SEENAA J. WAAQOO GUUTUU
SEENAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU USUU Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu Usuu , Abbaa isaanii Obbo Guutuu Usuu Cammarrii fi haadha isaanii Aaddee Dhuulloo Alii Hasan irraa bara 1924 Ona madda- Walaabuu lafa Odaa jedhamutti dhalatan. Abbaan isaanii Obbo Guutuun ilma dhiiraa (10) fi durba (9) wolumaa galatti ujoollee (19) qaban turan. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota ( 7 ) irraa ijoollee (49) kan horan yoo ta’an , kanniin keessaa (15) lubbuun hin jiran. Yeroo ammaa abbaa dubartii (16) tii fi dhiira (18) walumaa galatti abbaa ijoollee (34) ti. Generaal Waaqoon ijoolummaa isaanii irraa jalqabanii armi’aayaa, xiiqii fi jibbansa diinaa qabaniif qofa osoo hinta’in Diddaa Gabrummaatiif faandhooftuu turan. Bara 1938 tti osoo abbaan isaanii hin beekin, fuudhanii mana osoo hin bahin gabayanii horii abbaa isaaniitiif obbolleesa hangafaa gurguratanii qawwee bitatan.Sammuun...
Comments
Post a Comment