MOOTUMMAAN ITOOPHIYAA GONKUMAA TPLF WALIIN HIN MARI'ADHU JEDHE.


Mootummaan Itoophiyaa yaada biyyoota michuu irraa ”TPLF waliin mari’adhaa” jechuun dhiyaataafi jiru gonkumaa kan hinfudhanne ta’uu irra deebiin beeksise.

Kun kan jedhame ibsa karaa Ministeera Haajaa Alaatiin galgala Wiixataa baheen.

Ministeerichi biyyoota michuu waliin walitti dhiheenyaan hojjachuu kan itti fufu ta’uu beeksisuun, garuu motummoota harka micciiruuf jedheen akka gochaa isaanii irraa of qusataniifi walabummaa biyyattii akka kabajaniif akeekkachiiseera.

Ministeerichi ibsa baase kanaan dhimmoota mootummoota biyya alaatiin himannaan irratti dhiyaatu shan erga eere booda.

Mootummaan Itoophiyaa motummoota kanneen waliin miira nagaatiin mari’achuuf yaalaa turuu kan hime ibsichi, haata’u malee isaan irraa miira walfakkaataa waan hin agarreefu fedhii biyyoota kanneenii shakkuuf dirqamaa jiraachuu kaaseera.

Biyyoonni kunneen haala rakkisaa Itoophiyaan qabatamaan keessatti argamtu hubachuuf yaaluu dhabuusaaniifi inumaawuu kan rakkinicha ittuu hammeessan ta’anii argamuu hima ibsi kun.

Biyyoonni ibsichaan maqaan hineeramiin kunneenis odeeffannoo miidiyaalee sobaarraa argataniin, gara kallattiifi yaada dogongoraatti adeemaa akka jiran hima.

Kana waan ta’eefuu mootummaan dhimmoota shan irratti ergaa ifa ta’e dabarsuun barbaachiseera jechuun dhimmoota armaan gadii tarreesseera.

Dhiyeessii deeggarsa namoomaa Tigraay

Mootummaan dhiyyeessii deeggarsa namoomaa irratti qophii qabuun alatti qabatamaan hojiin agarsiiseera kan jedhe ibsichi, deeggarsa naannoo Tigraayiitti taasifamuuf mootummaan dhaabbilee idil-addunyaatiif deeggarsa guutuu kennuu qofa osoo hintaane, guutuu naannoo Tigraay seenuun akka hojjataniif hayyama kenneera jedha.

Haalli qabatamaa lafarra jiru kana ta’ee osoo jiruu, dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan gahuu hindandeenye jechuun dubbachuun dhugaarraa kan fagaateedha jedhe ibsichi.

Bakkeewwan tokko tokkootti haala sodaa nageenyaatiin kan ka’e dhiyeessiin deeggarsa namoomaatiif mijataa akka hintaaneefi kanas dhaabbileen kunneen akka hubatan himeera.

Haalli qabatamaan jiru kana ta’ee osoo jiruu dhaabbileen deeggarsa namoomaa komii walfakkaataa dhiyeessuun isaanii akka isa gaddisiise ibseera.

Sarbama mirgoota namoomaa

Komiiwwan gama sarbama mirga namoomaa ilaallatuun dhiyaataniif, gareen abbaa alangaa federaalaafi poolisii federaalaatiin hundeeffamee dhimmicha qorachuuf gara naannoo Tigraayiitti imaluu kaasuun, bu’aan qorannichaa torban darbe keessa ifa taasifamuu ibseera.

Haaluma kanaanis kanneen balleessaan irratti argame ittigaafatamaa akka ta’an mirkaneessuu himeera.

Kanaan walqabatees Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, ajjeechaa jumlaa Maayikaadiraa dabalatee qorannoowwan hedduu taasisuun ibsa baasuu isaa kaasa ibsi Minsteera Haajaa Alaatiin bahe kun.

Kana malees ibsichi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Mirga namoomaa waliin qindoomuun qorannoo gaggeessuuf waliigaluu yaadachiseera.

Affeerraa Mootummaa Itoophiyaatiin Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Gamtaa Afriikaas, qorannoo gaggeessaa jiraachuu kan kaasee ibsi kun, kun hundi raawwatee bakka jirutti Itoophiyaan akka waan dhiboofteetti ilaaluun himannaa dhiyeessuun; dhiibbaa siyaasaa taasisuu barbaacha irraa kan madde malee waan biraa ta’u hindanda’u jedha.

Ibsa waa’ee suuraa,Lolli Sadaasa 4, 2020 dhaaba dhiyeenya kana shororkeessummaan farrajame TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu eegale amma baatii torba guutee jira

Lolli haa dhaabbatu

Keessattuu walitti bu’insi akka dhaabbatuuf waliigalteerra gahuufi marii biyyaaleessaa gama ilaallatuun yaada motummoonni biyyoota alaa dhiyeessan Ministeerichi haalaan qeeqeera.

Waliigaltee biyyaalessaa uumuudhaaf hawaasa siiviiliifi paartiilee siyaasaa, hayyootaafi qaamolee hawaasaa waliin marii waliitti fufiinsa qabu taasifamaa jiraachuu eeruun, garuu ammoo mootummoonni biyya alaa TPLF waliin mariin akka eegalamuuf dhiibbaan taasifamu gonkumaa fudhatama kan hinqabnedha jedheera.

Paarlaamaan bakka dhaabicha shororkeessummaan farrajee jirutti, TPLF waliin akka diinaatti walilaaluun hafee mariin akka eegalamu jedhamuun mootummoota biyyoota michuurraa irra deddebbiin dhiyaatu, gonkumaa akka hinfudhanne Ministeerichi beeksiseera.

”TPLF dhaaba seeraan alaati. Garee walabummaa biyyaa balaa keessa galcheefi kan heera mootummaa cabsedha.

Paarlaamaanis tarree garee shororkeessummaa keessa akka galuuf murteesseera. Kanaafidha mootummaan Itoophiyaa waamicha biyyoota michuu walitti bu’insi dhaabbatee mariiin haa taasifamu jedhu gonkumaa fudhachuu kan hindandeenyeef,” jedha ibsichi.

Kana malees biyyoonni tokko tokko dhimma keessoo biyyattii keessa galuu akka dhaabaniif waamicha taasiseeras ibsi kun.

Keessattuu humna addaa naannoo Amaaraa gama ilaallatuun, yaadoota dhiyaatan kan hinfudhanne ta’uu ibsi kun himeera.

”Itoophiyaan biyya walabaati. Humnoota nageenyaafi waraana ishee daangaa ishee keessatti bakka barbaadduufi haala barbaaduun bobbaasuu dandeessi. Humni addaa Amaaraa naannoo Tigraayiitti bobba’uunis bu’uura kanaatiin kan raawwatameedha,” jedheera.

Ammas taanaan mootummaan Itoophiyaa dhimmoota waloo ta’an irratti mootummoota biyyoota michuu waliin dubbachuuf qophii ta’ulleen, haalli harka micciiruuf adeemamu kan itti fufu yoo ta’e ammoo, walitti dhufeenya kana irra deebiin ilaaluuf dirqama jedheera ibsi kun.

Comments

Post a Comment

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU