Af Gaaffii Obbo Taayyee Danda'aa

Obbo Taayyee Danda’aa Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa yoo ta’an, dhimmoota siyaasaa Naannoo Oromiyaa fi biyyaa irratti ilaalchaa fi ejjennoo isaanii karaa miidiyaa hawaasummaatiin qooduun beekamu. Isaan Paartii biyya bulchaa jiru, Badhaadhina keessattis miseensa koree hoji raawwachiistuu yoo tahan, haala naannoon Oromiyaa fi biyyi keessa jirtu irratti dhaabuma isaanii kana qeequ.

Waadaa jijjjiirama siyaasaa waggaa shan duraa irratti seename, haala naannoo Oromiyaa keessa jiru, marii mootummaa fi WBO, miidhaa maatii fi firootasaarra gahe, ergaawwan ministira Muummeetti qaamaan haala qabatamaa Oromiyaa himaniifi kanneen biroo irratti BBC Afaan Oromoo waliin turtii bal’aa taasisan.
Maddi rakkoo amma Oromiyaatti mudate mooraan siyaasaa Oromoo diigamuudha Bara 2018 yeroo jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufee Oromoon aangoo biyyattii isa olaanaatti dhufe, yeroo abdiin badhaadhinaa fi dimokiraasii itti ifee mul’ate ture jedhu Obbo Taayyeen. “Gammachuu guddaatu ture. Kan namni abdate gidiraan bara 150 hunduu hiikkatee dimokiraasiin ni dhufa kan jedhu ture. Gaaffiin uummataa kan Afaanii, kan dinagdee fi dhimmootni jajjaboon lakkaa’amee ka’aa ture suni ni deebi’aa abdiitu ture” jedhan.
Uummanni nagaa akka argatu, bilisummaan bahee akka galuu fi ijaaramee hojjetee badhaadhinatti baha, siyaasni keenyas ni qarooma kan jedhu abdii nama hundaa akka ture kaasu. “Oromoon waliin dubbatee rakkoo furata malee barri rakkoo dhumeera, sabaa fi sablammii waliinis nagaan jiraata kan jedhu abdii guddaa ture. Dirreen siyaasaas jalqaba banaa ture. Hamileen namaa guddaa ture” jedhu waan bara jijjiiramaa jalqaba ture yoo yaadatan.

Jijjiiramni siyaasaa abdatame kuni akka dhufuuf kutaan hawaasaa kaan lubbuu itti dhabee, kaanis waan danda’e hundaan tumsaa ture kan jedhan Obbo Taayyeen, eegasii booda akkamitti deemna kan jedhu karoorri dursee kaa’amuu dhabuun rakkoo ammaa kana dhaluu himu. “Jijjiiramichi erga dhufee booda namni gara faayidaa fi aangootti fiiguutu dhufe. Wal harcaasuutu dhufe. Bitaa fi mirgatti harkisuutu dhufe. Kaan hafee ODP keessattuu waliin mari’atanii ajandaa tokkorratti waliin hojjechuun ni dhabame” jedhan.
Keessoo dhaaba isaaniitti mariin erga sodaatamaa deemeen booda siyaasni Oromoo itituurra gara faca’uutti akka deemes himu. Burjaajiin mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhalate murni kaan gara gaaraatti akka deebi’u erga godheen booda, gidiraan uummataa warra waliin dhahee aangoo dheereffatuuf carraa gaarii uume jedhan. Obbo Taayyeen murna giddugaleessa too’atee gidiraa uummaataatiin nagada jedhan kana maqaan hin ibsine. Ta'us kan biyya bulchaa jiru paartii isaanii, Paartii Badhaadhinaa yoo tahu, pirezidaantiin naannoo Oromiyaa iddoo rakkoon bulchiinsa gaarii fi malaammaltummaan itti hammaata jedhan ammoo Obbo Shimallis Abdiisaati.

Obbo Taayyeen jijjiirama booda qabsoo Oromoo kana karaa sirrii ta’ee fi bifa jalqaba waadaa galameen hojiirraa ooluu dhabuun Oromoon Gidiraa waggaa 150 keessattuu hin argine amma akka argu ta’e jedhan. “Kan waggaa 150 qabsootti wareegame caalaa ammoo erga injjifatee booda deebi’ee kisaaraa fi gadadootti deebi’e,” jedhan. Wal hubannaa gaariin jira. Garuu marii marsaa biraa barbaachisa jechuun waliigalteerra osoo hin gahiin adda bahan. Marsaa lammaffaan Taanzaaniyaa magaala Daareselaamitti yeroo gaggeeffamu uummanni akka waliigalteerra gahan abdiin eegaa turus lameenuu quba walitti qabuun marichi fashaluu himan.

Obbo Taayyeen ofiis WBO qeeqaa kan turan guyyaa jalqaba mariin Mootummaa fi WBO gidduutti jalqabuun dhagahamu magaala Garba Gurraachaatti uummata bakka bu’an haasofsiisaa akka turan himan. Uummanni abdii guddaa horatee ture jedhan. “Gubannee jirra, rakkannee jirra. Adaraa waaqaa fi lafaa mariin kuni akka milkiin xumuramu godhaa, mariidhaan dhumuu baannan duruu dhumne, dhumuu keenya jedhanii natti dhaamani” jedhu hawwii uummata yeros ture yoo himan.

Oromoonni biyya keessaa fi ala jiran mariin marsaa duraas ta’e lammataa yeroo jalqabametti, lolli obbolaa kuni akka dhaabbatu, waadaan gaafa jijjiiramaa seename akka hojiirra ooluuf qalbiin eegaa turuu eeran. Dhibdeen siyaasaa Oromiyaa erga deemee bakka amma jiru kana gahamee fi qaamni lamaanuu dubbii kana karaa nagaan haa furannu jedhanii erga murteeffatanii booda, ''araarri kuni akka gufatu kan godhe mootummaadha jedheen amana'' jedhu Obbo Taayyeen.
“Mootummaan ani keessa jiru kuni anuu namnin waliin jiru ‘rakkoo keessa jirra, mari’annee furmaata goona’ yoon jedhu manni mariif banaa miti. Waliin dhahuu fi gogowomsanii darbuutu barbaadama. Mootummaan kiyya kuni amala kana qaba” ,“Lammaffaan WBO kan hoogganu Marroon qilleensa mootummaan too’atu keessatti dubbiin kuni haa dhumu, yoo mootummaanillee nadhahe haa du’u jedhee ‘risk’ fudhatee gaaraa bahee xiyyaaran Taanzaaniyaa deeme. Kuni kutannoo agarsiisa anatti.” Jedhan.
Akka ilaalcha isaaniitti, Marroon marii kanaaf hanga kana deemuun, rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessa jiru kuni gama kamiinuu haa uumamu amma nagaan hiikachuu qaba kan jedhuuf Tarkaanfii guddaa fudhate jedheen amana. ‘Gammachuu Abbooyyeetis akkasuma’ jedhan. Borumtaa mariin araaraa qaamolee lamaan gidduutti Taanzaaniyaatti eegalame gama Mootummaatiin ololli oofamuu akka jalqabes himu.

“Shanee balleesinee jirra, cabsaa jirra kan jedhu ololli ni eegale. Olola qofa osoo hin taane waraanni bakka hundaa socho’ee waan dur hin jirretu deebi’ee waraana waggaa shan keessatti hin dhumne yeroo marii sana keessatti fixuuf dhamaatiin godhame” jedhan. Haalota kana yoon ilaalu mootummaan kiyya kuni dubbichi mariidhaan akka dhumu waan barbaade natti hin fakkaatu jedhan angaa’aan kuni.
Marii nagaa Taanzaaniyaatti jaarsummaa Ameerikaa fi Noorweyiin mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti torban lamaa oliif taa'ame waliigaltee malee xumurame. Mootummaan fedhii aangoo qaamni kaan kaase irraa kan ka'e marichi gufachuu yoo ibsu, ABO-WBO marii seena qabeessa rakkoo uummataa bu'uuraan fura jedhame sababa ejjennoo mootummaan hin milkaa'iin hafe jedhe.
Mariin mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Daareselaamitti taa’ame milkii malee erga xumurameen booda biiroon kominikeeshinii Oromiyaa “qaamni nageenya dide dirqamee araaratti akka deebi’uuf tarkaanfiin fudhatamaa jira” jechuun ibsa baasee ture. Ibsi kuni rakkoo mootummaa fi WBO gidduu jiru karaa waraanaatiin furuuf itti adeemamaa jiraachuu kan akakeekudha.

Obbo Taayyeen garuu ‘Waraanni yeroo jarri Gidaamii jiran fala hin finne amma yeroo Sululta gahanitti rakkoo hin furu’ yaada jedhu qabu. “Gaafa duraa waraanni kuni Qeellam aanaa tokkoo fi lama ture. Gaafasirraa inuma waraanna. Waraanni kuni dubbii kana hin hiikne jechuudha. Ammamoo babal’atee godinni waraanni kuni keessa hin jirre hin jiru jechuu dandeessa. Amma as dhihoo Sululta jira” jedhan.

Marii araaraa Ministeera Nagaa ilaallatu ministeera Haqaatu hirmaate. Marii nagaa Taanzaaniyaatti taa'ame irratti gorsaa dhimma nageenyaa Ministira muummee Ambaasadar Reedwaan Huseen, Ministira Haqaa biyyattii Dr Geediyoon Ximootiyoos fi namoonni biroo hirmaataniiru.
Ministirri nagaa biyyattii marii kana irratti akka hin hirmanne himu Obbo Taayyeen. Akka Obbo Taayyeen jedhaniti marii nagaa kan TPLF waliin taasifames ta’e kan WBO waliin marsaa lama taasifame irratti ministeerri nagaa hin hirmaanne. “Marii dhimma nageenyaa seerri nuuf kenne. Labsii lakk 1263/2014 dhimmi nageenyaa akka nulallatu eera. Haa ta’u, kan hirmaate ministeera Haqaati. Ministeera Haqaa mariin Nageenyaa nilaallata kan jedhu hin qabu ani.

Yoo booda gareen tokko waan irratti waliigale kana dide namni boru seeran laalu silaa ministeeruma haqaati” jedhan. Haa ta’uuti, miniteerri Haqaa ofumaa qaama marii kanaa ta’ee hirmaachuun deebi’anii boru akkamitti abbaa balleesse ija seeraatiin himachuu dandeessa? Jechuun gaafatu.

Ministeerri Nagaa erga hundaa’ee nagaan hin buune kun maalif ta’e jennee kan gaafanne Obbo Taayyeen, ministeerri nagaa Nagaa mariidhaan ijaaramu irratti hojjeta malee jeequmsi yoo ka’e kan itti gaafatamu nu miti jedhan. “Nuti Uummanni akka walitti hin buune yaada dhiheessuu, uummata mariisisuudha. Saniin ala bakka rakkoon bu’etti qaama wal ajjeesuuf deemu, walitti bu’iinsa hoo’aa dhaabsisuudhaaf aangoon nuuf kenname hin jiru” jedhan.

'Yeroo lama MM qaamaan walargee rakkoo Oromiyaa itti dubbadheera' Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad qaamaan argattanii rakkoo amma Oromiyaan keessa jirti jettan kana itti dubbattanii beektuu? jennee kan gaafanne Obbo Taayyeen, marsaa lama wal arganii itti haasa’uu himan.

“Tokko gaafa abbootiin Gadaa karrayyuu dhuman sanan isaan argadhee waliin haasa’e. ‘wanni Oromiyaarraa isin dhaqabu gabaasni gabaasa sobaati. Misoomni jedhamu kijiba. hin jiru. Wanni nagaan walqabatee himamus akkas miti. Uummanni keenya dhumuutti jira’ “ jedhanii itti himuu dubbatu.

Ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu humnoota nageenyaa mootummaan raawwatamuu ifatti kan dubbatan Obbo Taayyee Danda'aa turan. Bara 2021 keessa Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamu qubatanii kan turan Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee, namoonni 14 humnoota mootummaa Oromiyaatiin ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himanii ture.

Motummaan gamasaatiin Abbaa Gadaa kan ajjeessee gareen ''Shaneeti'' jedhe ture. Obbo Taayyeen keessumaa haalli yoo miseensi maatii tokko qaamota hidhatan kanatti makame ‘Maatii shanee’ jedhamee sababa saniin abbaan, haati, niitiin hidhamtuufi dararamtuuf sirrii miti. Dararaa fi sarbamni mirga namaa Oromiyaa akka malee hamaa ta’uu MM Abiyyitti himeera jedhan.

Seeran ala nama ajjeessuun, nama too’atame haala sukaneessaan adabuun keessumaa namoota abbootii Gadaa Kaarrayyuu ajjeefaman biraa hidhaman irratti raawwate sirritti ibsuufi himan. “Waan sirreessan natti fakkaatee ture. homaan goone. Warri gaafsana nama ajjeeses hin gaafatamne. Warri gaafas waan sanitti shakkame aanguma gaafas harkaa qabanirra har’as jiru. Maalif akka dhiisan ani hin beeku” jedhan.

Yaa’ii Caffee Oromiyaa irratti ‘yaada akkan hin ibsamne sagalee na ukkaamsan’ jechuun erga barreessaniin boodas yeroo lammaffaaf ministira muummeen wal arganii haasa’uu himu. “Wanni deemaa jiru sirrii miti, maaliif akkana goote jedhanii nagaafatan. Ani uummata bakka bu’ee jira. Mirgi dubbachuu dhorkamuu hin qabu. Namni lafumaa ka’ee mirga kiyya ukkaamse kanaafan dubbadheen jedheen.”
“Hanni hammaatee jira, rakkoo nageenyaa nama nyaachaa jira. Waan kuni yoo furmaata hin argatin maal godha aangoo qabna jennee as taa’un, maaliif furmaata hin argatu kan jedhu itti himeen ture. Achirrattis waan ergasii as godhan hin argine. Dubbiin akkuma kaleessaati” jedhan. Obbo Taayyeen ofiis qaama mootummaa taatanii osoo jirtanii amma kana dubbachuun itti gaafatamummaa jalaa of baasuufimoo jedhee BBC'n gaafate.

“Ani waggaa 10 mana hidhaa ture. sumunii tokko barbaachaf waanin godhe hin qabu. Daandiin kuni uummata Oromootiif ni baasa waanin jedhun godhas, jedhas. Kanaaf waan narraa eegamu nan godha. Kanin dubbadhus dubbiin akka karaa qabatuuf malee of bilisa gochuuf miti” jedhan. Qabsoon keessoo dhaabaa dhageettii dhabnaan karaa miidiyaa hawaasummaatiin alatti yaada isaanii uummata biraan gahuu akka jalqabanis himu.

“Bakka biyyi badetti, bakka uummanni badetti, bilisummaan qofaan qabaadhu eessa jira bilisa o fbaasufii kan naan jettu? Har’a miti kan naaf gale qaata. Amma wannin dubbadhuuf biyyatu bada xiyyeeffadhaa jechuufi” jedhan.
'Maatii fi firoonnikoos dararamaniiru…' Obbo Taayyeen Caffee Oromiyaa kan seenan uummata aanaa Kuyyuu fi naannawa sana bakka bu’uuni. Hawaasni isaan bakka bu’an amma lola garee lamaanitiin warra gidiraa argaa jiran keessaayi. Yeroo ammaatti haalli nageenyaa hammaachuusaatiin ofii isaanitiif hawaasa bakka bu’anis ta’e maatii isaanii dubbisuuf garas deemuu akka hin dandeenyes himu.

Harmeesaanii dabalatee firootnii isaaniillee sababa rakkoo nageenyaa Kanaan qe’ee isaaniirraa buqqa’anii rakkachuus BBC’tti himan. “Haati kiyya baadiyyaa jiraatti ture. Achii lafa qonnaa qabdi. Erga lolli kuni eegalee qe’eeshii gadhiistee godaante. Waan argachuu qabdu dhabde. Gosti abbaa kiyyaa. kan haadha kiyyaa, kan manni irraa gubate baayyeedha. Gama tokkoon mootummaa waliin jirtuudha, gama biraan warra ''Shanee'' deeggartu jedhamee kan ajjeefame, kan dhaaname jira” jedhan.
Namni fira dhihoosaanii ta’es butamee (Abbaa bute rabbitu beeka jedhan) birrii guddaa kanfalee gadhiifame jedhan. Obbo Taayyeen gaafa qabsoof bahan waan harmeensaanii jedhaniin kaasuun dubbatu: “Gabrummaan isin jettan kuni meerre, nuti silaa nagumaan qotanna, nagumaan gabaa deemnee galla, Naan jedhan. Amma erga manni gubatee, erga loon jalaa qalamee, erga firrii fi obbolaan dararamee ‘Bilisummaan isin barbaacha deemtan edaa kanaa?’ naan jedhani” jedhu.

Waraana Kanaan obbolaatu obbolaa ajjeesa, uummanni gidduutti gidiraa argaa jira kan jedhan Obbo Taayyeen, kan baasu araara qofa akka ta’ee fi uummanni waggaa shan rakkate boqonnaa argachuu akka qabu himu. “Qaama qawweedhaan mormus, mootummaan ani keessa jiru kanaafis dhaamsi ani qabu uummanni keenya hamma barbaachisuu olitti gatii kanfalee jira. Kana caalaa gatii dabalataa kanfaluun irra hin jiru. Uummataaf jennee mariidhaan dubbii fixuun baayyee barbaachisaadha” jedhan.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU