Posts

Showing posts from December, 2023

WBOn Duratti!

Lolli Itti fufe! #Lixa Shaggar (Dirree Hincinni, Miyo, Tullu Boolloo, Tole, Sadan Soddoo, Taji, Abeebee, Darraa, Gabra Guraacha, Warra Jaarsoo, Hambisoo; Ada'aa Bargaa, Shukutee, Jalduu, Boosat); Gujii (Galaan, Dugda Dawaa, Bulee Horaa, Sabbaa Boruu);  #Wallagga (Mandii, Dambidoolloo, Gimbii, Sasiggaa, Anfilloo, Gawoo Qeebbee, Kombolcha, Daduu, Gabatee, Waatiyoo ): #Baale (Gobba, Barbaree, Diinshoo );  #Arsii (Heeban, Martii, Sirkaa, Asakoo); #Bunnoo Baddallee (Makko, Dabio): #Boorana (Moyyaale, ); #Harargee (Ciroo, ); #Walloo (Kamisee, ) keessati tarkaanfilen fudhatamanii injifannooleen gurguddoo galmeeffamaniijiru. Gama ijaarsaan Oromoon biyya ambaa keessa jiru qabsoo isaa gargaaruuf gulantaa gulantaan wal ijaaree sosso'uun hojii nama boonsu ta'ee jira. Haga ammaati sadarkaa idil-addunyaatti, Godinoota Awurooppaa, Kanaadaa, USA, Awustraaliyaa, Eeshiyaa fi Giddu Gala Baha, fi Afrikaa ijaaramanii jiru. Godinoota kana jalattis Gamtaaleen 19 ijaaramanii jiru. Gamtaalee 19 jal

Af Gaaffii Obbo Taayyee Danda'aa

Obbo Taayyee Danda’aa Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa yoo ta’an, dhimmoota siyaasaa Naannoo Oromiyaa fi biyyaa irratti ilaalchaa fi ejjennoo isaanii karaa miidiyaa hawaasummaatiin qooduun beekamu. Isaan Paartii biyya bulchaa jiru, Badhaadhina keessattis miseensa koree hoji raawwachiistuu yoo tahan, haala naannoon Oromiyaa fi biyyi keessa jirtu irratti dhaabuma isaanii kana qeequ. Waadaa jijjjiirama siyaasaa waggaa shan duraa irratti seename, haala naannoo Oromiyaa keessa jiru, marii mootummaa fi WBO, miidhaa maatii fi firootasaarra gahe, ergaawwan ministira Muummeetti qaamaan haala qabatamaa Oromiyaa himaniifi kanneen biroo irratti BBC Afaan Oromoo waliin turtii bal’aa taasisan. Maddi rakkoo amma Oromiyaatti mudate mooraan siyaasaa Oromoo diigamuudha Bara 2018 yeroo jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufee Oromoon aangoo biyyattii isa olaanaatti dhufe, yeroo abdiin badhaadhinaa fi dimokiraasii itti ifee mul’ate ture jedhu Obbo Taayyeen. “Gammachuu guddaatu ture. Kan namni abd