RAKKOO OROMOO MUUDDATE

Rakkoo nageenyaa Wallagga Lixaa: Dargaggoon fuudhaaf qophaa’aa ture waraana mootummaan ajjeefame jedhu maatiin.



May 25, 2020

”Mucaa koof bakka hidhamee jirutti buddeena gaafan fuudhee deemu achiin dhabe… Ilma koo osoon barbaaduu ajjeefamee sharaan maramee bakkee keessatti arge,” jechuun haati ilmisaanii jalaa ajjeefame BBCtti himaniiru.
Torbanoota muraasa dabraniif, keessattuu guyyoota dabran keessa haalli nageenyaa Wallagga Lixaa keessa jiru daran hammaachaa dhufuu, jiraattonii BBCf barreessan garagaraa dubbatu.
Keessattuu jiraattonni BBC qunnaman Aanaalee Ganjii fi Laaloo Assaabiitti wanta tahaa jira jedhan, suuraa waliin nuuf erganii jiru.
Dargaggoo Lalisaa Tafarii jiraataa Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ture. Torban lamaan darbe humna waraana mootummaa naannicha jiruun erga qabamee booda ajjeefamee akka argame maatiin BBCtti himan.

Sanbata guddaa gaafa 02 bara 2012 A.L.Itti lafa gabaatti miseensota waraanaan qabame kan jedhan miseensotni maatii dubbisne, guyyaa lama booda gaafa Caamsaa 4 bara 2012 ajjeefamee bakkeerratti akka argame himu.

Lalisaan gaa’ila dhaabbachuuf qophii irra akka tureefi kanumaaf kaadhimaa isaa argachuuf manaa akka bahe himu maatiin BBC’n dubbise.
”Ilma keenya fuudhaaf qophaa’aa turetu nu duraa ajjeefame”
Haala ajjeechaa isaa….
Harmeen Lalisaa akka jedhanitti Lalisaan obboleettii isaa magaalaa Finfinnee jiraattu bira jiraachaa turee erga gara maatii isaatti deebi’ee ji’a lama hin caalu.

Bara dhufu kana fuudhuuf jecha kaadhimaa isaa waliin mari’atanii guyyaa bultoo dhaabbatan beellamachuuf magaalaa Ganjii lafa gabaa deemee akka ture himu.

”Guyyaan isaa Sambata guddaadha. Otoo ishee fudhuuf jedhu waliin haasa’uu lafa gabaatti qabatan. Erga inni qabamee bakka inni itti hidhame jedhametti buddeena geesseefiin mucaa koo achii dhabe.

Eenyuun barbaadda naan jedhan? Lalisaa Tafarii yoon jedhuun inni asii baheera naan jedhan.

“Mucaan koo eessaan gale as jira, silaa osoo baheera tahee karaatti natti dhufa ture jennaan, maalittan siif beekaree jedhee…. jecha gadheen na ifate, miseensi waraanaa tokko,” jedhu harmeen kun.

‘Mucaakoo bakkeetti du’aasaattan bahe’
Kana booda namootni barii harka walitti hidhanii gara Gudayaa [ganda naannichuma jiru] kanatti dabarsaniiru mee barbaadaa jedhaman.

”Kanumaan buddeenan isaaf jedhee fuudhee bahe ganda kaa’een osoon barbaaduu mucaan koo du’ee sharaadhaan kafanamee bakkee ciisa.

Mucaakoo bakkeetti du’aasaattan bahe,” jedhu harmeen Lalisaa Tafarii yaada BBC’f kennaniin.

Dargaggoon maqaan isaa akka dhahamu hin feenee fi maatii keessaa tokko tahe Lalisaan sanbata guddaa qabamee guyyaa lama booda gaafa Caamsaa 4/2012 A.L.Itti ajjeefamuu BBCtti hime.

Gaafa qabames gara kaampii waraanni keessa buufatee jiru kaampii Chaayinaa jedhamee beekamuutti akka geessan hime. Achitti bishaan guursisaa akka turanis himeera. Lalisaan fuudhaaf qophii akka jalqabeeruuf guyyaa qabames kaadhima isaa waliin akka tures hime namni BBC’n dubbise kun.

Lalisaan hojii qonnaan akkoo isaa dabalatee harmee isaas hojjetee akka isaan deeggaraa ture himu harmeen isaa.

Maatiin dubbisne ajjeefamuu isaa kana waajjira poolisiitti akka hin beeksifneefi qaama isaarra rasaasaan dhahamee ajjeefamuu himan.

Kanaan dura takkaa hidhamees hin beeku kan jedhan harmeen isaa, yakkaanis barbaadamee hin beeku jedhu.
Deebii qaama mootummaa…
Bulchaan Godina Wallagga Lixaa dhimma kana irratti gaafataman Obbo Eeliyaas ”dhimmi kun oolees bubuleera. Miidiyaaleefis ibsa kennaa turre.

Amma gamaggama hojii misoomaa, qonnaa, carraa hojii uumuu ilaallatan irran jira, isa kana irratti osoo na gaafatte wayya,” jechuun dhimma kanaaf deebii kennan akka hin qabnee fi waltajjiirra akka jiran himuun bilbila cufan.
Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Naannoo Oromiyaa kan turan Koloneel Abbabaa Garasuu, amma dura ifatti aangoo kanarraa kahuun isaanii wanti ibsame hin turre.

Akkuma yeroo kaan goonu deebii gamasaanii jiru barbaacha wayita bilbilleefitti, hoggansa nageenya Oromiyaa turan irraa ka’uu BBCtti himaniiru.
Godinaalee Wallaggaa keessa rakkoo nageenyaa furuuf jecha oppireeshinii gaggeessaa akka ture mootummaan yeroo garaagaraatti himaa tureera.
Qondaaltonni mootummaa naannoo Oromiyaa dhiyeenya kana hidhattoota naannicha keessa socho’an qulqulleessineerra jedhanii himanis, ammayyuu rakkoon nageenyaa akka jiru ammoo jiraattotni ni himu.

Torban darbe kanas Obbo Mahaammad Amiin hojjetaa Waajjira Waldaa Hojii Gamtaa godina Harargee Bahaa kan tahan hojiif manaa bahanii ajjeefamanii akka argaman maatiin BBCtti himuun isaanii ni yaadatama.
hhttp://www.gaaddisaoromiyaa.blogspot.com

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU