Posts

Showing posts from September, 2021

HALEELLAA GAMOO LAKKUU AMEERIKAA FULBAANA 11/2009

Image
Haleellaa 9/11: Daqiiqaawwan 149 addunyaa jijjiiran akkamiin yaadatama. MADDA SUURAA, REUTERS Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa 9/11 kan dhiibaansaa hanga har'aatti mul'ataa jiru Waggoota 20 har'aa Fulbaana 11 barii bakka namoonni hundi jireenyasaanii idileetiif itti bahanitti garuu addunyaan itti geedaramte. Guyyaa sanatti xiyyaaroonni butaman afur gammoowwan lama kan akka mallattoo dinagdee, siyaasaafi aangoo waraanaa UStti ilaalaman jigsan. Haleellaan 9/11 kan namoota 2,996 galaafate kun US keessatti haleellaa isa cimaafi kan dhiibbaansaa hanga har'aattilleen mul'atudha. Haleellaa sanaan booda ture weerara Afgaanistaaniifi Iraaq, dabalatee US waraana ''shororkeessaa'' irratti gaggeeffamu jedhamuun kan eegalte. Sadarkaa dhuunfaatti ammoo, dhaloonni guutuun hanga ammaatti wayita taateen sun mudachuu wayita dhagahaniitti eessa akka turan ni yaadatu. Goolamniifi shororkeessummaan daqiiqaawwan 149 attamiin guyyaa sana ganama wal duraa duubaan itti muda