Jawaar Mohamed fi Namoonni Isa Waliin Himataman Iddoo Isaan Hin Jirretti Himanni Isaanii Akka Ilaallamu M.M Ajaje.


Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa
Ibsa waa'ee suuraa,

Jawaar Mahaammad fi Baqqalaa Garbaa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda qabaman

Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee himatamtootni galmee isaanii keessatti argaman afur dhimmi isaanii iddoo isaan hin jirretti akka ilaallamu manni murtii ajaje.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaafi dhimmoota heeraa tokkoffaa Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana /Booranaa/ fi Obbo Dajanee Xaafaa mana murtiitti dhiyaachuuf fedhii waan hin qabneef ajaja kana kenne.

Himatamtootni afran beellama har'aa irratti hin dhiyaanne.

Manni Sirreessaa himatamtootni afran "fedhii isaaniitin hin dhiyaannu waan jedhaniif isaan dhiyeessuu hin dandeenye" jechuun deebiisaa barreeffamaan mana murtichaaf dhiyeessera.

Manni murtichaas himatamtootni afran "fedhiisaaniitin mirga heeraan kennameef fayyadamuu waan hin barbaadneef dhimmisaanii iddoo isaan hin jirretti yaa ilaallamu" jechuun ajajeera.

Obbo Jawaar dabalatee himatamtootni afran "murteen manneen murtii qaama seera raawwachiisun kabajamaa hin jiru" jechuun mana murtiitti dhiyaachuu didan.

"Namootni manni murtii bilisaan gadhiise deebi'anii qabamaa jiru, hanga kun hin sirreeffamnetti mana murtiitti dhiyaachuu hin barbaadnu" jechuun yeroo lama mana murtichaaf iyyachuu isaanii ni yaadatama.

Manni Murtichaa gama isaatiin dhimmichi galmee isaanii waliin kan wal hin qabanneefi dhaddachicharratti kan ummane ta'uusaa himeera.

Dhimma meeshaalee himatamtoota walin qabamanifi iyyatawan himatamtootaa…

Himatamtootni har'a dhaddacharratti dhiyaatanfi abukaatoowwan isaanii bilbilli/mobaayila/ wayita himatamtootni qabaman harkaa fuudhame banaa jiraachuufi namni biraan itti fayyadamaa akka jiru mana murtiitti iyyataniiru.

Bilbilli isaanii Poolisii Federaalaan harkaa akka fuudhame kan himan himatamtootni bilbila isaaniitin "Feesbuukii itti fayyadamaa jiru" jechuun himatan.

Manni murtichaa namoota gochaa kana raawwatan seeratti akka dhiyeessufi meeshaalen yakka walin hidhata hinqabne akka deebi'uf himatamtootnifi abukaatoowwan isaanii gaafataniiru.

Manni murtichaas abukaatoowwan himatamtootaa meeshaalen deebi'uu osoo qabanuu hindeebine maalfi kan eenyu akka ta'an beellama itti aanu dura iyyata akka dhiyeessanfi furmaatni akka itti kennamu ajajeera.

Gama biraatin himatamtoota galmee Obbo Jawaar Mahammadfaa keessatti kan argaman Obbo Shamsaddin Xahaa jimaan mana sirreessaa akka seenuf akkasumas haadha warraa isaanii akka 'argan' akka heeyyamamuuf gaafataniiru.

Ajajawwan mana murtichaa...

Manni murtichaa falmiin akkaataa ragaalen Abbaa Alangaa jecha itti kennan ilaalchisee Abbaa Alangaafi himatamtoota/abukaatoowwan isaanii gidduutti taasifamu iddoo dhaabbatee akka itti fufu ajaja kenneera.

Abukaatoowwan himatamtootaas Abbaan Alangaa akkaataa ragaalensaa jecha itti kennan ilaalchisee iyyata fooyyessee dhiyeesse irratti deebisaanii Adoolessa 30, 2013 akka dhiyeessan ajajeera.

line

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa, namoota 24

ALI Waxabajjii 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon; labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Birhaanamasqal Abbaba Sanyii (PhD) fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirree fi galmee Obbo Jawaar Mahaammad fa'i keessatti himataman keessatti argamu.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU