JAAL MARROO (KUMSAA DIRRIBAA)

Waliigalteen waraanaa TPLF fi dhaabbilee hidhannoon qabsootti jiran kaan waliin taasifne erga TPLF duubatti deebi’ees akkuma itti fufetti jira jedhan hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO -Shanee jedhee waamu Kumsaa Dirribaa [Marroo].

Gareewwan paarlaamaan Itoophiyaa tarree shororkeessitootatti galche kunneen ifatti hariiroo tolchuun Finfinneetti qajeelaa turuu isaanii ibsaa turan.

Hidhattoonni kunneenis gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso’an waggoota sadan darban bakkawwan tokko tokko keessatti mootummaa waliin wal waraanuutti akka jiran maddeen ni mul’isu.

Godinaalee akka Wallaggaafi Shawaa Lixaa keessatti aanga’oota mootummaa dabalatee lammiilee nagaa yeroo garaagaraatti ajjeefamaa turaniiru.

Ajjeechaa kanaaf ammoo mootummaan irra deddeebiin qaama hidhate kana kan himatu yoo ta’u, oppereeshinii gaggeessuun yeroo gababaa keessatti akka dhabamsiisullee waadaa galaa tureera.

Guraandhala bara 2020 BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasisan Itti-aanaa Itaamaazhuur Shuumiin yeroosiifi Fiild Maarshaal Raayyaa Ittisaa ammaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa, tarkaanfii fudhatameen ‘hidhattoota muraasatu hafe’ jedhanii turan.

Haata’u malee, ergasii hidhattoonni kunneen argama isaanii gara Jiddugaleessa Oromiyaatti babal’isaa jiraachuutu himama.

Gareen hidhattootaa kunis garee finciltootaa TPLF kan kaaba biyyattiitti motummaa waliin wal waraanuutti jiruu waliin hariiroo waraanaa uummachuu ibsuunsaa ni yaadatama.

Humnootiin TPLF kan kaabaa biyyattiittis ji’oota 16 durarraa kaasee motummaa Itoophiyaa waraana gaggeessaa kan ture yoo ta’u, hanga naannoolee ollaa Amaaraafi Affaaritti babal’atanii turan Mudde keessa naannolee kanneen keessaa baafamunsaanii ni yaadatama.

Yaalii humnootni TPLF magaalaa Finfinnee taasisaa turanis duula mootummaan Itoophiyaa irratti gaggeesseen fashalaa’u motummaa beeksiiseera.

Hogganaan WBO Marroo Dirribaa garuu humnoonni TPLF duubatti waan deebi’aniif humni waraanaa isaanii imala gara Finfinneetti jechuun jalqabe hin dhaabne jedhu gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irratti.

”Qabsoon Waraana Bilisummaa Oromoo warra TPLF irratti hidhatee hin beeku, isaan irratti hidhatees galma hin gahu. Kanaan durayyuu TPLF irratti qabsoo gaggeessaa turre. Isa hangafaatis.

”Carraa qabsoo keessatti argatetti ammoo fayyadamuun itti milkaa’eera. Qabsoon gara Finfinneetti galla jennee eeggalle hin dhaabbanne,” jechuun himan.

Aanolee adda addaas harka mootummaatii baasuun waraanni isaanii qabatee akka ture kan himu Marroon, akka fakkeenyaatti aanolee Wallagga Lixaafi Qeellam wallaggaa hedduu qabatani turuu hima.

Mootummaan Qeellam Wallaggaa keessaa Gidaamiin ji’oota lamaaf harka hidhattootaa turuu himuun amma deebisee akka qabateefi hojiin idilee akka bakkatti deebisee dhiheenya kana himeera.

Haa ta’u malee, godinichatti hojjettonnii mootummaafi nageenyaa lakkoofsaan 40 ol ta’an ammallee achi buuteen isaanii dhabamuu qondaaltonni himan illeen, hidhattoonni dhimma kanarratti waan dubbatan hin qaban.

Hoganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Shaafii Huseen ji’a dura gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, mariin bilchina qabu karooraan hogganamee gaggeeffamaa jira waan ta’eef humni nageenyaa qindaa’ee ummata of faana hiriirsee tarkaanfii hadhaawaa fudhateera, fudhataas jira jedhan.

Rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru qulqullessinee keessaa bahuudhaaf torbanoota sadii hanga afurii qofa nu gaafata kan jedhan qondaalli kun “ergamtuu Wayyaanee kan taate ABO-Shaneen bu’uura hin qabu.

”Uummannis tufee gateera of keessaa. Innumaayyu amma ammoo gooftoliin isaan barbaada’aniiru waan ta’eef mogolee isaan buusee jira,” jedhanii turan.

Itti dabaluunis “ergamtuu wayyaanee mitii wayyaaneeyyu barbadeessinee deebine,” kan jedhan Obbo Shaafiin, Bunnoo Beddellee, Iluu abbaaboor, Jimma, Baaleefi Qeellam Wallaggaatti oppereeshinii milkaa’aa gaggeessuu himun ummanni gara misoomaa akka fuula garagalfatu ni taasifama jechuun himanii turan.

Waliigaltee TPLF waliinii

WBO fi TPLF dabalatee dhaabbileen siyaasaa sagal Ameerikaatti waliigaltee walii mallatteessanii akka ture gabaafamaa ture. WBO fi TPLF waliigaltee waraanaa akka qaban himunsaanii ni yaadatama.

Amma erga TPLF naannolee Affaar fi Amaaraa keessaa baafamee waliigalteen sun maal irra jira kan jedhu ifa miti.

Maqaa Marroo jedhamuun kan beekamu ajajaan hidhattoota WBO, ”Waliigalteen dhaabbileen qabsoo hidhannoo gaggeessan tolfatan akkuma jirutti jira. Waliigalteen waraanaa, odeeffannoo wal jijjiiruu akkuma eegametti jira,” jedhe.

Carraa argannetti fayyadamuun humna waraanaa keenya gara sadarkaa biraatti ceesisu irratti hojjechuun ittiis milkoofneerra jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF deeggarsa maallaqaafi leenjii WBOf kenna jechuun himachaa ture.

WBO fi TPLF waggoota dheeraaf akka diinaatti kan wal ilaalaa turan yoo tahu, qabsoos wal irratti gaggeessaa turan.

Yakka ajjeechaafi ukkaamsuu namoota nagaa irratti

Bakkeewwan hidhattoonni socho’an keessatti yakkoonni ajjeechaa fi nama ukkaamsuun mallaqa gaafachuu yeroo adda addaatti raawwataa akka turan jiraattonniifi qondaaltonni mootummaa irra deddebiin dubbatu.

Dabalataan bakkeewwan kanneen keessatti seer-maleessummaan akka dabaleefi qabeenyi isaanii saamamuunnamoonni nagaanis akka ajjeefaman jiraattoonni BBC’n dubbise yeroo garaagaraatti himaa turan.

Badii irra gahaa jiruuf jiraattonni hidhattoota gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso’an, hidhattoota Amaaraa akkasumas humnoota nageenyaa mootummaa himatan.

Dhimma kana kan gaafatame Kumsaa Dirribaa (Marroon) godinaalee akka Wallaggaa keessatti uummanni nagaan rakkoo ajjeechaafi saamichaaf saaxilamuun dhugaa tahuu hima. Ta’us, hidhattoonni saanii kana hin raawwatan jechuun waakkata.

”Sabni Oromoo maqaa qabsoo bilisummaa Oromoon gaggeessun baduu irra WBOn qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeesu baduun irra filadha ani,” jedhe.

Naannoo sanatti sochii waraana mootummaa, seer-maleessummaa dabaluufi qawween akka barbaadame argamuu akkasumas daangaa Amaaraa irraan humni Faannoo jedhu galuun uummata irratti saamicha gaggeessuun dhoksaa hin qabu jechuun hima.

”Waraanni keenya naamusa mataa isaa danda’eefi gubbaa hanga gadii to’annoo qaba. Qawween humnoota mo’amaniifi finxaaleyyii naannoo Amaaraa irraa galan irraa argamu harka namoota meeshaa qabachuun hin qabnee galeera. Kun hundi uummata irra miidhaa geesiseera.”

Miseensa keenyaan yakki akkasii raawwate taanaan eeruu uummataan tarkaanfii fudhachuuf qophiidha kan jedhu Marroon, ”wanti diida jirruuf ofii rakkoo qaba yoo tahe qabsoo nuyi gaggeessinuuf hin jirtu.”

Dubbii himaan isaanii garuu torban muraasa dura miseensonni hidhattootaa booda kana nutti makaman jedhan ”rakkoo naamusaa qabaachuu malu” jechuun amananii turan.

Kumsaan dabalataan rakkoon jiru namoonni wiiggii [rifeensa nam-tolchee] kaawwachuun saamichaafi uummata dararan jiru jedha.

Gama biraan ijoolleen manumaa baatee deebitee maatiishee saamtus jirti. Humni keenyas qabeera, garuu gaafa tarkaanfiin fudhatamu ijoollee keenya jechuun komachuun jira. Kanaafuu, hattuu saaxiluun dirqama taha, jechuun dubbata.

Marii karaa nagaa

Itoophiyaa keessatti waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen walqabatee lubbuu kumaatama galaafachuun, miliyoonota ammoo qe’ee irraa buqqiseera.

Haaluma wal fakkaatuun naannoo Oromiyaa kutaalee adda addaa keessa sababii waraana motummaan hidhattoota WBO waliin waggoota sadan darbaniif taasisuuf, haleellaa hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhaqan jedhamaniin raawwatamuun uummanni hedduun gama sadiinu rakkoof saaxilamaa jiraachuu himata.

Hawwaasni idil-adunyaas waraanni Kaaba biyyattiitti jalqabe karaa nagaa akka xumuramuuf waamicha gaggeessaa turan. Mootummaan Itoophiyaa rakkoo nageenyaafi siyaasaa biyyattii ni fura jechuun komishinii hundeessuun marii biyyaaleessaa qopheessaa jira.

Mariin kun qaamolee waraanatti jiranis hin hammatu taanaan rakkoo biyyattiif furmaata waaraa fida jedhe hin amanu jedhe ture International Crisis Group‘ irraa Wiiliyaam Daavinsan.

Hogganaan TPLF Dabretsiyon G /Mikaa’el ammoo karaa dippilomaatotaan haala al-kallatt ta’een motummaa waliin dubbataa akka jiru himaniiru.

Haata’u malee dubbii himaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii ammoo hanga ammaatti mariin nageenyaa TPLF waliin mootummaan jalqabe hin jiru jechuun BBCtti himan.

Marroo Dirribaa hanga ammaatti ‘waamichi marii nageenyaa taasisuuf ifatti nuuf dhiyaate hin jiru’ jedhe.

”Lola kan gaggeessaa jiruuf nageenyi karaa nagaa waan dhabameef karaa waraanaa deebifanna jenneeti. Xumurri waraana kanaas saba keenyaaf nagaa waaraa fida jenneeti.”

Osoo wal hin loliin karuma nagaatiin kan furamu yoo tahe, ejjennoon keenya kaleessas ammas hin jijjiramu, mari’achuuf qophiidha jedhe.

”Afeerraan isaa yoo jiraate bakka qaamni sadaffaa walabaa taheefi hin loognee jiruttii, akkasumas taajjabdootni idil-adunyaa jiranitti waliin mari’achuu ni dandeenya. ”

”Silaa nagaa buusuun yoo barbaadame qaamni waldhabee qawwee walitti fudhate gidduutti yoo dubbatamedha. Amma kun tahaa hin jiru.”

Marii biyyaalessaa kana keessatti qaamoleen kun hammatamuufi dhabuu ilaalchisee hanga ammaatti mootummaan Itoophiyaa waan ibse hin qabu.

Kana dura Hoogganaan Biiroo Nageenyaa Oromiyaa Obbo Shaafiin hidhattooti ‘afaaniin araara jedhu malee araara hin fedhani’ jechuun qeeqanii turan.

Hidhattoonni qondaaltota EU fi UN waliin dubbachuu kan gaafatame Marroon bakka bu’aa akka qaban himuun, ”ammatti waliin dubbachuun jiraachuus, ykn jiraachuu dhiisus mala waan ta’eef, ammatti dubbichi dheedhii waan taheef siif himuu hin danda’u” jedhe.

Dabalataan WBO karaa dubbi himaa isaa Odaa Tarbii kana dura ibsa kenneen mariin biyyaalessaa mootummaan qopheessaa jiru hawwaasa idil-adunyaa irraa beekamtii argachuufi deeggarsa argachuuf malee furmaata kan fiduuf miti jedhe ture.

Marii dhugaan akka gaggeefamu yoo barbachise bakka qaamni sadaffaan jirutti gaggeeffamu fi qaamoolee hundas hammachuu qaba jedhe Odaan.

Hogganaan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa’el gamasaatiin marii nageenyaa jechuun waan mootummaan qopheessu kun ”of cimsuuf itti fayyadamuuf” jechun qeeqaniiru.

Dabratsiyoon gama isaaniin qabxiilee shan mariif hin dhiyaatan jedhan keessaa tokko humni waraanaa isaanii akka tahe himan. Humna kana ni daballa malee hin hiikkachiisnu jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF fi WBO kan ”ABO Shanee” jedhu shororkeessummaan farraje waliin marii nageenyaaf taa’uuf, jalqaba dhaabbileen kunneen galmee shororkeessummaa jalaa bahuun dirqama jedhu xiinxaltootni siyaasaa.

BBC Irraa Odeeffanne

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU