Posts

Showing posts from February, 2022

JAAL MARROO (KUMSAA DIRRIBAA)

Image
Waliigalteen waraanaa TPLF fi dhaabbilee hidhannoon qabsootti jiran kaan waliin taasifne erga TPLF duubatti deebi’ees akkuma itti fufetti jira jedhan hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO -Shanee jedhee waamu Kumsaa Dirribaa [Marroo]. Gareewwan paarlaamaan Itoophiyaa tarree shororkeessitootatti galche kunneen ifatti hariiroo tolchuun Finfinneetti qajeelaa turuu isaanii ibsaa turan. Hidhattoonni kunneenis gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso’an waggoota sadan darban bakkawwan tokko tokko keessatti mootummaa waliin wal waraanuutti akka jiran maddeen ni mul’isu. Godinaalee akka Wallaggaafi Shawaa Lixaa keessatti aanga’oota mootummaa dabalatee lammiilee nagaa yeroo garaagaraatti ajjeefamaa turaniiru. Ajjeechaa kanaaf ammoo mootummaan irra deddeebiin qaama hidhate kana kan himatu yoo ta’u, oppereeshinii gaggeessuun yeroo gababaa keessatti akka dhabamsiisullee waadaa galaa tureera. Guraandhala bara 2020 BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasisan Itti-aanaa Itaamaazhuu