Posts

Showing posts from July, 2021

Jawaar Mohamed fi Namoonni Isa Waliin Himataman Iddoo Isaan Hin Jirretti Himanni Isaanii Akka Ilaallamu M.M Ajaje.

Image
Ibsa waa'ee suuraa, Jawaar Mahaammad fi Baqqalaa Garbaa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda qabaman Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee himatamtootni galmee isaanii keessatti argaman afur dhimmi isaanii iddoo isaan hin jirretti akka ilaallamu manni murtii ajaje. Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaafi dhimmoota heeraa tokkoffaa Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana /Booranaa/ fi Obbo Dajanee Xaafaa mana murtiitti dhiyaachuuf fedhii waan hin qabneef ajaja kana kenne. Himatamtootni afran beellama har'aa irratti hin dhiyaanne. Manni Sirreessaa himatamtootni afran "fedhii isaaniitin hin dhiyaannu waan jedhaniif isaan dhiyeessuu hin dandeenye" jechuun deebiisaa barreeffamaan mana murtichaaf dhiyeessera. Manni murtichaas himatamtootni afran "fedhiisaaniitin mirga heeraan kennameef fayyadamuu waan hin barbaadneef dhimmisaanii iddoo isaan hin jirretti yaa ilaallamu" jechuun ajajeera. Obbo J

KANAN GAAFADHE GAAFFII MIRGAATI HOMAA ITTI HIN GAABBU.

Image
MADDA SUURAA, SULTAN DEKSISO Guraandhala darbe keessa sagantaa eebba barattoota Yunivarsiitii Jimmaarratti kan qabame dargaggoo Mohaammad Deksiisoo ''waanan yeroo sana gaafadhe gaaffii mirgaa waan tureef, gaabbiin natti dhagahamu omtuu hinjiru'' jechuun BBCtti hime. Mohaammad Deksiisoo Guraandhala darbe waltajjii eebba barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa irratti sagalee mormii namoota hidhamanii fi haqa Haacaaluu Hundeessaaf jedhu erga dhageessiseen booda hidhamuun Adooleessa 10, 2021 gadhiifame. Mohaammad waltajjii Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi aanga'oonni olaanoo mootummaa Federaalaa argamanitti ture ''Free Jawar Mohammad, Justice for Hachalu'' jechuun sagalee guddistuun galma sirni eebbaa gaggeeffamu keessatti kan dubbate. ''Eenyumtuu beekuu kan qabaatu gaaffiin ani gaafadhe gaaffii mirgaati, wanti na yaaddessuus ta'ee kan na sodaachisuu ykn waanan itti gaabbuu omtuu hinjiru,'' jedheera Mohaammad. Erga