Posts

Showing posts from June, 2020

FARDEEN DIIDAA GAARA QUNDHUDHOO

Image
Fardeen diidaa Gaara Qundhudhoo attamiin daggalatti hafan? Amma maalirra jiru? Waxabajjii 2020 Fardeen bosonaa Gaara Qundhudhoo kan Godina Harargee Bahaatti Aanaa Gursumitti argamaniifi waggoota muraasaan dura baduutti dhiyaatanii turan amma lakkoofsi isaanii dabalaa jira jedhameera. Afrikaa keessa yeroo dheeraaf fardeen diidaa/daggalaa biyya kibba ardichaatti argamtu gammoojjii Naamibiyaa keessa qofa akka jiraatan tilmaamama ture. Maddi suuraa miidiyaalee hawaasaa irraa fudhatame. Waggoota dhiyoon asitti garuu hayyuleen Itoophiyaa Kafanaa Ifaan (PHD) durfaman, jiraachuu fardeen gaaraa erga qorannoon deeggaramuun mirkaneessanii booda, dhimmichi gurra horate. Akka gareen qorattootaa ALA bara 2013tti Gaara Qundhudhoo gubbaa fardeen 11 duwwaatu ture. Bara 2010tti garuu 18 akka turan gareen qorattootaa kun ibseera. Qondaalli naannichaa BBCn dubbise ammoo, yeroo ammaatti lakkoofsi isaanii gara 29tti ol guddachuu dubbatu. Akka baayyinnisaanii dabalu maaltu gargaare? Fardeen kunnee

GAABBII....!

                       GUYYAA SANA ABAARUU!

ABBAA DUULAA DINQUU DAYYAASAA

OMN: Qe’ee Abbaa Duulaa, Dokumantarii adeemsa Abbootii Qabeenyaa Oromoo dadhabsuuf deemamu irratti xiyyeeffate Waxabajjii 12  bara  2020      

IBSA EEJJANNOO QEERROO OROMIYAA

Image
IBSA EEJJANNOO ARIIFACHIISAA QEERROO OROMIYAA IRRAA KENNAME           1. Ibsi Koomishiniin Poolisii Oromiyaa baase argineerra. Ibsichi Dhugaa Oromoo awwaaluuf Jawar Mohammed irratti kan xiyyeeffateedha, kanaaf Doorsisaa fi Aggaammii Jawar Mohammed irratti godhamu kamuu gadi baanee ni balaaleffanna. 2. Ilmaan Oromoo guyyuma guyyaan kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti hidhamaa, gidirfamaa (torture) godhamaa ajjeefamaa jiran gocha duguuggaa Sanyii (Genocide) ummata Oromoo irratti ajaja Abiyyiin Humna Agaazii fi Humna addaa Poolisii Oromiyaatin raawwachaa jirtu gadi baanee Sagalee keenya dhageesisuun ni mormina. 3. Jawar Mohammed tuquun Ethiopia keessatti guyyaa qiyaamaa ofiratti labsuu akka tahe warri Bilxiginnaa cimsanii hubachuu qabu. 4. Maatii Sabboontoota fi Sabboontoota Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti Kaadiree Bilxiginnaatu Humna Agaazii fayyadamuun Tarkaanfii suukanneessaa irratti fudhataa jira waan taheef gocha kana hatattamaan hin dhaaban taanaqn Qeerroon Oromiyaa