Posts

Showing posts from April, 2024

Marii Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Jaal Marroofi Itti Aanaa Ajajaa ABO-WBO Jaal Gammachuu

Ajajaan olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaafi Itti aanaan ajajaa ABO-WBO Gammachuu Abbooyyee mootummaan rakkoo uummanni keessa jiruufi waldhabdeen siyaasaa jiru karaa nagaan akka hiikamuuf fedhiifi akeeka akka hin qabne ibsan. Marii araaraa marsaa 2ffaa Tanzaaniyaa Daar ees salaam irratti geggeeffame irratti nuti wareegamnee deebii Oromoon barbaadu ni argama jennee  rakkoofi tarkaanfii guddaa ofirratti fudhachuun dirree qabsootii baanee qilleensa mootummaan  to'atu keessa darbinee Tanzaaniyaa Daar ees Salam deemne jedhan. Gareen mootummaa immoo rakkoo siyaasaaf marii siyaasaa taasisuu dhiisuun faayidaan nu sossobuuf yaalii taasisaa turan jechuun af gaaffii kaleessaa Arraata biyyoolessa Oromiyaa irratti taasisaniin ibsanii jiru. Dhimma araaraaf qaamoleen gidduu keenya turan waggoota lamaa oliif nu gidduu deddeemaa turan kan jedhan ajajoonni kunneen, osoo mariin araaraa hin eegaliin dura Jeneevaatti mariin taasifamaa erga turee booda nu bira ga'ame jedhan. Nutis rakkoo uummanni keess