KANAN GAAFADHE GAAFFII MIRGAATI HOMAA ITTI HIN GAABBU.


Mohaammad Deksiisoo

MADDA SUURAA,SULTAN DEKSISO

Guraandhala darbe keessa sagantaa eebba barattoota Yunivarsiitii Jimmaarratti kan qabame dargaggoo Mohaammad Deksiisoo ''waanan yeroo sana gaafadhe gaaffii mirgaa waan tureef, gaabbiin natti dhagahamu omtuu hinjiru'' jechuun BBCtti hime.

Mohaammad Deksiisoo Guraandhala darbe waltajjii eebba barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa irratti sagalee mormii namoota hidhamanii fi haqa Haacaaluu Hundeessaaf jedhu erga dhageessiseen booda hidhamuun Adooleessa 10, 2021 gadhiifame.

Mohaammad waltajjii Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi aanga'oonni olaanoo mootummaa Federaalaa argamanitti ture ''Free Jawar Mohammad, Justice for Hachalu'' jechuun sagalee guddistuun galma sirni eebbaa gaggeeffamu keessatti kan dubbate.

''Eenyumtuu beekuu kan qabaatu gaaffiin ani gaafadhe gaaffii mirgaati, wanti na yaaddessuus ta'ee kan na sodaachisuu ykn waanan itti gaabbuu omtuu hinjiru,'' jedheera Mohaammad.

Erga to'annaa jala oolfamee kaasee bakkeewwan garaa garaa jahatti hidhamuu kan dubbatu Mohaammad, isaan keessaa lama qofti bakka mana hidhaa idilee yoo ta'an kaan bakka al-idilee namoonni itti dararamanidha jedheera.

Kanaan dura Mohaammad guyyaa to'annoo jala oolfame poolisootaan reebichi irratti raawwatamuu komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa himuunsaa ni yaadatama.

Awaash Malkaasaa 'lafa horsiisa lukkuu' keessatti namoota biraa waliin gara baatii tokkootiif hidhamu isaa kaasuun, Jimaata irraa kaasee namoonni hedduun gadhiifaman jiraachuu BBCtti himeera.

Haala turmaata isaa mana hiidhaa Awaash Malkaasaa yoo dubbatuus ''Guyyoonni achi ture akka waggaatti dheeraa waan turaniif, hinlakkoofne garuu baatii tokkoo ol ni ta'an se'a'' jedheera.

Haala mana hidhaa Awaash Malkaasaa ilaalchisees ''bakka lukkuun itti horsiifamaa ture, maal akka ta'e hubachuun ni danda'ama,'' jechuun ibse.

Tibba hidhaarra tureetti waan isa mudate dubbachurraa kan of qusate Mahaammad, garuu ammoo ''kan na mudatee kanneen hidhaarra jiran birootiin addaa miti. Namoota hedduutu hidhaarratti argama'' jedheera.

MADDA SUURAA,SULXAAN DEKSIISOO

Haalli adeemsa haqaa Mohaammad akkam ture?

Mohaammad dabalatee namoonni isa waliin hidhaman lama marroo duraatiif hokkora kakaasuu fi qaama hidhatee socho'u waliin hariiroo qabaachuun shakkamuu poolisiin magaalaa Jimmaa mana murtiif ibsee ture.

Irra deebiin ammoo 'yakka ajjeechaan' shakkamuu isaanii poolisiin himee ture.

A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 manni murtii mirga wabii eeguufi hordofee Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Mohaammad Deksiisoo hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafachuun ibsa baasee ture.

Wanti Mohaammad Deksiisoo godhe yakkaan nama gaafachiisa jedhee hin amanu jedhe komishinichi.

Dabalataan Mohaammad guyyaa to'annoo jala oolfame poolisootaan reebichi irratti raawwatamuu komishinichi himee ture.

Manni Murtii aanaa magaalaa Jimmaa dhaddacha ALI gaafa 07/07/2013 ooleen Mohaammad Deeksisoo yeroo lammaffaaf wabiidhaan akka gadhiifamuuf murteesse.

Abukaatoon isaa Obbo Obsinaan Girmaa erga mirgi wabii eegameefiin booda garuu poolisiin osoo hin gadhiisiin torbe lamaa oliif turuu BBC'tti himanii turan.

Boodas qarshii wabiidhaaf gaafatame kanfalee mana hidhaatii bahee erga namootaanis wal-argeen booda poolisiin deebisee too'annoo jala oolchuun dhagahame.

Poolisoonni Humna Addaa Oromiyaa paatirooliidhaan fuudhanii deemuu isaaniitiin alatti eessa akka geessan quba akka hin qabnes, Obbo Obsinaan fi obboleessisaa Sulxaan Deksiisoo BBCtti himuunsaanii ni yaadatama.

Guyyaa Sambataa Adooleessa 10, 2021 ammoo Awaash Malkaasaa irraa hiikamuun maatiitti makamuu Mohaammad fi maatiin isaa BBCtti himan.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU