OBN sagalee Obboo Lammaa Magarsaa ugguruu gaazexeessitoota mufachiise.

OBN sagalee Obboo Lammaa Magarsaa ugguruu gaazexeessitoota mufachiise.

     
OBBO LAMMAA MAGARSAA PARAZIDAANTII MNO DURAANII


Mootummaa Naannoo Oromiyaan kan bulu 'Oromia Broadcasting Network' sagaleen Ministira Ittisaa Itoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaa akka qilleensarra hin baane dhorkuun gaazexeesitoota dhaabbatichaa biratti mufii uume.

Yeroo dheeraadhaaf miidiyaa irraa fagaatanii kan turan Ministirri Ittisaa Obbo Lammaa Magarsaa guyyaa kaleessaa sirna awwaalcha abbaa qabeenyaa Obboo Kabiir Huseen irratti mul'atanii haasawa gabaabaa taasisanii turan.
Jijjiirama siyaasaa waggoota muraasa darban biyyattii keessatti dhufe adda durummaan hogganuun maqaa gaarii kan horatan Obbo Lammaan, erga yeroo dhiyoo as miidiyaa irratti yoo mul'atan kun kan jalqabaati.
Kanaafis jecha sirna awwaalchaa kanarratti argamuun isaanii miidiyaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'ee ture.


Obbo Lammaan haasaa gabaabaa akka godhan maqaan isaanii yoo waamamu namni hedduun sakandiiwwan muraasaaf miira gaddaa keessaa bahuun hamilee fi iyyaan gara waltajjiitti isaan simate.

Haasaan daqiiqaawwan muraasaaf waa'ee abbaa qabeenyaa Obbo Kabiir Huseen isaan waltajjiirratti dubbatan miidiyaalee hawaasaa irratti baay'inaan qoodamees ture.

Haa ta'u malee miidiyaalee sirna awwaalchaa kana gabaasuuf bakkichatti argaman keessaa tokko kan ta'e OBN haasaa Obbo Lammaan taasisan qilleensarra hin oolchine.
Kunis ganama har'aa gazexeessitoota dhaabbatichaa biratti muffii fi komii uumeera.

Akkamiin dhorkame?

Oduun sirna awwaalchaa sanarratti hojjetame kan haasaa Obboo Lammaa Magarsaa of keessaa qabu guyyaa sa'aatii 6 fi 7'tti akka darbuuf qabamee ture, sababa galgala darba jedhuun keessaa hafuu BBC'n odeeffateera.
Miidiyichi haasaa pireezidantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa fayyadamuun Oduu sirna awwaalchaa kana qilleensarra oolchus, haasaan Obbo Lammaa akka hafu taasiseera.
Haasaan Obbo Lammaa kuni Oduu Ijoo galgala sa'aatii 12 fi Oduu sa'aatii 1 irratti akka darbuuf qabamee ture.
Haa ta'u malee wayita sa'aatiin oduu gahu daayirektarri dhaabbatichaa, 'haasaan Obbo Lammaa kuni akka hin dabarre olii dhorkameera' sababa jedhuun akka hin dabarre dhorkuu odeeffanne.
Dubbiin kuni gaazexeessitoota fi hoggansa gidduutti falmii kaasee, booda murtee hoggansa dhaabbatichatiin akka qilleensarra hin oolle dhorkame.

Gaazexeessitoonni maal jedhan?

Gochi namoota barbaadan akka qilleensarratti hin mul'anne dhorkuu akkanaa kuni mana hojichaa keessatti amma duras kan baratame ta'uu gaazexeessitoonni dhaabbatichaa BBC'n dubbise himaniiru.
Haa ta'u malee nama saba Oromoo biraa olmaa guddaa qabaniifi miidiyichaafillee deeggarsa olaanaa gochaa turan irratti raawwatamuun kan daran isaan aarse ta'uu dubbatu.

"Miidiyaa duraan afaan mootummaa qofa ture, namoota bilisummaa kennaniifii deeggaranii akka dhageettii horatu godhan keessaa tokko Obbo Lammaa Magarsaati" jedha gaazexeessaan dhaabbatichaa tokko.
"Har'a olmaan isaanii suni dagatamee yoo sagaleen isaanii akka uummata bira hin geenye ugguramu garaa nama nyaatas " jedha.


Gaazexeessan biraa eenyummaa isaa ibsuu hin barbaanne, bakka ajandaan isaallee kan siyaasaa hin ta'initti gochi akkanaa Obbo Lammaa irratti raawwatamuun akka isa aarse hima.

"Namni kuni nama kabaja guddaa saba kana biraa qabudha. Sagalee isaanii uummanni kuni dheeboteera. Bakka ajandaan isaallee kan siyaasaa hin taane kanatti haasaa isaanii qilleensarra akka hin baane dhorkuun gocha fudhatama hin qabnedha" jedha.

Haasaa miidiyaa hedduun darbe kana dhoksuun amanamummaa miidiyichi uummata biratti qabullee haalan miidhuu akka danda'us dubbata.
Gochi kuni maaliif ta'e jechuun gaafanneerra kan jedhan Gaazexeessitoonni kunneen, yeroo kaanis yoo gochi akkanaa raawwatamu 'olii ajajameera' kan jedhuun alatti ibsa gahaan akka hin kennamneef himu.

Dhimma kanarratti yaada akka nuuf kennan daayireektara olaanaa dhaabbaticha Obbo Zinaabuu Asraat akkasumas Itti Aanaa isaanii Obbo Bojaa Gabbisaatti irra deddeebiin bilbillus bilbila hin kaasani.


✅Maddi: BBC AFAAN OROMOO

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU