Posts

Showing posts from May, 2021

MOOTUMMAAN ITOOPHIYAA GONKUMAA TPLF WALIIN HIN MARI'ADHU JEDHE.

Image
Mootummaan Itoophiyaa yaada biyyoota michuu irraa ”TPLF waliin mari’adhaa” jechuun dhiyaataafi jiru gonkumaa kan hinfudhanne ta’uu irra deebiin beeksise. Kun kan jedhame ibsa karaa Ministeera Haajaa Alaatiin galgala Wiixataa baheen. Ministeerichi biyyoota michuu waliin walitti dhiheenyaan hojjachuu kan itti fufu ta’uu beeksisuun, garuu motummoota harka micciiruuf jedheen akka gochaa isaanii irraa of qusataniifi walabummaa biyyattii akka kabajaniif akeekkachiiseera. Ministeerichi ibsa baase kanaan dhimmoota mootummoota biyya alaatiin himannaan irratti dhiyaatu shan erga eere booda. Mootummaan Itoophiyaa motummoota kanneen waliin miira nagaatiin mari’achuuf yaalaa turuu kan hime ibsichi, haata’u malee isaan irraa miira walfakkaataa waan hin agarreefu fedhii biyyoota kanneenii shakkuuf dirqamaa jiraachuu kaaseera. Biyyoonni kunneen haala rakkisaa Itoophiyaan qabatamaan keessatti argamtu hubachuuf yaaluu dhabuusaaniifi inumaawuu kan rakkinicha ittuu hammeessan ta’anii argamuu hima

''FILANNOO KEESSAA BAHUU KEENYATTI HIN GAABBINU'' Piroofeeser Mararaa Guddinaa.

Image
“Abdiinis , hawwiinis , abjuunis laga gama jira” kan jedhan Piroofeesar Mararaa Guddinaa , ammatti siyaasa keessaa bahuuf yaada akka hin qabne dubbataniiru . Dura taa’aa Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) kan ta’an Piroofeesar Mararaa Guddinaa sosochii baratttoota Itoophiyaarraa kaasee naannoo walakkaa jaarraatif siyaasa biyyattii keessatti hirmaachaa jiru. Dhaabni isaanii Koongirasiin Federaalawaa Oromoo ‘dhiibbaa mootummaatin’ filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaan ala ta’uu kan himan Proofeesar Mararaan, adeemsa dhaabni isaanii filannoo keessaa itti bahefi imala siyaasaa isaanii irratti BBC walin turtii taasisaniiru. ‘Mariiwwan waliigaltee fiduu hin dandeenye…’ Dhaabni isaanii filannoo keessaa bahuuf murteessusaatin dura waggoota sadan darbaniif mariiwwan siyaasaa heddu dhaaba biyya bulchaa jiru dabalatee qaamolee garaagaraa walin taasifamaa turuu Piroofeesar Mararaan himu. Mariiwwan kunneen keessaammoo kan Ministirri Mummee Abiy Ahimad irratti argaman

”Ta’e Jedhamee Biyya Bakka Bu’ee Akkan Hin Dorgomne Ta’aa Jira” – Atileet Qananiisaa.

Image
Fiigicha qaxxaamura biyyaa hanga Olompiikiitti dorgommiiwwan fageenya dheeraan Itoophiyaa bakka bu’uun injifannoowwan hedduun kan beekamu Atleet Qananiisaa Baqqaalaa ‘Ta’e jedhamee biyya bakka bu’ee akkan hin dorgomne ta’aa jira’ jedhe. Atileet Qananiisaa Olompiika Tookiyoorratti atleetota Maaratooniin biyya bakka bu’an filachuu irratti komii qabu dhageessiseera. Atleet Qananiisaa Baqqalaa dhuma torbee darbee iyyata Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Koree Olompiikii Itoophiyaa, Komishinii Ispoortii Itoophiyaafi Miidiyaaleef ergeen adeemsi amma dura atleetonni Maaratooniin biyya bakka bu’an itti filataman jijjiiramee dorgommiin haaraan biyya keessatti qophaa’uun sirrii mitii jedheera. Atileet Qananiisaan filmaatni kan godhamuun irra ture akkuma kanaan duraa dorgommiiwwan idila addunyaarratti qabxii atleetonni galmeessaniin ta’uu qaba jechuun komateera. Gaaffiifi deebii addatti BBC waliin godheen addatti inni dorgommii Olompiikaarratti biyya bakka bu’ee akka hin dorgomne shir