Posts

Showing posts from November, 2022

Gara Jabummaa Sirna PP/OPDO

Image
Abbaan Barattuu Feeneet Alamaayyoo abjuun keenya milkaa’ina ijoollee keenyaa waltajjii guddaa namoota milkaa'o ta'anii irratti arguu ture malee, reeffa daa'imman keenyaa diinqa keessatti arguu hin turre jedhan.  Maatiin obbolaawwan lamaan Magaalaa Naqamteetti dhukaasa humnoota mootummaatiin ajjeefamanii, wanti nurratti ta'e ormarra akka hin geenyeef, yakki ajjechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu numa irratti dhaabbachuu qaba jedhaniiru.  Feeneet Alamayyoo barattuu ganna 16 ta'uufi obboleessishee Iyyoob Alamaayyoo dargaggeessa ganna 27 ta'uu, akkasumas ijoolleen isaanii kun barnoota isaaniitti hedduu jajjaboo akka ta'an yaadachiisu abbaan isaanii Obbo Alamaayyoo Taaffasaa.  Guyyaa gaafa ajjeefamanis mana jireenyaa isaanii keessatti, rasaasa alarraa dhukaafameen ture jedhu. Sadaasni 6, barri 2022 Naqamteetti uffata gaddaa uffistee darbite jedhu jiraattonni. Addatti ammoo guyyattiin maatii Obbo Alamaayyoo Taaffasaatti yaadannoo hin irraanfatamne