Posts

Showing posts from July, 2026

Ibsa Gaddaa ABO Boqachuu Jaal Leellisoo

Image
Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsaawaa Oromoo Miseensa Buleessa ABO Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii Irratti Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Addi Bilisummaa Oromoo qabsaawaa buleessa, hayyuu qaroo Oromoo, haftee qabsaawota ganamaa, manguddoo argaa-dhageettii Jaal Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii du’aan addunyaarraa godaanuu gaafa dhageennu gaddi keenya akkaan ol’aanaa dha. Jaal Haaji Leellisoo Kaawoo Warjii Haaj Leellisoon bara 1916 A.L.I abbaa isaanii Obboo Kaawoo Warjii fi haadha isaanii Aadde Bakuu Jiloo Boruu irraa kibba-baha Oromiyaa, Godina Arsii Bahaa, Ona Xiyyoo, Ganda Goraa Kiyyoo (Wanjii Goraa)tti dhalatan. Jaal Leellisoon umrii ijoolummaa isaanii akkuma ijoollee baadiyaa kamiittuu loon tiksaa maatii isaanii gargaaraa guddatan. Gaafa umriin isaanii barnootaaf gahu, mana barnootaa amantaa Islaamaa seenuun Qur’aana qara’anii barnoota amantiin nama hayyummaa gonfatan; hayyuu amantiiti. Maatii sabboonaa irraa kan dhalatan Haaj Leellisoon cunqursaa fi roorroo alagaa...