Posts

Showing posts from May, 2020

OROMO LIBERATION FRONT

Image
The Endless Colonial Conspiracy and Genocide Wars in Ethiopia By: Itana Gammada, April  2020 The Gada Republic of Oromia A people under colonial occupation have a maximum of two choices, either stand up and fight for their freedom and dignity or accept humiliation, subjugation, victimization and perpetual slavery. Throughout human history, colonialism has never been an option. Rather, oppressed people worldwide make the necessary sacrifices to achieve their national objective and fulfill their destiny. It is important to bear in mind that the colonized and repressed people do not remain here for perceived beliefs or temporary economic, piecemeal material gains, but for a fundamental national freedom. They stand for justice, democracy, and human dignity that guarantees their future existence in peace and progress. For these fundamental reasons, people who have fallen under colonial occupation or slavery will fight against any colonial hegemony. For the last one hundred fifty

RAKKOO OROMOO MUUDDATE

Rakkoo nageenyaa Wallagga Lixaa: Dargaggoon fuudhaaf qophaa’aa ture waraana mootummaan ajjeefame jedhu maatiin. May 25, 2020 ”Mucaa koof bakka hidhamee jirutti buddeena gaafan fuudhee deemu achiin dhabe… Ilma koo osoon barbaaduu ajjeefamee sharaan maramee bakkee keessatti arge,” jechuun haati ilmisaanii jalaa ajjeefame BBCtti himaniiru. Torbanoota muraasa dabraniif, keessattuu guyyoota dabran keessa haalli nageenyaa Wallagga Lixaa keessa jiru daran hammaachaa dhufuu, jiraattonii BBCf barreessan garagaraa dubbatu. Keessattuu jiraattonni BBC qunnaman Aanaalee Ganjii fi Laaloo Assaabiitti wanta tahaa jira jedhan, suuraa waliin nuuf erganii jiru. Dargaggoo Lalisaa Tafarii jiraataa Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ture. Torban lamaan darbe humna waraana mootummaa naannicha jiruun erga qabamee booda ajjeefamee akka argame maatiin BBCtti himan. Sanbata guddaa gaafa 02 bara 2012 A.L.Itti lafa gabaatti miseensota waraanaan qabame kan jedhan miseensotni maatii dubbisne, guyyaa lama

Ibsa Ajajaa Ol-aanaa ABO/WBO

Image
Ilmaan Oromoo Lola Halagaan Karoorse Keessatti Qodaa Fudhatanii Dhumuun Fafa!         The Gada Republic of Oromia (Ibsa Ajajaa Ol-aanaa ABO/WBO) Impaayera itoophiyaa keessatti Oromoon akka Oromootti mataa ol qabatee akka hin jiraannef waggaa dhibba of-duuba hambisanii bituun imaammata habashootaati. Oromoon impayera kana keessatti karaa siyaasa, diinagdee, barnootaa, hawaasummaa fi kkf hacuucamaa fi cunqurfamaa har’a gahe. Habashooti gaafa nagaa akka Oromoon qotee fi tiksee isaan sooru, gaafa lolaa ammoo lolee aangoo isaanii irratti isaan tiksu hawwu. Hawwii kana bakkaan gahuuf ammoo ijoolleen Oromoo kumoota dhibbaan lakkaawaman qawwee itti hidhanii uummataan wal-dura dhaabuun ficcisiisaa jiraatan. Haala kanaan, ilmaan Oromoo lola halagaan karoorse keessatti qooda fudhatanii lubbuu dhabanii fi qaamaa hir’atan hedduu dha. Bara lola Adawaa irraa eegalee haga har’aatti ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallatnee keessatti qooda fudhatan fayidaan isaan argatan hin jiru. Bara Xaali

OBN sagalee Obboo Lammaa Magarsaa ugguruu gaazexeessitoota mufachiise.

Image
OBN sagalee Obboo Lammaa Magarsaa ugguruu gaazexeessitoota mufachiise.       OBBO LAMMAA MAGARSAA PARAZIDAANTII MNO DURAANII Mootummaa Naannoo Oromiyaan kan bulu 'Oromia Broadcasting Network' sagaleen Ministira Ittisaa Itoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaa akka qilleensarra hin baane dhorkuun gaazexeesitoota dhaabbatichaa biratti mufii uume. Yeroo dheeraadhaaf miidiyaa irraa fagaatanii kan turan Ministirri Ittisaa Obbo Lammaa Magarsaa guyyaa kaleessaa sirna awwaalcha abbaa qabeenyaa Obboo Kabiir Huseen irratti mul'atanii haasawa gabaabaa taasisanii turan. Jijjiirama siyaasaa waggoota muraasa darban biyyattii keessatti dhufe adda durummaan hogganuun maqaa gaarii kan horatan Obbo Lammaan, erga yeroo dhiyoo as miidiyaa irratti yoo mul'atan kun kan jalqabaati. Kanaafis jecha sirna awwaalchaa kanarratti argamuun isaanii miidiyaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'ee ture. Obbo Lammaan haasaa gabaabaa akka godhan maqaan isaanii yoo waamamu namni hedduun sakandi