Posts

Showing posts from January, 2022

Fitawurarii Jiidhaa Tufaa

Jiidhaa Tufaa Ayyaantuudha. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa kan dhalatan abbaa isaanii Obbo Tufaa Barii fi haadhaa isaanii Aadde Simbirroo yoommuu ta'u; kan dhalatanis bara '' mashashaa '' jedhamuudha. Iddoon itti dhalatan immoo Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Jalduu iddoo addaa Siibaa Garjii jedhamee waamamuttiidha.  Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa osoo maqaa kabajaa kanaa fi Ayyaantummaa osoo hin argatin dura obbo ' Jiidhaa Tufaa ' jedhamanii waamamaa turan. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa yeroo ijoollummaa isaanitti jiruu baadiyyumaatin waan humni isaanii danda'een maatii isaanii gargaaraa guddatan. Maatii isaanii fi hawaasa naannichaa biratti naamusaa fi naatoo guddaa qaban ture.  Yeroo dargaggoomanii gaa'elaaf gahan durbee Warqinash jedhamtu waliin bultii hundeeffatanii waliin jiraachuu eegalan. Osuma Aadde Warqinash waliin jiraachaa jiranii weerara biyyarraa qolachuuf loltummaan Afe Nigus Xilaadhaf qacaramanii akka maqaa yeroo sanaatti kutaa biyya sidaamootti yeroo b