Posts

Showing posts from January, 2024

Oromo Liberation Front Statement

Image

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Tarkaanfii Suukaneessaa Waraanni Paartii Biltsiginnaa Itti Gaafatamummaan Itti Hin Dhagahamne Oromiyaa Keessatti Ummata Nagaa Irratti Fudhatu Yakka Ilma Namummaa Irratti Kan Raawwatamee dha. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Waraanni paartii Biltsiginnaa Itiyoophiyaa keessatti dhiiga ummatootaa dhangalaasuun lubbuu dheereffatuu amaleeffate ammas tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhateera. Akka kanaan asuma Finfinneetti dhihoo kan taate giddu-gala Oromiyaa Godinoota Kibba-lixa Shaggarii fi Salaalee akkasumas Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti dhukaasa irraa jalaan xiyyara nama-maleessa (Dirone), dabalatee boombii summii fe’atee fi meeshaa gurguddaa ummata nagaa irratti dhukaasuun lubbuu ummataa hedduu galaafatanii jiru. Kaan madoo fi fayya-dhabeeyyii taasisaniiru; manneen ummataas gubaniiru. Tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhataniinis, Amajjii 21, 2024 Giddu-gala Oromiyaa Godina Salaalee Yaayyaa Haroo ganda Qindoo Agamsootti dhukaasa ummata nagaa irratti banani