WBO fi TDF Imala Gara Finfinnee Akka Dhaaban Gaafataman.

'WBO fi TDF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban barbaanna'-Biliinken

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkeen kan daawwannaa hojiif Keeniyaa jiran WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan dhaabuun mariin dhukaasa dhaabuu akka eegalu gaafatan.

Keeniyaa daawwachaa kan jiran Ministirri Haaja-alaa Ameerikaa Antonii Biliinken marii Pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa waliin taasisaniin booda Naayiroobiitti miidiyaaleef ibsa kennaniin waraanni Itoophiyaa babal'achaa jiraachuu isaatiin daran yaadda'uu himanii, humnooti WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban gaafataniiru.

Ameerikaan Lammileen ishee hatattamaan Itoophiyaa keessaa akka bahan irra deebiin waamicha kan dhiyeessite yoo ta'u, kunis sababa waraanni hammaachaa jiruufi jedhan Anthony Blinken.

''Akkuma torbaniif gochaa turre, lammileen Ameerikaa Itoophiyaa keessa jiran hundi carraa jiru maratti fayyadamuun biyyattii gadi dhiisanii akka bahan hubachiifna. Waraanni hammaachaa fi kutaalee biyyattii hedduutti babal'achaa jiraachuu isaatiin daran yaaddofneerra.''

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad torbee darbe sagantaa Addisa Waga irratti yoo dubbatan dullii magaalan Finfinnee akka weeraramte fakkeessuu burjaajii uumuufu mootummaa bir'achiisuufi jedhaniiru.

Bara Dargiin kufus tarsimoon akkasii waraanichi Finfinneerraa KM 300 fagaatee osoo jiruu gaggeefamee jedhanii biyya gadhiisanii akka bahan dhiibaa godhamuuf akka hin jilbeeffanne himan.
Keeniyaan gama isheen Pireezidant Keeniyaattaa dabalatee yaalii aanga'oonni biyyoota alaa waraana kanaaf furmaatni mariin akka argamu godhamaa jiruun mootummaafi hidhattoota Tigraay gidduu waliigalteen dhukaasa dhaabuu ni raawwata abdii jedhu qabaachuu Ministirri Haajaa Alaa biyyattii Raasheel Omaamoo himaniiru.

''Dandeettii Itoophiyaan rakkoo kanaaf fala karaa nagaa soquuf qabdutti ni amanna. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu gochuun waan danda'amuudha'' jechuun Raasheel AFP'tti himaniiru.

 Bliinken ibsa isaanii kanaan ''wanti argaa jirru balaan tokkummaa fi akka biyyaatti turuu Itoophiyaa danqu guddachaa jiraachuu isaati. Kanaaf hunda dura nageenya lammilee Ameerikaa fi hojjettoota imbasii keenyaa eeguun dirqama kooti, dirqama keenya'' jedhan.

Daawwannaa hojiif yeroo duraaf gara Afrikaa kan dhufan Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkeen Keeniyaatti Pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa waliin waayee nagaa fi tasgabbii naannoo fi kaanirratti haasa'an.

Dubbii himaan waajira pireezidantii Keeniyaa ibsa baaseen Pirezidaant Keeniyaattaafi Antonii Bilinken dhimmoota akka weerara Koronaa, dhimma jijjiirama qilleensaa fi nagaafi tasgabbii naannoo Gaanfa Afrikaarratti mariyachuu ibseera.
Biliinkeen marii kan booda ibsa kennaniin ''Abdii fi amantaan jabaan ani qabu, halli biyyattii gara duraan turetti deebi'ee, akka isaan nagaan deebi'uu danda'an akkasumas Itoophiyaan gara fuulduraa imaluu akka dandeessu ni tumsina kan jedhudha. ''

Qaamoleen hundi walitti dhufanii waraanaa dhabuuf mariin eegalamuufeena
Yaalii Gamtaan Afrikaa waraanichi karaa nagaa akka xumuramu gochaa jiru ni deeggarra kan jedhan Anthony Blinken, qaamoleen hundi garaagarummaa jiru mariin furuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waraanni jalqaba naannoo Tigraay keessatti rakkoo namoomaa guddoo uume amma naannoolee Affaariifi Amaaraattis ce'ee inumaa gara gidduugala biyyatti dhiyaachaa akka jiru kan kaasan Biliinken waraanichi naannoo Gaanfa Afrikaaf balaadha jedhan.

''Lammileen kunneen deeggarsa barbaadan akka argatan mirkaneessuu akkasumas, waraanni dhaabbatee mariin akka eegalu gochuu qabna. Kanatti dabalatan waraanni Itoophiyaa nagaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaaf balaadha. Kun nuuf yaaddoo guddaadha, akkasumas michoota keenya akka Keeniyaafis yaaddoodha.''

''Kanaaf qaamoleen hundi of duuba akka deebi'an, WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban barbaanna. Qaamoleen hundi walitti dhufanii waraanaa dhabuuf mariin eegalamuu arguu feena'' jedhan Biliinken.

Gargaarsi namoomaa danqaa malee dhaqqabuu akka danda'u, namoonni hidhaman akka gadi dhiifaman fi qaamni hunduu walitti dhufanii garaagarummaa jiru karaa nagaa fi bu'uuyraa heeraatiin akka furan barbaannas jedhaniiru.

Bakka bu'aan Gamtaa Afrikaa pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obsaanjoo rakkooo kana mariin furuuf yaalii godhan akka deeggaraniis himaniiru.

''Wanti baramuu qabu,wal-dhabdee kanaaf furmaatni karaa waraana argamu tokko hin jiru, qaamooleen hundi kana hubatanii akkatuma kanaan socho'uu qabu.''

Pireezidant Keeniyaattaa waliin maal mariyatan?

Minsitira Haajaa Alaa Biliinken erga ta'anii yeroo duraaf gara Afrikaa kan imalan yeroo ta'u, Keeniyaatti dabalataan Senegaaliifi Naayijeeriyaa daawwatu.
Mariin aanga'oota lamaanii har'aa itti fufinsa marii Keeniyaattaafi Baayidan ji'a darbe Waashingitan DC godhanii turee akka ta'e dubbii himaan waajira Pireezidantii(state house) Keeniyaa Kanze Dena Mararo ibsaniiru.

Pireezidant Keeniyaattaa deeggarsa misoomaa Yunaayitiid Isteets keessumaa gama seektara Fayyaan Keeniyaaf gochaa jirtuuf galata dhiyeessaniiru. Keeniyaan fedha guddaa naannoo kanatti gidduugala omishaafi kuusaa talaallii ta'uuf qabdu hubachiisaniiru.

Biliinken gama isaaniin Keeniyaan gama faalama qilleensaa xiqqeessuuf madda anniisaa magaariisaa jajjabeessuuf gootu dinqiifachuun gama kanaan carraan hariiroo jabaa uumuu akka jiru akeekaniiru.
Biliinkeen erga tiwiitara isaanii gubbaatti maxxansaniin ''Covidd-19 hanga jijjiirama qilleensaatti, guddina diinagdee hunda galeessa saffisiisuurraa, galmoota idila addunyaa milkeessuun michuu akka Keeniyaa yoo qabaatan malee hin danda'amuu'' jedhan.

Mootummaan Ameerikaa waraana Itoophiyaa keessa adeemaa jiruu xiyyeeffannoo addaan hordofaa jirti.
Waraana kanaaf falli siyaasaa akka argamu dabalatee kanneen waraana kana keessatti sarbama mirga namoomaa raawwataniiru jettuun kanneen akka humnoota Eertiraarra qoqqobbii keesseetti. Itoophiyaa carraa daldalaa qaraxarraa bilisaa AGOA keessaa baasuufis murteessiteetti.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaan Ameerikaa dabalatee biyyootni Lixaa tokko tokko dhimma keessoo keessa galaa jiru jechuun ejjennoo Ameerika ija shakkiin ilaala.

Maddi BBC 
Toora Facebook @gadanewsservice
Telegram https://t.me/gadanewsservice

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU