuusaanii Rooyitars gabaaseera.

“Rincicuun Itoophiyaa kun Sudaan nageenyaafi lammileeshee eeguudhaaf carraawwan jiran hunda akka ilaalcha keessa galchitu ishee barbaachisa,” jedhan ministirri jallisiifi qabeenya bishaanii Sudaan dubbii dubbataniin.

“Ejjennoon Itoophiyaan qabatte kun hanqina fedhii siyaasaa isheen mariin walamantaa gaariiidhaan gaggeeffamuurratti qabdu agarsiisa,” jedhan ministirri dhimmi alaa Masirii Sameh Shoukry.

Torban darbe Pirezidaantiin Masirii Abdel Fattaah al-Siisii sababa Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuun bishaan biyyi isaanii argattu hir’annaan ”naannicha keessatti waan hamaatu ta’a” jechuun akeekkachiisanii ture.

Akka Rooyitars jedhutti, Sudaan yeroo ammaa dhimma daangaarratti Itoophiyaa waliin waldhibdeerra kan jirtu yoo ta’u, humni qilleensaa Masirii akka shaakala leenjiirraa taasifatuuf affeertee Sambata darbe xumurumeera.

Kana duras Ameerikaan biyyoota sadii araarsuuf jaarsummaa teessuus Itoophiyaan waliigaltee sana keessaa of baasuu ibsuusheetiin hin milkaa’iin hafe. Kan keessaa baates, Ameerikaan gara Masriitti caalsifatte jechuun himachuun ture.

Kana dura ejjennoo Itoophiyaatti dhiheenya qabdu kan qabaachaa turteefi booda Masriitti kan gorte Sudaan akkasumas Masriin; ganna baranaa Itoophiyaan yeroo lammataaf bishaan osoo hin guutin waliigalteen akka taasifamu gaafataniiru.

Itoophiyaan garuu karoorichi akka qabametti ganna baranaa bishaan guutuun ni adeemsifama jetteetti.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU