Odeessa Waraanaa

Miseensi raayyaa ittisa  impaayerattii tokko Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibba baha Oromiyaatti harka kennate.

Sadaasa 9,2023 miseensi waraana bilxiginnaa tokko baha Shaggar  aanaa Boosat keessatti sirna abaaramaa bilxiginnaa uummata Oromoo dararaa jiru ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba baha Oromiyaa Cibraa Hambaa Aanoleetti dabalamee jira.

Miseensi waraana bilxiginnaa kun waan Oromoo ta'e qofaaf sirnicha keessatti  maqaa hidhata WBO waliin qabda jedhamuun shakkamaa turuu ibsuun, yeroo baay'ee namootni hedduun mooraa sirnichaa keessatti hidhaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa akkaan waan irratti hammaateef sirnicha ganuun gara dirree qabsoo sabichaatti makamaa jiru jedhe.

Anis rakkoo irra deddeebiin ana irra ga'ee fi ilaalchi murni bilxiginnaa uummata Oromoof qabu, uummaticha  cabsee waa'ee Oromummaa dagachiisuun Itoophiyummaa harkaa fi harma nu murte nu faarsisuu ta'uu hubachuun mooraa bilxiginnaa akka ganes dubbateera.

Miseensi raayyaa  ittisa impaayerattii Oromummaan itti dhagaa'ame kun qawwee AKM 1 hidhannoo guutuu waliin qabachuun mooraa diinaa kutaa waraanaa  86ffaa reejimantii 2ffaa aanaa Boosat magaalaa Doonii keessaa ba'uun Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibba baha Oromiyaa Cibaraa Hambaa Aanoleetti erga dabalatee booda, simannaa hoo'aa taasifametti gammaduun hiriyoottan isaa achitti hafanis akka dhufaniif waamicha dabarseera.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU