Gara Jabummaa Sirna PP/OPDO

Abbaan Barattuu Feeneet Alamaayyoo abjuun keenya milkaa’ina ijoollee keenyaa waltajjii guddaa namoota milkaa'o ta'anii irratti arguu ture malee, reeffa daa'imman keenyaa diinqa keessatti arguu hin turre jedhan. 

Maatiin obbolaawwan lamaan Magaalaa Naqamteetti dhukaasa humnoota mootummaatiin ajjeefamanii, wanti nurratti ta'e ormarra akka hin geenyeef, yakki ajjechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu numa irratti dhaabbachuu qaba jedhaniiru. 

Feeneet Alamayyoo barattuu ganna 16 ta'uufi obboleessishee Iyyoob Alamaayyoo dargaggeessa ganna 27 ta'uu, akkasumas ijoolleen isaanii kun barnoota isaaniitti hedduu jajjaboo akka ta'an yaadachiisu abbaan isaanii Obbo Alamaayyoo Taaffasaa. 

Guyyaa gaafa ajjeefamanis mana jireenyaa isaanii keessatti, rasaasa alarraa dhukaafameen ture jedhu.

Sadaasni 6, barri 2022 Naqamteetti uffata gaddaa uffistee darbite jedhu jiraattonni.

Addatti ammoo guyyattiin maatii Obbo Alamaayyoo Taaffasaatti yaadannoo hin irraanfatamne dhiisteetu adeemte. 

Mana tokko keessaa hangafaafi quxusuun walirratti irbaata rasaasaa ta'aan.

 Goorroo mana isaanii keessatti rasaasni qiyyaafannoon dhukaate, foddaarraan obbolaa lama galaafachuutu himame. 

Kun kan raawwate, magaalaa Naqamtee ganda 07, naannoo barteedhaan Burqaa Jaatoo jedhamee beekamutti. 

Dilbata darbe ganamaan gara Mana amantaa adeemuuf maatiin Obbo Taaffasaa hunduu qopheerra akka turan dubbatu. 

Ciree nyaatanii akkuma yeroo kaaniitti gara Waldaa adeemuuf qixaa'anis, sagaleen dhukaasaa jajjabaa magaalittii keessatti dhaga'amuusaa hordofuun, walwaraansi Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa magaalicha keessa jiraachuu hubatanii, gara waldaa dhaquu hafuuf murteessan Maatiin Obbo Alamaayyoo.

Sagantaan gara mana amantaa deemuuf qabatanii turan erga hafee, namuu mooraa keessaa akka hin baaneef walitti himneetu manuma ooluu murteessine jedhu Obbo Alamaayyoo Taaffasaa.

Battalumatti Ilmi isaanii hangafti Iyyoobiifi isheen quxusuu Feenet gara Goordubaatti darban jedhu. 

Kanumaan utuu jirruu daqiiqaa tokko keessatti sagaleen dhukaasaa gurrarraa isaan iyyuu himan. 

Fiignee gara kutaa isaan jiranii yeroo qaqqabnu, Feenet daa'imni ganna 16 mormarra rukutamtee kuftee dhiigaan faalamuufi obboleessishee Iyyoobis yeroo nuti bira geenyutti sagalee dhageessisee lubbuun keessaa ba'uu arginee jedhu.

Utuu wajjin haasofnuu daqiiqaa tokko keessatti qaroo keenya bitaafi mirgaa dhabne kan jedhan Obbo Alamaayyoon, battala sanatti naasuun weeraramuufi iyyaniis birmannaa dhabuu himan.

Iyya kuukkuu iyyinus hunduu sodaa keessa waan jiruuf battala sanatti namni nuuf birmate hin turre jechuun haala guyyichaa kan yaadatan abbaan isaanii Obbo Alamaayyoon, daqiiqaa muraasa booda namoonni nu qaqqaban jedhu.

Ijoolleen isaanii kunniin ijoollee naamusaan guddataniifi ijoollee jaallatamoo akka ta'aan kan himan Obbo Alamaayyoon, wanti akka kanaa tasuma nu mudata jennee yaadnee hin beeknu jedhan.

Daa'imni xiqqoon Feenet Alamaayyoo barnoota isheetti qaroo ta'uu himanii, kutaa 1ffaa irraa eegaluun qabxii gurguddaa waan galmeessituuf abdii guddaa irraa ka'annee turre jedhu.

Feenet garuu utuu mul'atashee faana dhooftuu, hireen farraa mataa ishee mare. 

Qormaata ministirii barnoota  kutaa 8ffaa qabxii guddaa, dhibba keessaa 99.91  fiduu isheetiin alatti, egeree isheetiif maal akka taatu waan beektuuf barnoota isheetiif baayyee bakka kenniti turte jedhu abbaan ishee. 

Obboleessi ishee hangafaa Iyyoobis, bara darbe digirii lamaan eebbifamuu isaafi amma ammoo barnootaaf gara biyya alaa deemuuf waan hunda xumuratee ta'aa ture jedhu.

Kanatu nu mudata jennee hin yaadne turre kan jedhan obbo Alamaayyoon, abjuun keenya milkaa’ina ijoollee keenyaa waltajjii guddaa namoota milkaa'o ta'anii irratti arguu ture malee, reeffa daa'imman keenya dinqa keessatti arguu hin turre jedhu. 

Kan isaan mudate hooda ta'uu himuun, lapheen isaanii hedduu cabuufi haati daa'imman kanaa hanga yoonaatti namummaatti akka hin deebinee himu. 

Magaalaa walakkaatti sanuu mana ofii keessatti taatee akka kanaaf saaxilamuun waan raajii ta'uu ibsanii, garamitti akka baqannuufi eenyuutti akka iyyannu wallaallee jedhan. 

Gochi fokkuun akka kanaa dhala namaarra akka hin geenyeef nurratti dhaabbachuu qabas jedhu Obbo Alamaayyoo Taaffasaa.

Rasaasni foddaarraan ijoollee isaanii galaafatte qiyyaafannootiin ta'uu wantootni akeekan jiraachuu ibsuun, gaddi guddaan akka kanaa qe'ee isaanii seenus, qaamni mootummaa gara isaanii dhaqee isaan gaafateefi dogoggora ykn balleessaadha ittiin jedhellee akka hin jirre himan.

Dhumarratti Obbo Alamaayyoo Taaffasaa, lubbuu daa'imman koo karaatti citteef hunduu kadhannaa haa godhu jechuun, hawaasa magaalaa Naqamtee addatti galateeffataniiru.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU