Fitawurarii Jiidhaa Tufaa

Jiidhaa Tufaa Ayyaantuudha. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa kan dhalatan abbaa isaanii Obbo Tufaa Barii fi haadhaa isaanii Aadde Simbirroo yoommuu ta'u; kan dhalatanis bara ''mashashaa'' jedhamuudha. Iddoon itti dhalatan immoo Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Jalduu iddoo addaa Siibaa Garjii jedhamee waamamuttiidha. 

Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa osoo maqaa kabajaa kanaa fi Ayyaantummaa osoo hin argatin dura obbo 'Jiidhaa Tufaa' jedhamanii waamamaa turan. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa yeroo ijoollummaa isaanitti jiruu baadiyyumaatin waan humni isaanii danda'een maatii isaanii gargaaraa guddatan. Maatii isaanii fi hawaasa naannichaa biratti naamusaa fi naatoo guddaa qaban ture. 

Yeroo dargaggoomanii gaa'elaaf gahan durbee Warqinash jedhamtu waliin bultii hundeeffatanii waliin jiraachuu eegalan. Osuma Aadde Warqinash waliin jiraachaa jiranii weerara biyyarraa qolachuuf loltummaan Afe Nigus Xilaadhaf qacaramanii akka maqaa yeroo sanaatti kutaa biyya sidaamootti yeroo baay’eedhaaf jiraachaa turan. Akkasiin osoo  lolanii lolchiisaa jiranii haala isaan hin eegnen tasa Ayyaanni dhugaa Oofaa irra bulee argame. Yeroo kanas hojii idilee isaanii adda kutuudhan gara iddoo dhaloota isaanitti deebi'uuf dirqaman. Osoo hin turin iddoo dhaloota isaanii Siibaatti deebi'uun jiraachuu eegalan. 

Kana booda seera Ayyaannii isaanii barbaadu hunda erga guuttatanii booda kan wal dhabe walitti araarsun biyyaaf nagaa kadhachuudhaan, yoo hoongen biyya muuddate Waaqa isaanii kadhachuudhan bokkaa roobsisuun midhaan facaasuun rakkina tokko malee haamamee tumamee gootaraatti akka galu uumaa isaanii kadhachuun ummata isaanii tajaajilaa turan. Barri kunis bara mootittii Zawudituu Minilik  II ture. 

Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa hojii gaarii ummata isaanif hojjatan ilaaludhaan ummanni walitti qabamuudhan kaka'umsa mataa isaanin mootummaan osoo hin mari'atin waamicha ''Obbo''jedhamu irraa kaasudhaan maqaa kabajaa ''Fitawraarii''jedhamu muudanii ''Fitawraarii Jiidhaa Tufaa'' jedhanii waamuu eegalan.

Yeroo tokko Nigist Zawudituun waa'ee maqicha kabajaa kana Fitawraarii Jiidhadhaan ''muudama kana eenyutu siif kenne? Eenyutu si muude?osoo nuti hin beekne jettee gaafatte. Isaanis deebii gabaabadhaan ''Nigist ummata ani naannoo keessa jiraadhudha'' jedhanii deebisaniifi. Nigisti Zawdituunis deebii Fitawraarii Jiidhaa ajaa'ibsiifattee ''haa ta'u, nutis muudama kana haayyamne''jedhanii mirkaneessudhaan mana mootummaatii jalqabee hanga mana jireenyaa isaanii Walmara gahutti xurumbaa afuufamaa Fardaan dabaalamuun mana gahan.

Haaluma wal fakkatun yeroo Nigist Zawudituun duutee Atsee Hayila Sillaaseen aangoo qabatu muudama  'Fitawraarii Jiidhaa Tufaa'' jedhamu kana sagantaa guddaa ummanni bal'aan irratti argamerratti mirkaneessaniifii jiru. Ummanni naannoo hiriira bahanii fudhachuudhan mana isaanii Qobbootti argamutti galan. Ummanni Fardoota hedduun bahee diddiqsaa dabaalan. Sana booda Qobbo irraa ka'uun ummanni gara Kumeetti imalchiisan. 

Ummanni dibbee rukutuudhaan duultonni yaa'udhaan xurumbaa afuufanii ililtaan kabajanii yemmuu gaggeessan ummanni daandii irratti argamee ture hiriiranii wal ta'uudhan faarsaa dabaalaa turan. 

Akkas jechuudhan faarsan;
''Yaa Garasuu warreen maal jedhanii
Jiidhaa Tufaa Warqii shallamanii'' jedhuushan sirbaa adeeman. Bara kana waraanni manca'ee waan tureef akkuma sanaan gara mana mootummaatti waamamanii waraanichaaf deeggarsa kan ta'u ummanni waan barbaachisuuf, di sababoota biroon gara bosonaa kan gale mana isaayii bahee kan shokate hundi mootummaan araara kan godhe ta'uu karaa Fitawraarii Jiidhaa Tufaa gabaa fi iddoo ummanni itti sassaabbamu hundatti labsiin himame, ummanni biyya isaaf akka duulanii fi diina akka waraanan jedhamee akka himamuu fi Abbaa duulummaa Fitawraarii Jiidhan gara Goojjamitti akka duulan ergamni itti kenname. 

Fitawurarii Jiidhan bu'uruma ergama isaanitti kennameen ummata walitti qabanii gara adda waraanaa Goojjam deemaa osoo jiranii magaalaa Kaachis yommuu gahan ergamaan ergame meeshaa ammayyaa waan hin qabneef waraana qabachuun haa deebi'u jedhamuu isaaniitiin deebi'anii mooraa/mana mootummaa akka eegan ajajaman. Akkuma sanaan waraannichi hoo'ee Xaaliyaanin biyya keenya Weerarte. 

Yeroo kanatti Atsee H/Sillaaseen gara Maycawu duuluu fi gara ari'amuutti yemmuu deemuuf jedhu Fitawuraarii Jiidhaa Tufaa mooraa keessatti waamanii Obbo Mokonnin H/waldi gumsaa ol aantummaa isaanii kennaniifii mooraa akka eegan ajajaman. 

Jaanhoyi ajaja Kana erga kennee booda Fitawuraarii Jiidhaa mooraa keessatti waamanii Obbo Mokonnin H/waldeegumsaa olaanaa isaanii kennameefii mooraa akka eegan ajajan. Jaanhooyi kana erga kennee booda Fitawuraari Jiidhaa ilaaluun "amma yoo duulle ni moona moo ni moo'amnaa?" jedhee yeroo gaafatu battalumatti "Jaanhoyi hin moo'attan, ni moo'amna'' jedhanii deebisaniifi. 
Jaanhooyi aaridhaan "atis akkas jettee? nuti moonee malee moo'amee hin deebinu! yeroo ijifannoo keenya mirkaneeffannu sanatti ati sobduu ta'uu keetin dirree irrattin si ajjeesa!'' jedheen. Fitawuraarin irra deebi'anii ''na ajjeesaa malee jechi koo Kanuma, waggaa Shaniin booda ni deebi'u yeroo sanatti ani isin waliin wal hin arginu" jechuudhan eejjannoo isaanii ibsaniif. 

Jaanhooyi jecha Fitawuraari Jiidhaa barreeffamaan akka ajaju fi barreeffamichis kooppii lamaan barreeffamee, tokko harka Fitawurarii Jiidhaa, lammaffaan akka waajjira Jaanhooyi taa'u ajaje. 

Barreeffamichis barreeffamee akka inni taa'u erga ajajee booda Obbo Makonnin H/waldeegugsaa olaanaa kennamiifii eegduu mooraa taasisan. Jasnhooyi gara ari'atamuutti deeme. Kanaan booda weerara Xaaliyaaniin Itoophiyaa waliin Shaaqaa Ballihuu kan jedhaman safara Xaaliyaanii jiraachaa waan turaniif Shawaaleensaa namni jedhamu boombii Xaaliyaaniitti darbatanii ajjeesuu isaaniitiin kan ka’e eenyun akka ta'e beekuf naannoon yemmuu sakatta'amu haati warraa Fitawurarii Jiidhaa mana jireenyaa Aadde Maammitee kan jedhamanitti galanii yemmuu sakatta'aman Jaanhoyin kan barreessisan jecha Fitawurarii Jiidhaa kooppii tokko warri sakatta’an waan arganiif tarii isaan ta'uu mala shakkii jedhuun barbaaddamanii akka qabamanii murtoof akka dhihaatan ajajni itti kenname.

Fitawurarii Jiidhaa Xaaliyaaniin galee waggaa isaatti Hoolotatti qabamanii hidhaman. Xaaliyaanonni Fitawurarii Jiidhaa dhiheessanii ''ati nama lammii mootummaa kee gargaaru waan taatef hidhamtee erga turtee booda fannifamtee du'uu qabda'' jechuun itti murteessan. 

Turtii yeroo gabaaban booda ''ati nama raajii dubbatu fakkaatta, jecha ati kana dura jette barreeffama irratti ilaallerra, mee dhuguma dubbataa raajii yoo taate sa'attiin kun jabbii bifa akkamii fi saala akkamii qabu dhalti!'' Jedhanii sa'a rimaa tokko dhiheessanii gaafatan, Fitawurariinis akkuma sanaan ''sa'attiin kan dhaltu jabbii jibicha bifa adii qabu''jechuun yemmuu deebisan gidduudhaa Xaaliyaaniin tokko aaree saanjaa/shukkaa qabateen mi'a garaa sa'attii yeroo tarsaasu, akkuma jedhame jibichi adiin garaa sa'aa keessaa argame. Kana booda Xaaliyaaniin waggaa shan booda Itoophiyaa gadi lakkisanii akka bahan itti dabaluun himan. 

Dhumarrattis ''ati nuufuu yaaddodha''jedhanii fannifamanii akka ajjeefaman itti murtaa'ee, Sanbata duraa Bitootessa 25/1929 Hoolota Gannat keessatti bakka ummanni baay’een walitti qabamanitti yemmuu fannifaman yeroo tokkoo fi lama funyoon (wadaroon) ittiin fannifaman citee yemmuu warri fannisan rakkatanii irra dedeebi'anii fannisuuf yaalanii dadhaban aaridhaan funyicha harkaa butuudhan gorora isaanii itti tuttufuun harkuma isaan ittiin funyicha morma isaanii keessa galchuudhan lubbuu isaanii akka darbitu godhanii jiru. Guyyaa lamaaf dirree irratti fannifamuun erga turaniin booda Bitootessa 27/1929 iddoo itti fannifaman irraa bu'anii awwaalaman.

Itti fufaniis warra waliin hidhaman keessaa gaafa Kibxataa Kolooboo gadaa rasaasaan ajjeefaman. Guyyaa Kamisaa Balamuu Charinat fi Jimaata qanyazmach Bultoo Daalachaa fi Bashaa Shuumee Gonjobaa rasaasan ajjeefaman. Sanbata duraa reeffi Fitawurarii Jiidhaa iddoo itti fannifame irraa bu'e yeroo sanaatti Xaaliyaaniin biyyattii guutuu weerartee waan turteef goota dubartii kan turan Obboleettiin Jiidhaa Aadde Jifaaree Tufaa aariif dheekkamsan ka'anii ''obboleessi koo Fitawurarii Jiidhaan ni du'e, obboleessi koo hangafaas Mul'ataa Tufaas ni du'e, akkasumas Hirkoo Mul'ataas du'eera, keessumattuu immoo Jaanoyi ari'atamee deemeera jedhanii Finfinnee irraa gara biyya dhaloota isaanii deemudhaan firoottan koo akka na gargaaran godhee firoottan koo kan ajjeese fi diina biyya koo weerare kana waraanee miidhama koo bahuutu narra jira'' jechuun ijoollee isaanii Fitawurarii W/mikaa'el Goodhaa, Kooloneel Olaanaa Jiidhaa, Ajajaa Dhibbaa Sanbataa Tirtiree, Qanyaazmach Tulluu Qananii, Qanyaazmach Walda Aragaany Achaamyellaw, Qanyaazmach Maammoo Ejeree, Obbo Bulii Roobii fi gootota naannichaa walitti qabuun Xaaliyaanii waraanaa turanii biyya keenya keessaa akka bahan gumaacha guddaa godhanii jiru. 

Jarreen ijoollee Fitawurarii Jiidhaa turan Ayyaantuu Garasuu Jiidhaa maal hojjetan? Gidduutti miidhaa maalitu irra gahe? Waan jedhu irraa waanuma xinnoo ishee haa ibsinu malee seenan isaanii kaafamee hin dhumu. Bara mootii moototaa jalqabaa hanga bara 1966 mootummaa Dargiitti Ayyaantuu Garasuu Jiidhaa naannoo adda addaa naanna'uun ummaticha tajaajilaa turanii jiru. Osuma tajaajila kanaan jiranuu mootummaan Dargii biyyattii erga dhuunfatee booda ''Ayyaantuwwan adda addaa fi hordoftoota amantichaa ijuma kootin hin arguu'' jechuudhan amantichi akka badu qabeenyanis akka barbadaa'u meeshaaleewwan caccabsuun hordoftoota amantichaa hidhuun rakkina hedduu uumaa kan ture yommuu ta'u Ayyaantota dhiibbaan kun irra gahaa ture keessaa inni tokko Ayyaantuu Garasuu Jiidhaati.

Bara 1967 guddinaan waldaadhan duulli yeroo taasifamee turetti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Roobiitti iddoo maqaa addaa isa Duulasaa Qorichaa(Shiroo) Ganda jedhamu keessa manaa fi qabeenya qabaachaa turan. Duula farra aadaa gaggeessun akka diigamuu fi akka saammamu dhiibbaa heddu irratti taasiseera.

Baruma kana duultota gamtaa guddinaa(እድገት በህብረት ዘመቻ) ummata naannichaa kakaasudhaan qindeessanii, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejeree maqaa yeroo sanaan(Addis Alam) keessatti naannoo addaa bakka Qobboo jedhamutti manaa fi qabeenya isaanii saamudhaan balaa hamaa irraan gahanii turan. Akkasumas aanaa Meettaa Roobii iddoo addaa Qoree fi Ginnoo jedhamutti jiraattota naannichaa akka qindeessan gochuun manaa fi qabeenya isaanii mancaasanii mi'oota ciccimoo bakka birootti miliqsuun kan dura fudhatan yemmuu ta'u waggaa sadiin booda deebi'anii dhufanii qabeenya iddoo kanaa irratti hafee ture balleessaniiru. 

Bara 1976 Aanaa Meettaa Roobii ganda Dullachaa Qorichaa ykn Shirootti qabeenya argamu eegdonni biyyattii fi bulchaa Aanichaa waliin ta'uun qabeenya isaanii saamun maatii isaanii irratti gidiraa gita hin qabnee fi reebicha heddu akka irratti raawwate namoonni lubbuun jiranii fi Ayyaantuu Garasuu Jiidhaa ni dubbatu.

Ta’us miidhaa fi gidiraan kan irra gahe Ayyaantuu Garasuu Jiidhaa matuma isaanii fi maatii isaanii jajjabeessun erga turanii booda dhiiga ijoollee qabsaa'ota ummataatiin wareeggama guddaa guddaa kaffalanii jiru. Akkanumaan itti fufanii osoo jiranii bara 1983 yeroo Wayyaaneen sirna Dargii kuffisee aangoo yaabu hanga tokko Ayyaantotaaf fooyyen dhufe. 

Sirna kana keessa hangi maluuf kennamuufii baatus cunqursaan bara Dargii labsiidhan Ayyaantotaa fi Duudhaa Oromoo fi Oromummaarratti labsame daangeffamee ture. Haaluma kanaan manaa fi qabeenyi diraan Ayyaantuu kanarraa fudhatamee ture deebi'eefii miidhaa fi gidiraa darbe gara boodatti dhiisuun fuula isaanii gara tajaajila hawaasaa fi misoomaa naannoo isaanii irratti naannessuudhan ummata isaanii wajjin hojii boonsaa fi raajiiwwan baay’ee hojjachaa turanii jiru. 

Ayyaantuu Garasuu Jiidhaa biyya isaanii fi ummata isaaniif maal hojjetan? gaaffin jedhu ka’uu waan maluuf hanga xiqqoo ishee isiniif qooduf; daandin baasii isaanin waggaa afur dura hojjatame manca'uu isaatin yeroo lammeessof qarshii 300,000.00(kuma dhibba sadi) baasii gochuidhan bonas ta'ee gannaaf tajaajila akka kennuuf cirracha uwwisundhan hojjisiisanii ummataaf dabarsanii kennanii jiru.

Daandin yeroo lammeessof suphamee ture ammas marroo sadeessof bara 1999 sababa misooma Habaabootiif daandichi kallattii birootin waan jijjiirrameef suphamuu kan barbaachisu suphamee, riqichi iddoo barbaachisutti riqicha hojjisiisanii walumaa galatti qarshii 1,290,00.00(kitila tokko, kuma dhibba lamaa fi kuma sagaltama) baasii taasisuun hojjisiisanii ummataaf gumaachan. 

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraa, Hoolota naannoo Afurtamii Afur(አርባ አረት) jedhamu irraa hanga Ganda Maslakaa Dammituutti daandii jiru isaantu hojjisiise. Daandii kana sababa hojjisiisaniif kan dhukkubsate ariitin mana yaalaa gahee akka yaalamuu fi deessun ciniinsun qabe buufata fayyaa salphumatti akka geeffamtuuf haala aanjessaniiru. Ayyaantuun kun, rakkinoota olitti ibsame kanniin hawaasa isaanii irra deddeebiin waan ilaalaa turaniif kutannoo guddaadhan qarshii 150,00.00(kuma dhibba tokkoo fi kuma shantama) ramaduun 'Injinara' qacaruun hojii daandii adda addaatif meeshaalee barbaachisaa ta'anii fi konkolaatawwan kireeffachuudhan daandii qulqullina qabu dheerina kiiloo meetira kudha sadi(13km) dheeratu hojjisiisaniiru.

Hojii boonsaa kanaaf ragaan ummataa naannichaa fi bulchiinsa aanaa dabalatee waajjiraalen adda addaa waraqaa ragaa fi beekkamtii garaa garaa kennaniifii jiru. Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Shinootii hanga Ganda Duulaa Qorichaatti daandii jiru tabbaa fi irraan gadee namnis ta'ee horiin kufee ka'uu hin dandeenye baay'eetu waan tureef ogeessotaan qorachiisanii hojiiwwan daandiwwan adda addaatif meshaalee fi konkolaataa barbaachisaa ta'an kireeffachuun qarshii 150,000.00(kuma dhibba tokkoo fi kuma shantama) ol baasii gochuun hojjisiisanii ummanni naannichaa akka itti fayyadaman  taasisaniiru. 

Daandin kun hojjatamee waggaa afur booda manca'uu isaatiin ummanni naannichaa akka hin rakkanne yaadudhaan hanga qarshii 100,000.00(kuma dhibba tokko) ol baasii taasisuun suphisiisaniiru. 

'Baazaarii' hojii daandii Qaxqaxoo irratti argamuudhan misoomichaaf baasii gargaarsaa akka arjooman gaafatamanii qarshii 50,000.00(kuma shantama) eeyyama mataa isaaniitiin arjoomanii jiru. Karaa birootin immoo bu'ura gaaffii ummata irraa dhihaaten ummanni Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Roobiitii hanga Ganda Qote Bulaa Duulaa Qorichaatti argaman yoo mana Amantaa deemuu barbaadan kan argachaa turan deemsa sa'aatii 6:00 erga deemanii booda ture. 

Rakkoon kun waan isaanif ifee fi dhihoottis kan beekan waan ta'eef ummata naannichaa waliin haasa’uun iddoo mana amantaa ijaarsaf oolu erga fudhatanii booda waajjira mana Lallabaa biyyattii waliin mari'achuun Taabonni akka kennamuuf erga haayyamameefii booda Bataskaana Maariyaam jedhamu baasii mataa isaanin hojjisiisanii jiru. 

Ergasii itti gaafatamummaa mataa isaanitiin Taabonni kennameefii Luboonni, Daaqonootni fi Ummanni naannichaa bakka argamanitti Taabonni mana Qulqulluu akka galu taasifamee, Bataskaanattiin eebbifamtee tajaajila eegaltee jirti.
Duuka buutonni Ayyaantuwwanii ykn Waaqeffatoota kan ta'an Ayyaana kabajamuu qabu yeroo kabajanitti Qobbootti, Kumeetti, Shirootti fi Walmaratti galmoota haala ammayyaatin hojjachiisudhaan ummatichi sirna kadhannaa fi galateeffannaa isaanii akka itti raawwatan baasii olaanaa baasudhaan hojjachiisuu isaanii biyya keenyaf giddu gala turizimii addunyaatti galmaa'ee akka jiru seenaan isaaniis barreeffamee dhaloota dhalootatyi darbuudhan galtee qorannoo fi qo'annoo adda addaa ta'ee hayyoota seenaa fi duudhaa qoratan akka fayyaduuf yaalii guddaa gochaa turanii jiru. 

Maarree nutis duuka buutonni sirna kanaa hundi ifaajee Abbaa keenya Ayyaantuu Garasuu Jiidhaa eegalanii osoo galmaan hin geenye irraa boqotan kana bakka isaanii buunee hawwii isaanii milkeessuu qabna jenna.

Hojii isaanii kana itti fufsiisuun fuula duratti biyyaaf, lammiif, dhaloota dhufuuf yaaduu waan ta'eef hojii isaanii kana akka galmaan geenyu eebbi isaanii nu haa gargaaru. Hojii abbaan keenya hawaasa isaatif gumaachan kanaan qaama mootummaa adda addaa irraa badhaasni ergasiiyis deeggarsi isaan tajaajialaa hawaasa kanaaf qaban itti fufuudhan meeshaalee mana amantaa keessatti barbaachisu hunda guutuudhaan mindaa lubootaaf kanfalamu waggaa lamaaf osoo wal irraa hin kutin kanfaluudhan ummaticha Bataskaanichi akka tajaajilamu taasisanii jiru. Iddoo adda addaa isaan jiraataa turanitti ummatichatti beelaa fi rakkinni yoo dhufu midhaan iddoo adsa addaa irraa bitanii fiduudhan gargaarsa yeroo yerootti kennuu fi dabalataanis horii kan hin qabneef horii kennuudhan ummata biyyichaa rakkoo keessa akka bahu gumaacha olaanaa godhaa turan. 

Waraqaan ragaa dhaabbilee garaagaraan kenname kitaabicha irratti maxxanfameera. Hub: Baraa fi guyyaan seenaa kana keessatti katabame akka lakkoofsa saabatti(habashaa).
Maddi: Kitaaba Shaashoo Nigusee 2021 maxxanfame.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU