ODEESSAALEE SADAASA 10,2023

Akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti waraanni maafi’aa bilxiginnaa torbee darbe keessa bobbaafaman kun jiraattota  aanaa Anfilloo fi Yemaaloogii Walal 2 gubanii ajjeesuun tokko madaa’ee hafe.

Aanaa Anfilloo ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamee beekamutti tiksitootni barcuma Abiy Ahimad jiraataa ganduma Fandachaa nama maqaan isaa Daani’el Dassaalee Garasuu  fi jiraataa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Daallee Saasii kan ta’e nama maqaan isaa Amaanee Kibiratuu jedhamu ganduma Daallee Saasii keessatti gubanii kan ajjeesan yoo ta’u,  ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamutti namni isaan guban Paawuloos Tafarii kan jedhamu gubatee hafuun yeroo ammaa hospitaala Dambii Doollootti yaalamaa jiraachuu jiraattotni kun dubbatan.

Kun kanaan osoo jiruu aanaa Gidaamii ganda Laaloo Garee keessatti ammoo namoota lama  luba Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii tokkoo fi dargaggoon tokko waraana faashistii kanaan ajjeefamaniiru.

Lubni Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii kun maqaan isaa Dabalaa Tafarii Hundeessaa yoo ta’u, dargaggoon gandichaa ajjeefame ammoo maqaan isaa  Nigaash Ayyaalee Hundeessaa kan jedhaman yoo ta’an ganda Caffee Likkii keessatti maanguddoo Nyaanyee jedhamu Wiixata darbe Sadaasa 6,2023  qalanii ajjeesuun barameera .

Namootni  lamaan kun maatii keessaa ta’uu kan himan jiraattotni, aanaa Anfilloo ganda Fandachaa keessatti namoota gubamanii ajjeefaman malee kanneen reebamanii miidhaan irra ga’es hedduu ta’uu himu.

Namootni reebichaan miidhamanii jiran kunis qindeessaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Fandachaa barsiisaa Malkaamuu Tolinaa Barjuu akkasumas jiraattota keessaa Yaa’iqoob Roobaa Barii, Biraanuu Yaadataa, Faantaa Xurunaa, Bulchaa Abdiisaa fi kanneen biroo hedduun jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himuun, gochi ganda Caffee Likkii kaasee Garjeedaa arfanii hanga Laaloo Garee gidduutti waraana faashistii PP’n raawwatamaa jiru sukkanneessaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU