”Ta’e Jedhamee Biyya Bakka Bu’ee Akkan Hin Dorgomne Ta’aa Jira” – Atileet Qananiisaa.


Fiigicha qaxxaamura biyyaa hanga Olompiikiitti dorgommiiwwan fageenya dheeraan Itoophiyaa bakka bu’uun injifannoowwan hedduun kan beekamu Atleet Qananiisaa Baqqaalaa ‘Ta’e jedhamee biyya bakka bu’ee akkan hin dorgomne ta’aa jira’ jedhe.

Atileet Qananiisaa Olompiika Tookiyoorratti atleetota Maaratooniin biyya bakka bu’an filachuu irratti komii qabu dhageessiseera.

Atleet Qananiisaa Baqqalaa dhuma torbee darbee iyyata Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Koree Olompiikii Itoophiyaa, Komishinii Ispoortii Itoophiyaafi Miidiyaaleef ergeen adeemsi amma dura atleetonni Maaratooniin biyya bakka bu’an itti filataman jijjiiramee dorgommiin haaraan biyya keessatti qophaa’uun sirrii mitii jedheera.

Atileet Qananiisaan filmaatni kan godhamuun irra ture akkuma kanaan duraa dorgommiiwwan idila addunyaarratti qabxii atleetonni galmeessaniin ta’uu qaba jechuun komateera.

Gaaffiifi deebii addatti BBC waliin godheen addatti inni dorgommii Olompiikaarratti biyya bakka bu’ee akka hin dorgomne shira godhamedha jedhee akka amanu himeera.

Olompiikni Tookiyoo bara 2020 qabamee ture sababa weerara Koronaavaayirasiin bara 2021’tti dabarafamuu isaan dura atileetota maaraatoonii dorgommii idila addunyaa sana dura ture irratti qabxii gaarii galmeessan sadii keessaa tokko ta’ee qophaa’aa akka ture ibsa Qananiisaan.

Haata’u malee Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, atlileetota maaratooniin biyya bakka bu’anii Olompiika Tookiyoorratti hirmaatan akka kana duraa qabxii dorgommii idila addunyaarratti galmeessaniin osoo hin taane dorgommiin calallii addaa biyya keessatti qophaayee akka ta’u atileetota, leenjistootaafi qaamolee dhimmichi ilaaluun waliin mariyatee ture.

Yaadaa kana Qananiisaa dabalatee atileetotni kaanis mormani kan turan ta’us, federeshinichi Qananiisaa dabalatee atileetota dhiiraa 12 fi dubara saddeetiif waamicha gochuun sanbata xiqqaa darbe dorgommii hirmaattota adda baasuuf gargaaru taasiseera.

Dorgommii gama dhiirotaan godhamerratti kan waamichi godhameef 12 keessaa kan hirmaatan jaha qofa.

‘Dorgommii kana gaggeessuun sirrii waan hin taaneef malee sodaa qabaadhee miti’

Atileet Qananiisaan ”dorgommii kanarratti kan hin hirmaanne dorgommmichi gagegefamuun sirrii miti amantaa jedhu waaniin qabuuf malee, qabxii na filachiisu fiduu hin danda’u sodaa jedhurraa miti,’ jechuun maaliif dorgomuu akka hin feene ibseera.

Dorgommiin Olompika Tookiyoo dorgommii haaraa osoo hin taane bara darberraa rakkoo keenya hin taaneen bara kanatti waan ce’eef sirni filmaataa haaraan fudhatamuu hin qabuu jedha Qananiisaan.

Dabalataaniis biyyoota addunyaa biroo keessattiis filmaatni atileetota maaraatoonii qabxii dorgommii idila addunyaarratti galmeessan irratti hundaa’a, osuma seera haaraa hojiirra oolchuun barbaachisees akka muuxannoo biyyoota kaaniitti seerichi waggaa tokko dursee bahuu qaba turee jedha.

Dorgommiin kun Atileetota miidhamaaf kan saaxilu ta’uun ammoo sababa kan biroo dorgomamuu hin qabu jedhee amaneef akka ta’e ibseera.

Seerri haaraan dorgommiin godhamuu qaba jedhu seera yeroo gabaabaatti bahe waan ta’eef malee osoo seera durii ta’ee dorgomuu nan danda’a tures jedha.

Kaniin hin dorgomnees ”filmaata isa sirriin qabxiin koo osoo na hirmaachisuu danda’uu, maaliif yeroo gabaabaa kana keessatti dorgommii hin barbaachifne godha yaada jedhuuni” jedha.

”Ta’e jedhamee biyya bakka bu’ee akkan hin dorgomne ta’aa jira”

Bara 2004 fi 2005 hanga bara 2020 abbaa riikoordii addunyaa meetira 5,000 fi 10,000 kan tureefi dorgommiiwwan idila addunyaa hedduurratti Itoophiyaaf meedaaliyaa warqee hedduu gumaachuun kan beekamu Atileet Qananiisaan ”ta’e jedhamee dorgommii biyya bakka bu’an irraa na hambisaa jiru” komii jedhu qaba.

”Waggaa shan dura Olmpiika Riyoo irratti yeroo dorgommiin dhiyaatutti seera haaraa nama dorgommii sadi afur fiige malee hin ta’u jedhu fidanii na hambisanii” jedha.

Dorgommiin Maaraatoonii boqonnaa ji’a sadiifi afurii gidduutti dorgomamu waan ta’eef, seerri bahus yoo xiqqaate waggaa tokkoo gaditti jijjiiramuun irra hin jiru jedha.

”Yeroo saniis qabxiin ani argadherratti hundaa’anii akkas godhan. Seerri kudhan jijjiiramu kun ana dorgommii keessaa baasuufi.”

Mariiwwan seerri haaraan akka bahu godhamu keessatti namoota hirmaatanirraa ”seerri kun siin dorgommii keessaa baasuuf bahe” jedhanii kanneen odeeffannoo kennaniif akka jiranillee dubbate.

”Namootni daba kana narratti hojjetan ifaan ifatti beekamus” jedha Qananiisaan.

Koreen Olompiikii Qananiisaan akka hirmaatu beeksisuu…

Iyyata Atileet Qananiisan qaamolee dhimmi ilaallatu saditti erge keessaa Koree Olompiikii Itoophiyaarraa deebii gaarii argachuu ibseera.

”Koreen Olompiikii Itoophiyaa dorgommiin amma gaggeeffames seeraa ala godhame, qabxii kana dura qabduun si hirmaachifna, homaa sitti hin dhagahamiin kan jedhu deebii argadheera,” jedha.

Hojiin atileetota fiigichaan dorgommii Olompiikiirratti biyya bakka bu’an filachuu dura aantummaan Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaan raawwatama.

Hanga ammaatti dhimma kana Ilaalchisee Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa wanti jedhame jiraachuu baatus, Qananiisaan murteen dhumaa kan Koree Olompiikiiti amantaa jedhu qaba.

”Ani mirga koofin falmadhe malee mirga atileetii kamuu hin tuqnee” kan jedhu Atileet Qananiisaan, deebiin Koreen Olompiikii Itoophiyaarraa ”si hirmaachifna” jechuun argate hirmaannaa isaa akka mirkaneesseefi gammachuu akka uumeef dubbata.

Gocha Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaattis gadduu dubbatee, murteen kunis murtee waloo Federshinii Atileetiksiifi Koree Olompiikii osoo ta’ee gaarii akka ture dubbateera.

Atileet Qananiisaa ”shirri biyya bakka bu’ee akka hin dorgomne narratti godhame hedduu na gaddisiieera” jedhee, ”biyya bakka buutee hin dorgomtu xalayaa jedhu yoo naa kennitan filannoo biraan barbaada,” jedhee gaafatees ture.

”Filannoon barbaaduuf ture biyya ormaaf dorgomuun alabaa biyya ormaa mirmirsuuf miti” jedheera.

Dorgommii Olompiikii kana irratti alaabaa adii kan Olompiikii jalatti dorgomuun haala danda’amu qoratee irratti hirmaachuuf yaaluuf akka ta’ellee BBC’tti himeera.

Fayyaa fi gahuumsa gaariirra akka jiru kan dubbatu Qananiisaan, yeroo hafe keessatti qophii isaa jabeessee Olompiika Tookiyoo ji’oota booda godhamurratti qabxii gaarii fiduu haala dandeessisurra akka jirullee himeera.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU