Skip to main content

HALEELLAA GAMOO LAKKUU AMEERIKAA FULBAANA 11/2009

Urkaa gamoowwan Jiddugala Daldala Addunyaa xiyyaara hakarootaatiin rukutame keessaa bahaa tureNiiw Yoorki, Fulbaana 11, 2001.

MADDA SUURAA,REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa,

Haleellaa 9/11 kan dhiibaansaa hanga har'aatti mul'ataa jiru

Waggoota 20 har'aa Fulbaana 11 barii bakka namoonni hundi jireenyasaanii idileetiif itti bahanitti garuu addunyaan itti geedaramte. Guyyaa sanatti xiyyaaroonni butaman afur gammoowwan lama kan akka mallattoo dinagdee, siyaasaafi aangoo waraanaa UStti ilaalaman jigsan.

Haleellaan 9/11 kan namoota 2,996 galaafate kun US keessatti haleellaa isa cimaafi kan dhiibbaansaa hanga har'aattilleen mul'atudha.

Haleellaa sanaan booda ture weerara Afgaanistaaniifi Iraaq, dabalatee US waraana ''shororkeessaa'' irratti gaggeeffamu jedhamuun kan eegalte.

Sadarkaa dhuunfaatti ammoo, dhaloonni guutuun hanga ammaatti wayita taateen sun mudachuu wayita dhagahaniitti eessa akka turan ni yaadatu.

Goolamniifi shororkeessummaan daqiiqaawwan 149 attamiin guyyaa sana ganama wal duraa duubaan itti mudate kunooti.

Presentational grey line

07:59

Balaliinsi Daandii Qilleensa Ameerikaa 11 (AA11) Buufata Xiyyaaraa Idil- addunyaa Logaan Boostan irraa ka'uun imaltoota qabatee gara Loos Anjalas balali'uuf ture.

Balaliisaafi gargaaraa balaliisaa dabalatee hojjattoonni xiyyaaraa sagal balaliinsa sana keessa turan.

Imaltoota 81 keessaa shanan isaanii garee xiyyaaricha butaniifi kan Mohaammad Atta Masrii irraa ta'een hogganaman turan.

Haleellaan xiyyaarichaas raawwatame.

9/11 AA11

Gochaan kunis garee al-Qaa'idaa kan Afgaanistaan keessatti bu'ureeffateen waggaa shaniin dura kan karoorfame ture.

Haleellaa kanas Khalid Sheikh Mohammed, miliishaa Paakisitaan kan ta'ee akka wixineesse amanama. Innis balaliiftoota Islaamisitootaa leenjiisuutiin xiyyaaroota butanii akka meeshaa waraanaatti akka US irratti itti fayyadamaniif yaada dhiyeesse.

Khaalid Sheikh Mohaammad fi hogganaa al-Qaeda Osaamaa Bin Laadan qindeessitoota haleellawwan 9/11
Ibsa waa'ee suuraa,

Khaalid Sheikh Mohaammad fi hogganaa al-Qaeda Osaamaa Bin Laadan qindeessitoota haleellawwan 9/11

Karoorichis hogganaa al-Qaa'idaa fi kan ejjansii tika USn barbaadamaa ture Osaamaa bin Laadaniin mirkannaa'e.

Presentational grey line

08:14

Xiyyaarri 175 (UA175) balaliinsa Daandii Qileensaa US, buufata xiyyaaraa Boostan tarminaala gara biraa irraa ka'uun gara Loos Anjalas imalaa ture. Xiyyaara kana keessatti imaltoota 56 fi hojjattoota balaliinsaa sagaliitu ture.

Imaltoota kennee keessaa shan garee xiyyaara butaniidha.

175

Yeroodhuma walfakkaatutti, balaliinsa AA11 irratti gareen xiyyaaricha butan kutaa balaliinsaa seenuun xiyyaara jalqabaa to'atan.

Jalqaba, ukkaamsitoota gara kutaa balaliisaa imalaa turaniin waraanaman. Ittaansee, Atta nama jarreen shanan xiyyaaricha butan keessaa xiyyaara balaliisuuf leenjii fudhate bakka taa'aa ture ka'uun namam biraa tokko waliin gara kutaa paayilatichaatti seenan.

Isaan keessaa shanaffaan ammoo imalaa waraane.

Kana waraanamees nama Atta duuba taa'aa turefi duraan kan waggaa afuriif waraana Israa'el keessatti tajaajilee ture Daani'eel Leewiin jedhama. Osoo garee xiyyaara butan sana dhaabsiisuuf yaalaa jiruu akka ajjeefame yaadama.

Akkuma gocha buttaa xiyyaaroota gara biraa irratti raawatamee, gareen xiyaara butan kun balaliinsaa fi imaltoonni akka xiyyaaricha gara duubaatti darban taasifame. Milishoonni al-Qaa'idaas gaazii gubuu fi bombiitti kan gonkumaa ta'ee hinbeekneetti fayyadamuun imaltoota dorsiisan.

Presentational grey line

08:20

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Ameerikaa 77 (AA77) daandii Qilleensaa Idil-addunyaa Waashingitan-Dulles kan Waashingtoan DC irraa ka'uun gara Loos Anjalas imalaa ture. Xiyaaricha keessas garee xiyyaara butan kana shan dabalatee imaltoota 58 fi hojjattoota xiyyaaraa jaha qabatee ture.

177

Akka tasaa waliirra bu'e osoo hin taane, balaliinsiiwwan bufataman arfanuu akka qarqaraa gara qarqaraa imalaniif boba'aa gara liitira kuma 43 ta'un guutamanii ture.

Haata'u malee, gareewwan xiyyaaroota butanis xiyyaaroota akka misaa'eelaatti itti fayyadamun balleessaa raawwatan.

Presentational grey line

08:24

Atta imaltoota waliin dubbachuuf osoo yaaluu dogongoraan furtuu biraa tuquun oduu gochaa warra xiyyaara butanii to'attoota tiraafika Boostanitti hime.

Innis xiyyaaroonni baayyeen butamuusaanii ibse.

To'attoonni tiraafika qilleensaa bitaa itti galuun, waan raawwachuu danda'an yaalan. Garuu ergaan lammaaf Atta jedhe shakkii hin qabu ture: Balaliinsii AA11 butameera.

Itaansuun gareen kunis meeshaa to'attoonni tiraafika qilleensaa xiyyaarri adda baasuufi waan irra jiru, saffiisa isaafi ol fageenya isaa ittiin adda baasuun gargaaru dhaamsan.

Kunis xiyyaarichi eessa akka jiru adda baasuuf rakkiisaa taasise.

Oduun butamuu xiyyaarichaa sadarkaadhumaan gara Bulchiinsa Aviyeshinii Federaalaa US (FAA), eejjansii to'annoo tiraafika qilleensaa mootumaatti dabarfame.

Hanga dhugaa jecha Atta ''Xiyyaaroota muraasa arganneerra'' jedhu adda baasuuf eejjansichatti walakkaa sa'aatiin ol itti fudhate.

Yeroo sanattis, balaliinsi biyyattii guutuutti akeekkachiisa tokko malee taasifamaa ture. Isaan keessaa ture xiyyaarrii dhumaa guyyuma sana kan butame.

Presentational grey line

08:42

Balaliinsi Daandii Qiileensaa Yunaayitid 93 (US93) daandii Qilleensaa Idil-addunyaa Niiw Jeersii keessatti argamu irraa gara Saan Firaansiiskoo imaluuf ture.

Ganama sa'aatii 8:00am irratti ka'uuf karoorfamee turulleen tiraafikiin ganamaa waan baayyateef akka turu taasifame.

193

Xiyaarri kunis bakka yaadame hin qaqabne. Akka turu taasifamuunsaa bu'aa kana keessatti gahee baheera.

Haata'u malee, waanti biraa murteessaatu ture. Balaliinis garee xiyyaara butan afur dabalatee, imaltoota 37 fi hojjattoota xiyyaaraa torba waliin ka'e ture.

Xiyyaarichis walakkaa qilleensaa irra osoo jiruu butame.

Presentational grey line

08:44

Butamee sa'aatii walakkaan booda, AA11 samii Niiw Yoork keessaa qaxxaamure.

To'atoonni tiraafikaa kan gara Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa F.Keendii imalee waan se'aniif xiyyaarrii gara biraa akka karaa gadhiisuuf gaafataa turan.

Balaa kamuu qabaatulleen, hojjattuun xiyayarichaa Maadeline Sweeney waan ta'aa ture hunda daqiiqaa 15'f bilbila xiyyaaraatiin to'ataa tajaajila balaliinsa Daandii Qilleensaa Ameeriikaa, Mikaa'eel Wuudwaarditti gabaasaa turte.

Xiyyaarichi gadi bu'uu eegale garuu buufata xiyyaara akka qubatuuf eegameetti hin turre. ''Wanti ta'e mudataa jira. Garmalee saffiisaan bu'aa jirra,'' jette Sweeney.

Wuudward tarii gara itti imalaa jiran tilmaamuu yoo dandeesseef akka foddaan ala ilaaltuuf Sweeney gaafatee ture.

Sweeney akkas jette: ''Baayyee baayyee gadi dhiyaannee balalii'aa jirra. Baayyee suuta balali'aa jirra.''

Sakandiin booda ammoo: ''Waa Waaqayyoo, baayyee gadi dhiyaanneerra.'' Isaan booda ture haasaan bilbilaa kan dhume.

Presentational grey line

08:46

Xiyyaarri AA11 kunis Gamoo Kaabaa kan gammoowwan lakkuu Jidduugala Daldala Addunyaa keessaa tokkootti bu'e. Gamoon kunis darbiiwwan 110 kan qabuufi Niiw Yoork samii tuqaa ture.

179

Kunis dhimma baayyee namatti bitaa gale ture.

Konstans Laabeet wayita xiyyaara jalqabaa dhufaa jiru agarteetti gamoo Kibbaa darbii 99ffa irra hojjataa turte.

''Gogeetuman dhaabbadhee hafe. Hin sochone. Socho'us hin danda'u ture,'' jette.

Sagaleen ishee namoota lubbuun hafanii fi maatiiwwan miidhamtootaa Yaadannoo fi Muziyeemii 9/11 keesstti yaadatamu keessaa jira.

''Yoo gara sanatti dhufaa jiru argaan ture. AA kan jedhu eegeesaa irratti argaan ture. Foddaa balaliisaa argaan ture. Hanga sana natti dhihoo ture.''

Gamoo Jidduugala Daldala Addunyaa erga xiyyaaraan rukutameen booda yoo boba'u Fulbaana 11, 2001

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Wayita gamichatti bu'ameetti sagalee olaanaan dhagahamu dubbatti Laabeet. ''Batala sanatti namoonni keessa turan hundi akka gamicha keessatti du'aniin hubadhe.''

Xiyaarichis gamicha darbii 93 isaatti bu'uun batalumatti namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesse.

Akkasumas, darbii 92 ol kan jiru bira akka hin qaqabamnee taasisuun namoonni dhibba hedduu akka dandaqaman taasise.

AA11

Tibba balaa sanattis boba'aan xiyyaara keessa ture ibiddi akka ka'u taasise.

Bakkeewwan muraasaatti ammoo qilleensisaa sentigireedii 1,000 kan qaqabee yoo ta'u, aara gurraacha dukkanaa'aan ammoo darbiiwwan gubbaa gamoo sanaa haguugee ture.

Quunnamtiin sirna keessoo ammoo namoonni akka hin baaneef ajaja dabarse. Haata'u malee, ittigaafatamaan Laabeet, Roon Faazi'oo namni gamicha keessa jiru kamuu battalattii karaa darbii miilaan irraa bu'amuutiin akka bahuuf ajajan.

Murteen sunis namoota hedduu baraare.

Presentational grey line

08:47

Pirezidaantiin biyyattii kan yeroo sanaa Joorji W Buush, mana barnootaa sadarkaa tokkooffaa Emma E. Brooker kan Filooriidaa keessaa seenaa turan yeroo waa'ee taatee balaa kanaa itti himamuutti.

Bush odeeffannoon dabalataa kan biraa omtuu akka hin jirre itti himame. Kanaafuu, barattoota dubbisuuf karoora qabate itti fufe.

Jiirji W. Buushi ijoollee mana barnootaatiif kitaaba dubbisuu keessatti hirmaate Kibxata Fulbaana 11, 2001.

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa,

Pirezidaanti Bush jalqaba xiyyaara xiqqootu balaa qaqabsiisee jedhuun itti himame

Eejjansiin to'annoo Balaliinsaa daqiiqawwan 20 dura waa'ee butamuu xiyyaara duraa beekulleen, Waashingitan keessatti eejansii gara biraatti himamuunsaa wan galmaa'e omtu hin turre.

Yokaanis Waayita Hawusin illeen omaa hin beeku.

Pirezidaantiin ittaanaan, Daak Chanii akkuma namoota addunyaa kanaa kan biraatti waa'ee oduu kanaa kan dhagahan TV irraa ture.

Xiyaarri attamiin Jidduugala Daldala Addunyaatti bu'uu danda'a?

Yeroodhuma walfakkaatuutti jarri hojjetoota xiyyaa sadaffaa AAZZ to'atan.

Presentational grey line

08:56

Balaan xiyyaara jalabaa mudatee daqiiqaa kudhaniin booda ammoo, bakkeen ibiddaafi aara bahaa jiru jalaa itti dahatan darbii gubbaa irratti hafee ture.

Namoonnis lubunsaanii baraaruuf jecha meetira 300 irra lafatti wayita utaalan mul'ataa turan.

Taateen kunis kallattii biraatiin balaa hamaa haaraan biraa itti dabalame.

Presentational grey line

09:01

Innis ejjansiin to'annoo tiraafika qilleensa federaalaa kan Niiw Yoork keessaa xiyyaarri lammaffaan, UA175 to'annoo fi hordoffiin ala akka ta'e hubate.

Wayita odeeffannoo akka butamuu hin ollee ejjansicha qaqabuutti, tarkaanfii fudhachuun baayyee tureera.

175
Presentational grey line

09:03

Xiyyaarri UA175 kunis gamoodhuma Jidduugala Daldala Addunyaa sanatti bu'uun darbii 77ffaa hanga 85ffaa kan jiru barbadeesse.

Kunis kan mudate haleellaan xiyyaara jalqabaa mudatee daqiiqaa 17 keessatti ture.

Ammas seenaa Niiw Yoork keessatti opareshiniin lubbuu barbaaruu inni olaanaan gaggeeffame.

Konistaans Laabet wayita xiyyaarri gameesheen keessa turte rukutu ishee ganaa gulantaa bu'aa turte.

''Gara darbii gulantaa 72ffaa ykn 75ffaa irra gaheen turen yoon dhagahu. Sagalee olaanaa dhageenyee nuttis dhagahame. Namoonni gamoo keessa turan yoo lafatti kufan argeera,'' jettee turte.

''Akka waan namni tokko gamicha kaasee raasuun deebiisee bakka tureetti deebiiseetu natti dhagahama ture. Akkan hin kufneef qabannaa gulantaan cimsee qabadhaan ture. Garuu namoonni baayyeen kufaa turan.''

Laabet gamichi isaan irratti kufaa akka jiru amanuun irraan gadee deemuu itti fufte.

Haata'u malee, xiyyaarri lammaffaan gamoo isheen keessa turteetti yoo bu'ee ummanni miliyoonaan lakkaa'amu TV fuldura dhaabbatanii argaa turan.

Jalqaba shakkiin ture balaa ta'innaa laata jedhu amma walfaana bade.

AA175

Xiyyaarri lamaffaa kun garuu qaamni kutaa itti bu'ee hafee ture. Kan akka xiyyaara isa duraa walfaana hin barbadeessine.

Akkasumas, gulantaan tokkoo yoo xinnaatee darbii 91ffaa irraa hanga gadiitti banaa ture. Garuu gadi bu'uun sababii dukkana, ajaa boba'aa, aarriifi ibidaatiif baayyee rakkiisaa ture.

Rakkoon gara biraa ammoo sararri yeroo balaa tasaa 911 ture.

Tajaajilliwwan yeroo balaa tasaa bilbiluun namoonni bakka kamuu yoo jiraatan, hanga qaqabamee baafamaniitti bakkuma jiran akka turan ajajan.

Wayita gamoonni Jidduugala Daldala Addunyaa jiguutti namoonni baqataa turan

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa,

Wayita gamoonni Jidduugala Daldala Addunyaa jiguutti namoonni baqataa turan

Lakkoofsi isaa garaa gara ta'ulleen baayyinni namoota gamoowwan miidhaman kanneen keessaa gara gadii bu'uu danda'an baayyee xiqqaadha.

Presentational grey line

09:05

Buush ammalleen ijoollee kutaa 7 fuldura taa'ee ture yoo dureen Waayiti Hawuus Andreew Kaard gurratti usuusuun, haleellaan lammaffaan gammoo lakkuu irratti raawwatamuu kan itti hime.

Pirezidaantichi akkuma taa'eetti hafuun, mataasaa qofa sochosuun hidhiisaa xuuxee.

''Yeroo balaatti dhugaatti yaada naanneefachuu malee raafamuun barbaachisaa miti. Kutaa dhiisee bahuuf yeroo sirrii ta'en eegadhe,'' jechuun ture Bush BBCtti kan himanii turan.

"Waan tasaa gochuu hin barbaadu. Battalan teessuma irraa utaalee ka'uun daa'imman kutaa guutanii turan naasiisuu hin barbaanne. Kanaafan ture.''

U.S. President George W. Bush listens as White House Chief of Staff Andrew Card informs him of a second plane hitting the World Trade Center while Bush was conducting a reading seminar at the Emma E. Booker Elementary School, in Sarasota, Florida, September 11, 2001.

MADDA SUURAA,REUTERS

Presentational grey line

09:24

Battaluma xiyyaarri lammaffaan gamichatti bu'uun mirkanaa'etti, Daandiin Qilleensaa Ameerikaafi Daandiin Qileensaa Yunaayitid biyyattii guutuutti isaan bood xiyyaarri kamuu akka hin balaliineef murtee dabarsan.

To'ataan Tiraafikii qilleensa daandiiwwan Yunaayitid, Ed Baalinger muxannoo waggaa 40 ol qaba ture. Innis tarkaanfii fudhachuun balaliinsa aangoo isaa jalatti argaman hundaaf akeekkachisa dabarsan.

"Nama gara kutaa balaliisaa seenu kamu hubadhaa. Xiyyaroonni lama Jidduugala Daldala Addunyaatti bu'aniiru,'' jedhe Baalinger ergaa gabaabaa isaatiin.

Balaliinsaan xiyyaara arfaffaa Jaasan Daahl, ''Ed ergaa ammaa kana maaloo mirkaneessi... Jaason'' jedhuun akka bitaa itti gale gaafate.

Haata'u malee, deebiinsaa yeroon hin qaqabne ture.

Waggotaan boodalleen, Baalinger ergaan dabarse baayyee ifa hin turre jechuun gaabbiin itti dhagahamaa jira.

Presentational grey line

09:28

Xiyyaarri UA93 irraa ammoo balaliisaa ykn gargaaraan balaliisaa sagalee ukkaamameen iyyaatiin bilbilaa turan.

Bilbilichis to'attoota tiraafikaa Ohi'oo keessaatiin fudhamee ture, haata'u malee, wanti gochuu danda'an omtuu hin turre. Warri xiyyaara butan xiyyaaricha to'atanii turan.

Xiyyaarri UA93 kan butame erga ka'ee daqiiqaa 46 booda ture. Akka xiyyaaroota kaanii walakkaa sa'aatiin booda hin turre. Daqiiqaan dabalataa kun fi balaliinsi 42 akka turu taasifame carraa balaliisa kanaa murteessuuf fayyadaman.

Hogganaan garee kanaa lammiin Labaana Zi'aad Jaaraah, imaltootaa fi hojjattoota balaliinsaa boombiin dorsiisuufi xiyyaaricha gara irraa ka'eetti deebisaa akka jiran himnaan hunduma gara xiyyaarichaa dubbaatti oofan.

Namoonnis bilbila harkaa saaniifi kan xiyyaarichaatiin maatii isaaniitti bilbiluu eegalan. Isaanis namoonni xiyyaaricha butan yoo bilbilaan haasa'an osoo ilaalanii omaa akka hin jenneen dubbataa turan.

Yoo xinnaate namoota 37n xiyaaricha irraa bilbilli bilbilamee ture.

Haala akkasiin ture kan haleellaa gamoo Niiw Yoork dhagahuun yoo yaalii taasisan malee carraa isaan eegataa jiruu kan hubachuu danda'an.

Presentational grey line

09:34

Qondaaltoonni Qalfamni Haqaa Waashingitan irraas xiyyaarri sadaffaan butamuu dhagahanii jiru.

Abbaan seeraa Waliigalaa Teedoree Olsoon oduu kana haadha warraasaanii Baarbaraa kan balaliinsa AA77 irra turte irraa dhagahan.

Olsoon haatii warraa isaa: ''Balaliisaatti maal himu? Balaliisiichi maal akka godhu itti himu?'' jechaa akka turte himan osoo sararri adda hin citiin dura.

Qondaaltonnis waraanatti himuuf murteessanii erga bakka xiyyarichi jiru adda baafachuu rakkaataniin booda.

''Akkasumas, Ameerikaa 77 dhabneera,'' jedhee jidduugalli to'annoo tiraafika qilleensaa Waashingitan, Ajajaa Ittisa Qilleensaa Ameerikaa Kaabaatiin. Qaamni kunis naannoo qilleensaa US haleellaa irraa ittisuuf qaama ittigaafatamaa ta'eedha.

An arrival board at the Los Angeles Airport 11 September 2001 displays cancelled flights around the nation as the attacks unfolded

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Tajaajilli Iccitii ammoo qondaaltoota daandii qilleensaa Waashingita Roonaald Reegaan irraa xiyyaarri adda hin baanee tokkoo gara Waayit Hawuusiitti imalaa jiraachuu itti himame.

Pirezidaantiin ittaanaan gara holqa dahootti geeffaman, haata'u malee, xiyyaarichi digrii 330n garagale.

Xiyyaarichi Waayit Hawuus ykn gamoo Kaapitooliif osoo hin taanee gara gamoo Peentaagoon kan fageenya kiloomeetira 8 irratti argamuutti saffisa km1,900/sa'aatiin qajeele.

Presentational grey line

09:37

Xiyyaarri AA77 gamoo Peentaagoon gara liixaatiin rukute. Kanaanis ibidda samii keessaa mitirawwan 60 faca'e uume.

Kanaanis namoonni xiyyaaricha keessa turan 64 fi kanneen Waajjira mummee Qajeelcha Ittisaa keessa turan 125 ajjeefaman.

Namoonni baayyeen ammoo miidhaaf saaxilaman.

AA77

Haleellaan gamoo Peentaagon irratti raawwatamee akka kan gamoo lakkuutti hin dhagahamne ture.

Garuu ammoo Pirezidaant Bush haalaa akkasiin hin turre kan itti dhagahame.

"Xiyyaarri jalqabaa balaa ta'uu mala ta'a. Kan lamataa haleellaadha. Sadaffaan ammoo waraana labsameedha,'' jedhan Buush.

Urkaa erga xiyyarichi gamoo Peentaagoon kan Varjiniyaa UStti argamuutti bu'een booda umameedha

MADDA SUURAA,EPA

Ibsa waa'ee suuraa,

Imlatoonni xiyyaara AA77 keessa turan hundiifi kanneen gamoo keessa turan hedduunis ajeefamaniiru

Presentational grey line

09:42

Erga haleellaan Peentaagon irratti raawwatameen booda, FAA batalumatti balaliinsi kamuu akka hin sochooneef ajaja dabarse.

Guutuu UStti namoonni 4,500 bakkuma jiraniitti akka turan taasifaman.

Haata'u malee, waa'ee xiyyaara qilleensarra ture, UA93 sodaatamaa ture. Innis butamuun bakki jiru baruu hin dand'amne ture yeroo sanatti.

Presentational grey line

09:57

Yeroo sanatti hojjattoonniifi imaltoonni xiyyaara UA93 ammoo yoo garee xiyyaricha butan irratti waan raawwatan malee akka hin hafne hubataniiru.

Aliis Ho'aaglaand hojjattuu balaliinsaa duraanii, ilma ishee Maark Binghaam, kan xiyyaaricha keessa tureef ergaa sagalee dabarsite.

"Maark, kun haadha keeti. Oduun shororkeessitootaan butameera kan jedhu. Tarii karroorrisaanii xiyyaarichatti fayyadamuun lafarratti bakkeewwan ta'e rukutuufiidha. Gara fuula duraa deemitii dhaabisiisuuf waan dandeessu hunda raawwadhu jechuun barbaada,'' jette ergaashee jalqabaatiin.

Ergaa lamaataatiin ammoo ariitiin dubbachaa akkas jechuun gorsite:

"Balaliinsi gara Saan Firaansiskootti imalaa jiru jira jedhan. Kan kee ta'uu danda'a, uh, kanaaf yoo dandeesse, namoota muraasa waliitti qabuun, to'achuuf kan dandeessan raawwadhaa. Siin jaaladha, jaalatamaa koo. Carraa gaarii. Nagaatti.''

Akka odeeffannoo namoota lafarra jiraniitti himameetti, falli ture namoonni balaalinsicharra turan hundi garee turan kanneen waliin wallaansoo qabu ture.

Presentational grey line

09:58

Osuma sodaan cimaa jiruu gamoowwan Kibbaa jijjigan.

Gamoon kunis jigee barbadaa'uuf sakandii 11 qofaa itti fudhatee ture.

Namoonni gamoo sana keessa turan hundiifi kanneen daandiirra turan, akkasumas kanneen hoteela Maari'ootee keessa turan dabalatee hedduun lubbusaaanii dhaban.

The south tower of the World Trade Center collapses September 11, 2001 in New York City.

MADDA SUURAA,GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa,

Gamoon Kibbaa jiguuf sakandii 11 qofaa itti fudhate

Konstaanse Laabet namoota osoo jijjigaafi aara naannicha haguugaa jiruu, gamoo kana keessaa lubbuun bahuu danda'an muraasa keessaa tokko.

Ganama ittaanu, hogganaan ishee fi 'gooti'' namoonni hundi akka gamoo keessaa bahaniif jajabeessee ofiisaatiin bahuu akka hin dandeenye dhageesse.

Presentational grey line

10:03

Daqiiqaawwan jahaaf imaltoonni UA93 gara kutaa balaliisaa seenuun qamolee xiyyaara butan waliin wallaansoo qabuuf xiyyaara deebiisanii to'achuuf yaalan.

Wayita isaan kutaa balaliisaa seenuuf yaalaa turanittis, waraabbiin balaliinsaa sagaleen iyyaa, haleellaafi ofilaaliin wayita cacabfamuu dhagahameera.

Yeroo tokkorrattis, Zi'aad Jaaraah xiyyaaricha bitaafi mirgatti raasuun imaltoota akka rukutaman taasisuuf yaalee ture. Warreen xiyaaricha butan kaan ammoo karra cimsanii cufaa turan.

Jaaraah akkas jedhe: ''Akkasii? Haa xumurruu? Warra xiyyaara butan keessaa tokko ammoo: ''Lakkii lakkii ganaadha. Yoo hundisaanii dhufan xumurra,'' jechuun deebiise.

Yeroo kanattis bakka karoorfatan Waashingtan DC irraa daqiiqaa 20 fagaatu ture.

Jaaraah ammas xiyyaaricha kuffisuu akka qabu isa tokko gaafate. Yeroo kanattis ''eeyyeen'' jedheen.

AA93

Yeroo kana xiyyaarichi sagalee irraangadee bu'uu dhageesisuun, kanneen xiyyaaricha butan keessaa tokko iyyuun ''Waaqni guddaadha. Waaqni guddaadha,'' jedhe.

Imaltoonni haleellaa isaanii akkuma itti fufanitti xiyyaarichi Shankisvillee Peensilvaaniyaa keessatti saffiisa sa'aatiin km 930n dirree qullaa irratti kufee cacabe.

Namni tokkoolleen lubbuun hafuu hin dandeenye.

Waayit Hawuus ammoo xiyyaarichi rukutamee kufuu adda baafachuuf daqiiqaa baayyee itti fudhate.

Waraanni bakka yaadee Waayit Haawuus ykn gammoo Kaapitool akka hin qaqabneef akka rukutamuuf ajajee ture.

Presentational grey line

10:28

Yeroo kanatti erga xiyyaarrii AA11 Gamoo Kaabaatti bu'ee daqiiqaa 100 ol darbeera.

Haleellaan xiyyaara irratti raawwatamee daqiiqaa sagal keessatti jijjiguun biyyootti makame.

Biil Isaad Qajeelcha Ittisa Ibidda Niiw Yoork kan Gamoo Kaabaa irraa fageenya meetira xiqqaa irratti argamuu irra ture. Dhoohnsichi mudates fageenya meetira 12tti jijjigaa jalatti darbate.

Daaraa keessaa ka'uun gara fuula lafaarratti deebii'uuf sa'aatii tokkoo itti fudhate. Boodarras hojjattoota balaa ibidda gareesaa 12 keessaa lubbuun kan hafe isa qofaa ta'uu bare.

Eessuumni isaa balaliinsa UA93 keessa tures ni du'e.

Miseensoota garee xiyyaroota butanii 19 malee, haleellaa US irratti raawwatameen namoonni 2,977 ajjeefaman.

Baayyina namoota du'anii

Taateen kunis seenaa US keessatti yeroo hojjattoonni balaa tasaa hedduun itti du'anidha.

Niiw Yoork keessatti hojjattoonni balaa tasaa ibiddaa 343 du'an.

Dabalataanis, namoonni kuma 400 ta'an ammoo summii, miidhaa qaamaa fi miidhaa miiraa dhukkuubiif isaan saaxileefi boodas yeroo muraasaan booda kan du'aaf saaxileen miidhamanii jiru, akka Jidduugalli To'annoo fi Ittisni Dhibeewwan US jedheetti.

Dhiibbaan haleellaa 9/11 kunis hanga ammaattilleen itti fufuun addunyaatti dhagahamaa jira.

US bara 2001tti bakka al-Qaa'idaan itti dahatee ture Afgaansitaan weeraruun Osamaa Bin Laadan barbaachuuf bobbaate.

Boodas adeemsi 'waraana shororkeessaa irratti gaggeeffamu' jechuun Bushiin eegalame bara 2003tti Iraaq akka weeraramtu taasise.

Erga haleellaan kun gaggeeffamee waggoonni 20 darbaniiru. US ammoo waggaa 20 kabajiif torbanoonni yoo hafan Afgaan keessaa baate. Haata'u malee, hokkaraafi jeequmsaa guddaan bahame.

Taalibaan deebiyee amma Afgaan keessatti aangoo qabateera.

Ergamni US kan Afgaan keessaa tures amma ifatti xumurameera. Haata'u malee, gara fuula duraatti boqonnaawwan badiinsaa hedduun mudachuu danda'u ta'a.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU