Posts

Showing posts from November, 2021

WBO fi TDF Imala Gara Finfinnee Akka Dhaaban Gaafataman.

'WBO fi TDF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban barbaanna'-Biliinken Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkeen kan daawwannaa hojiif Keeniyaa jiran WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan dhaabuun mariin dhukaasa dhaabuu akka eegalu gaafatan. Keeniyaa daawwachaa kan jiran Ministirri Haaja-alaa Ameerikaa Antonii Biliinken marii Pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa waliin taasisaniin booda Naayiroobiitti miidiyaaleef ibsa kennaniin waraanni Itoophiyaa babal'achaa jiraachuu isaatiin daran yaadda'uu himanii, humnooti WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban gaafataniiru. Ameerikaan Lammileen ishee hatattamaan Itoophiyaa keessaa akka bahan irra deebiin waamicha kan dhiyeessite yoo ta'u, kunis sababa waraanni hammaachaa jiruufi jedhan Anthony Blinken. ''Akkuma torbaniif gochaa turre, lammileen Ameerikaa Itoophiyaa keessa jiran hundi carraa jiru maratti fayyadamuun biyyattii gadi dhiisanii akka bahan hubachiifna. Waraanni hammaachaa fi kutaalee biyya