Marii Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Jaal Marroofi Itti Aanaa Ajajaa ABO-WBO Jaal Gammachuu

Ajajaan olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaafi Itti aanaan ajajaa ABO-WBO Gammachuu Abbooyyee mootummaan rakkoo uummanni keessa jiruufi waldhabdeen siyaasaa jiru karaa nagaan akka hiikamuuf fedhiifi akeeka akka hin qabne ibsan.

Marii araaraa marsaa 2ffaa Tanzaaniyaa Daar ees salaam irratti geggeeffame irratti nuti wareegamnee deebii Oromoon barbaadu ni argama jennee  rakkoofi tarkaanfii guddaa ofirratti fudhachuun dirree qabsootii baanee qilleensa mootummaan  to'atu keessa darbinee Tanzaaniyaa Daar ees Salam deemne jedhan.

Gareen mootummaa immoo rakkoo siyaasaaf marii siyaasaa taasisuu dhiisuun faayidaan nu sossobuuf yaalii taasisaa turan jechuun af gaaffii kaleessaa Arraata biyyoolessa Oromiyaa irratti taasisaniin ibsanii jiru.

Dhimma araaraaf qaamoleen gidduu keenya turan waggoota lamaa oliif nu gidduu deddeemaa turan kan jedhan ajajoonni kunneen, osoo mariin araaraa hin eegaliin dura Jeneevaatti mariin taasifamaa erga turee booda nu bira ga'ame jedhan.

Nutis rakkoo uummanni keessa jiru furuun dirqama waan ta'eef jennee ofirratti murteessuun Tanzaaniyaa Daar ees salaam deemnu illee gareen mootummaa hidhannoo hiikkachuu qabdu yaada jedhu qabatanii dhiyaatan jedhan.

Dhimma kana irratti dipilomaatonni nu gidduu turan rakkoon akkasiin hin furamu jechuun itti himaa turuu ibsan. 

Kaayyoon garee mootummaa bakka bu'ee dhiyaate waldhabdee siyaasaa jiru furuu osoo hin taanee gaaffiifi yaadni isaan qabatanii dhiyaatan mariifi waliigaltee malee hidhannoo hiikkachuu irratti kan jedhan, kaayyoon isaanii hooggansa ABO-WBO fi Waraana Bilisummaa Oromoo adda baasuuf malee kaayyoo araara dhugaa qabaatanii hin turre jedhu. 

Waraana Bilisummaa Oromoo hiikkachiisuun hawaasatti dabaluu yaada jedhu qofa qabatanii dhiyaatan jechuun haala Daar ees salaam ture ibsu.

Hooggansi dirree irraa kan deemne erga mari'atamee waliigalteerra ga'ameera sadarkaa jedhamurra erga ga'anii booda dirree irraa deemne jedhu, ajajaan ABO-WBO Marroo Dirribaafi itti aanaan ajajaa ABO-WBO Gammachuu Abbooyyee.

Gareen ABO-WBO seeruma biyyattii bu'uura taasifannee gaaffiiwwan qabnu dhiyeessinuuf illee gareen mootummaa bakka bu'e kun deebiin isaanii gaaffiin keessan biyya diiga jechuu qofa ture jedhan.

Nuti lachuu waraana keenya waraana uummata tiksu taasisuu qabna jennee yaada dhiyeessinus gareen mootummaa bakka bu'e fudhachuu dhabuun akka waliif hin galamne taasisaniiru jedhu.

Waraana gama lachuu kan uummata tiksu taasisuu, waraanni yeroo mooraa seenu dabaree dabareen seenee leenjii fudhachaa mootummaan immoo waajjira akka banannu nuuf eeyyamuu, uummataan wal nu argisiisuufi mari'achuu yaada keenya uummataaf dhiyeessuu yaada jedhu dhiyeessinus gareen mootummaa fudhachuuf qophaa'oo hin turre jedhan.

Qaamoleen dipilomaasii fi ambaasaaddaroonni nu gidduu turan rakkataa turuu kan ibsan qondaalonni ABO-WBO kun, sababa gareen mootummaa diduuf gaafatan illee deebii irraa dhabaa turan jechuun, dhumarratti adeemsa ture addaan kutanii ba'uun waliigaltee malee hafe jedhan.

Seera biyyattii caqasnee gaaffii dhiyeessinuuf "seerri biyyattii hin eeyyamu" jechaa ture gareen mootummaa bakka bu'ee araara irratti argame jedhan.

Yeroo rakkatu gareen mootummaa bakka bu'e kun dhumarratti ambaasaaddaroonnifi dipilomaatota kana nurraa baasaatii ergaa muummichi ministeeraa isiniif dhaame isinitti himnaa jechuun akka daa'imaatti nu sossobaa turan jechuun himu. 

Dhumarratti yaada dubbatan yeroo dhabanitti qaamota nu gidduu jiran irraa fagaannee daqiiqaa shaniif waliin dubbachuu yaalle jedhan.

Wayita kana "wal taanee faannoofi shaabiyaa lollaa waraana keessan fidaa" jedhee muummichi ministeeraa ergaa isiniif dhaameera jechuun nuuf himan jedhan.

Tuutni mootummaa bakka bu'e kun qabsoo Oromoos ta'e kan biyyattii keessa jiru quba hin qaban kan jedhan ajajoonni ABO-WBO kun, mootummaan araara dhugaa buusuuf osoo hin taane WBO diiguu, faayidaan sossobuuf maqaa araara jedhu jala dhokatee dhufe jechuun himu.

Ambaasaddaroonni nu gidduu turan waan jiru hunda sirriitti hubatanii taajjabaniiru kan jedhan, Ambaasaaddaroonni sun illee maalummaa WBO sirriiti hubachuufi quba qabaachuu ibsan jiru jedhan.

Dhumarratti garee mootummaa biraa deebiifi yaada dhabnaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu wal mallatteessaa gargaarsa namoomaa uumataaf dhiyeessinaa jedhamnaan baqatan kan jedhan, marii marsaa biraafis akkaataa walitti deebinu irrattis dubbachuu diduun pirootokoolii achiiyyuu eeguu akka hin dandeenye himan.

Rakkoon WBO qawwee kaasise rakkoo siyaasaati kan jedhan ajajoonni kun, kaayyoon keenya guddaan ejjennoofi yaada keenya addunyaan akka hubattu taasisuun milkoofneerra jedhan.

Marii araaraa marsaa 2ffaa booda gama isaatiin  mootummaan ibsa baaseen ABO-WBO'n araara akka hin barbaanne ibsee turuun, yeroo muraasa keessatti dhabamsiifna jedhee ture.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU