FARDEEN DIIDAA GAARA QUNDHUDHOO

Fardeen diidaa Gaara Qundhudhoo attamiin daggalatti hafan? Amma maalirra jiru?
Waxabajjii 2020

Fardeen bosonaa Gaara Qundhudhoo kan Godina Harargee Bahaatti Aanaa Gursumitti argamaniifi waggoota muraasaan dura baduutti dhiyaatanii turan amma lakkoofsi isaanii dabalaa jira jedhameera. Afrikaa keessa yeroo dheeraaf fardeen diidaa/daggalaa biyya kibba ardichaatti argamtu gammoojjii Naamibiyaa keessa qofa akka jiraatan tilmaamama ture.
Maddi suuraa miidiyaalee hawaasaa irraa fudhatame.

Waggoota dhiyoon asitti garuu hayyuleen Itoophiyaa Kafanaa Ifaan (PHD) durfaman, jiraachuu fardeen gaaraa erga qorannoon deeggaramuun mirkaneessanii booda, dhimmichi gurra horate. Akka gareen qorattootaa ALA bara 2013tti Gaara Qundhudhoo gubbaa fardeen 11 duwwaatu ture. Bara 2010tti garuu 18 akka turan gareen qorattootaa kun ibseera.
Qondaalli naannichaa BBCn dubbise ammoo, yeroo ammaatti lakkoofsi isaanii gara 29tti ol guddachuu dubbatu. Akka baayyinnisaanii dabalu maaltu gargaare? Fardeen kunneen attamiin bosonatti akka galan seenaan beekamu jiraa? Gaaffiilee kanneen ilaalchiisuun BBC Itti gaafatamtuu Abbaa Taayitaa Kunuunsa Naannoofi Jijjirama Qilleensaa Godina Harargee Bahaa Aaddee Miskii Mohaammed dubbiseera.

Fardeen Gaara Qundhudhoo attamiin bosona seenan?
Seenaa achi dhuftee fardeen kanneeniirratti ragaan barreeffamaa taa'e jiraachuu baatus, argaan dhageettii jiraattotta naannichaa seenaa fardeen kanaa ni hima. Aaddee Miskii waa'een faradoo kanneenii seenaa ummata naannichaa waliin hidhata akka qabu dubbatu. Yeroosaas yeroo lola Calanqootti tahe jedhu. ''Akka manguddoo irraa dhageenyetti fardeen Gaara Qundhudhoo seenaa guddoo qabu. Abbootiin keenya yeroo lola Calanqoo fardeen kanatti fayyadaman,'' jedhaniiru.
Seenaan maanguddoonni dubbatan biraa ammoo: ''Bara 1876 keessa lola Oromoota Afran Qalloofi waraana warra Masrii kan Raawuf Paashaa jidduutti yeroo lolli gaggeeffamu, loltoonii Raabaa Doorii hedduun ni wareegaman. Faradoon lolarraa hafan, kan abbaan irraa dhume gaara Qundhudhoo gubbaatti dheessan,'' kan jedhudha.

Ammallee seenaan argaa dhageettii biraa waan jedhu lakkii kun waggoota dheeraan dura, yeroo waraana Libina Dingiliifi Ahimad Giraanyi jidduutti taasifamerratti mudate jedhu. ''Bara 1528- 1560tti Mootii Libina Dingiliifi Ahimad ibin Ibraahim al-Gaazi (Ahimad Giraanyi) gidduutti lola gaggeeffame irratti, Libina Dingil waraana kana olaantummaan xumure.

Loltoonnii Ahimad Giraanyis hedduun isaanii dhumnaan, fardeen jaraa dheessanii Gaara Qundhudhooti ol bahan.''

Aadde Maskiin, yeroos lakkoofsi fardeen kanaa baayyee akka tureefi booda keessa ammoo waljalaan haphachaa dhufuusaanii himu. ''Fardeen kun Godina keenyaaf qabeenya guddaadha,'' jedhu. Bifa faradoo kanneen wayita himanis, akkuma fardeen kaanii bifa bareedaa qabu, halluun isaanii adii fi diimaa dha. Kotteen isaaniis duudaadha jedhu.

Fardeen kunneenis barbaacha baayyeen booda gara Gaara Qundhudhootti ol deebiifna kan jedhan Itti gaafatamtuun tun, wayita sanattis lakkoofsa saanii fardeen sagal qofa akka turan himu. Haa ta'u malee, amma wal horuun gara 29 ol guddataniiru.

Lakkoofsi isaanii akka dabalu maaltu gargaare?
Faradoonni kunneen deebi'anii akka wal horaniif sababiin gumaata taasisan hedduutu jira jedhu Addee Maskiin. Fakkeenyaaf wayita himanis, kunuunsi eegdoota paarkiitiin taasifamuuf dhimma dursaan eeramu jedhu. Kana malees ''hawaasni naannoo fardeen kanatti argamu ni kunuunsa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa illee eegduu ramadeefi bosonni isaan keessa jiranillee daangeffameetu nyaataa fi dhugaatiin achumatti dhiyaataaf,'' jedhaniiru.

Haa ta'u malee, kunuunsi amma taasifamaaf jiru gahaa tahuu baatus jalqabbiinsaa gaariidha jedhu. ''Kana dura bakka daangeffame hin qabu ture. Daangeeffamuun kan eegalame waggaa lama dura. Akkasumas, dallaanis ergasii ijaaramef. Eddoon daangeeffameefi eegduun ramadamee mataansaa qabeenya kanaaf gahaa miti.''

Kanaafuu, ammallee Mootummaan Naannoo Oromiyaa, kan Federaalaa, akkasumas dhaabbileen dhimma kunuunsa naannoorratti hojjetan kan biroolleen kunuunsa fardeen lakkoofsi isaanii dabalaa jiruuf deeggarsa akka taasisaniif waamicha dabarsaniiru.

Fardeen kana kaanirraa maaltu adda taasisa?

Aaddee Maskiin akka jedhaniitti, fardeen kun faradoo warra kaan irraa garaagarummaa guddaa hin qaban. Hawaasa naannoo isaaniitti argamuufi kan isaan kunuunsa waliin walii galanii jiraachuu ni danda'u.

Haa tahu malee, namoota halaalaa yeroo dheeraa booda itti deeman ykn fuula haaraa ni dheessu, irraas ni fagaatu. Warra itti siquufi isaanin tajaajilu immoo itti dhiyaatu jedhu. 'Afaan Oromoon yogguu yaaman ni owwaatu'
Gaarri Qundhudhoo fardoonni bosonaa kunneen keessa jiraatanis, godina Harargee Bahaa keessaatti argama. Bal'inni lafa fardeen kun amma irratti argamaniif ammatti daangeeffamee jirus heektaara 1,000 ta'uu kan himan Itti-gaafatamtuun tun, dabalataan daangeessuuf itti adeemaati jirra jedhan.

Fardeen kunneenis yeroo waan nyaatan bosona keessaa dhabaniitti gara lafa jireenyaa namootaatti gadi bahuuf dirqamu. Wayita sanattis hawaasni akka qabeenya isaatiitti tiksuun gara bosona isaanitti deebisa malee miidhaan irratti dhaqqabsiifamu akka hin jirre dubbatu.

Dokumentariin waggoota sadiin dura OBN'n hojjetame akka jedhutti, fardeen Gaara Qundhudhoo ''kaanirraa adda kan godhu, Afaan Oromoon wayita yaaman, kan owwaataniifi kan namatti dhufan tahuusaaniiti,'' jedha gaazexeessaan. Akka ragaan marsariitii dhaabbata miti-mootummaa bineensota baduuf qophaa'anirratti hojjetu (IBREAM) jedhamurraa arganne akka mul'isutti, sababoota fardeen kun lakkoofsi isaanii amma dura daran hir'ataa dhufeef keessaa tokko jiraattonni naannichaa fardeen kana adamsanii qabuun madaqsu isaaniiti.

Gosa fardeenii kanneenirraa dhalatanis gabaarratti haalaan barbaadamu waan taheef, kuni jiraachuu gosoota fardeenii kanaaf haalaan yaaddeessaadha jedha. Gaara Qundhudhoo gubbaa fardeen kana malees, naannoo bosona sana keessa waraabessaafi leenca dabalatee, bineeensi bosonaa gosa adda addaa bosonicha keessa jiraatulleen, hanga ammaatti miidhaan bineensoota kanneeniin fardeen kana irra gahe homtuu hin jiru jedhan.


Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU