WBOn Duratti!

Lolli Itti fufe!
#Lixa Shaggar (Dirree Hincinni, Miyo, Tullu Boolloo, Tole, Sadan Soddoo,
Taji, Abeebee, Darraa, Gabra Guraacha, Warra Jaarsoo, Hambisoo; Ada'aa Bargaa,
Shukutee, Jalduu, Boosat); Gujii (Galaan, Dugda Dawaa, Bulee Horaa, Sabbaa
Boruu); 
#Wallagga (Mandii, Dambidoolloo, Gimbii, Sasiggaa, Anfilloo, Gawoo Qeebbee, Kombolcha, Daduu, Gabatee, Waatiyoo ): #Baale (Gobba, Barbaree,
Diinshoo ); 
#Arsii (Heeban, Martii, Sirkaa, Asakoo); #Bunnoo Baddallee (Makko, Dabio):
#Boorana (Moyyaale, ); #Harargee (Ciroo, ); #Walloo (Kamisee, ) keessati tarkaanfilen
fudhatamanii injifannooleen gurguddoo galmeeffamaniijiru.

Gama ijaarsaan Oromoon biyya ambaa keessa jiru qabsoo isaa gargaaruuf gulantaa
gulantaan wal ijaaree sosso'uun hojii nama boonsu ta'ee jira. Haga ammaati sadarkaa idil-addunyaatti, Godinoota Awurooppaa, Kanaadaa, USA, Awustraaliyaa, Eeshiyaa fi Giddu Gala Baha, fi Afrikaa ijaaramanii jiru. Godinoota kana jalattis Gamtaaleen 19 ijaaramanii jiru. Gamtaalee 19 jalatti ammoo Gurmuuleen 40 ijaaruun hojii Ebla
13, 2023 irraa eegalamee hojjatamee fi injifannoo boonsan argame dha.

Jaarmayaan kun gaafatama dinagdee walitti qabuu, dipilomasii hawaasummaa hojjechuu, hojii ijaarsaa fi siyaasaa jajjabeessuu, hojii miidiyaa fi sabquunnamtii cimsuu, fi hojilee hojjetaman sirnaan taliigamuu isaani tohachuu irratti kan fuulleffate dha.

Qajeelfamas dirree irraa fudhate kan gaggeessuu fi haal dure tokko malee kan WBO gargaaruu fi deeggaru dha. Warri inijfannoolee ABO-WBOtti inaafan diinnii fi farreen keessaa hojii ABO-WBO
gufachiisuuf dhama'anis itti hin milkoofne. Diinni ilmaan Oromoo ajjeesuun jiilchuuf yakka isaa ofi irratti guddisaa jiraachuu argaa jirra. Yakki sanyii duguggaa Oromiyan keessati gaggeeffamaa jiru galmee seenaa keessati galmaawaa kan jiru yoo tahu guyyaan itiin gaafataman dhufuufis akka jiru hubachisuu feena.

Ilmaan Oromoo dirree lolaa isa hin ilaallanneetti oofamee akka baalaa harca'aa jiruuf namni dubbachuu dhibuun rakkoo guddaa dha. 
Oromiyaan biyya

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU