Posts

Showing posts from November, 2023

ODEESSAALEE SADAASA 10,2023

Akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti waraanni maafi’aa bilxiginnaa torbee darbe keessa bobbaafaman kun jiraattota  aanaa Anfilloo fi Yemaaloogii Walal 2 gubanii ajjeesuun tokko madaa’ee hafe. Aanaa Anfilloo ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamee beekamutti tiksitootni barcuma Abiy Ahimad jiraataa ganduma Fandachaa nama maqaan isaa Daani’el Dassaalee Garasuu  fi jiraataa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Daallee Saasii kan ta’e nama maqaan isaa Amaanee Kibiratuu jedhamu ganduma Daallee Saasii keessatti gubanii kan ajjeesan yoo ta’u,  ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamutti namni isaan guban Paawuloos Tafarii kan jedhamu gubatee hafuun yeroo ammaa hospitaala Dambii Doollootti yaalamaa jiraachuu jiraattotni kun dubbatan. Kun kanaan osoo jiruu aanaa Gidaamii ganda Laaloo Garee keessatti ammoo namoota lama  luba Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii tokkoo fi dargaggoon tokko waraana faashistii kanaan ajjeefamaniiru. Lubni Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii kun maqaan isaa Dabalaa Tafar

Odeessa Waraanaa

Miseensi raayyaa ittisa  impaayerattii tokko Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibba baha Oromiyaatti harka kennate. Sadaasa 9,2023 miseensi waraana bilxiginnaa tokko baha Shaggar  aanaa Boosat keessatti sirna abaaramaa bilxiginnaa uummata Oromoo dararaa jiru ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba baha Oromiyaa Cibraa Hambaa Aanoleetti dabalamee jira. Miseensi waraana bilxiginnaa kun waan Oromoo ta'e qofaaf sirnicha keessatti  maqaa hidhata WBO waliin qabda jedhamuun shakkamaa turuu ibsuun, yeroo baay'ee namootni hedduun mooraa sirnichaa keessatti hidhaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa akkaan waan irratti hammaateef sirnicha ganuun gara dirree qabsoo sabichaatti makamaa jiru jedhe. Anis rakkoo irra deddeebiin ana irra ga'ee fi ilaalchi murni bilxiginnaa uummata Oromoof qabu, uummaticha  cabsee waa'ee Oromummaa dagachiisuun Itoophiyummaa harkaa fi harma nu murte nu faarsisuu ta'uu hubachuun mooraa bilxiginnaa akka ganes dubbateera. Miseensi raayyaa  itti