Filmaata BiyyoolessaaItophiyaarratti Ibsa ABOFilmaata BiyyoolessaaItophiyaarratti Ibsa ABO





Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO
(Bitootessa 8, 2021)
Akkuma yaadatamu ABO qabsoo hidhannoo
waggoota dheeraaf mootummoota Itophiyaa waliin
gochaa ture hagayya 2018 keessa dhaabee gaaffii
Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiire.

Kunis gaaffii
Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiiruudhan qabsoo
karaa Nagaa fi Maree siyaasaa tiin mirga dimokraasii
fi hiree murteeffannaa kabachiisuuf yaadameetu ture.
Akkuma Kanaan Hoogganni ABOs Baatii Fulbaana
2018 keessaa magaalaa Finfinnee, Itophiyaatti
deebi’uun ni beekama.

Yeroo sanatti sabni keenya
Cehumsa Ebla (April) 2018 irraa eegalee waggaa
lamaaf jedhamee itti seename Filmaatni walabaa fi
haqaa seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf
geggeeffama jedhee yaadamee ture. Garuu abdiin kuni
dimismisee dhumarratti dukkanaawuuf yeroo dheeraa
itti hin fudhanne.

Paartii biyya bitaa ture akkuma
injifannoo rakasha mormitoota siyaasaa biyyatti
galcheera jedhee argateen utuu yeroo itti hin kenniin
ABO irratti olola hamaa jalqbe. Ololli Karaa Sabaa
himaa (Social media) fi midiyaa mootummaa akkuma
hoogganni dhaabaa Fulbaana 15, 2018 biyyatti
seeneen guyyaa muraasa keessatti eegale.

ABOn marii Karaa nagaaf dursa kennee carraaqaa jiru,
sadarkaan duula propogandaa fi ummata burjaajessuu
kun osoo hin turiin ol-guddatee mootummaan
waraana karaa Dhihaa fi Kibba Oromiyarratti bane.

Asirratti kan hubatame mootummaan waliigalteen
Hagayya (August) 2018 keessa Asmaratti ta’een
faallaa deemee waraanni xumuramee, loltootni
Bilisummaa Oromoo akka humna nageenyaa fi poolisii
biyyaatti makaman akka hin feene dha. 

Mootummaan
humna loltuu Bilisummaa Oromoo ummatatti dabalee
nagaa buusuurraa lolaa fi jeequmsa ufii uumetti
dhimma bahuu fi Waraana Bilisummaa Oromoo fi
Hooggana ABO gidduu hariiroo ture
sababeeffachuudhan ABO siyaasaa karaa nagaa
keessaa ala taasisuu itti shiroota dhuma hin qabne itti
fufe.

Lola mootummaan Oromiyaa keessatti geggeessaa
jirutti dabalatee Dhibeen COVID-19 dhufuun
mormitootni siyaasaa akka daran dadhabanii filmaata
Hagayya 2020 yaadamee tureef hin qophoofne
taasise. Balaan dhukkuba kun filmaata biyyoolessaa
irratti dhiibbaa qabaatullee sababni guyyaa filmaataa
dabarsuuf dhihaate hundee seeraa fi adeemsa
siyaasaa keessatti gaaffii guddaa kan uumee dha.

Gama seeraatiin yoo ilaalle heera Biyyattii keessatti
yeroo paarlaamaa dheeressuuf kan nama dandeessisu
hulaa banaan waan hin jirreef yeroo filmaataa
dheeressuun humnoota siyaasaa hunda waliin
ta’udhaan murtii siyaasaa haarawaa gochuun
barbaachisaa ture. Yaada kana ammoo mootummaatu
fudhachuu dide.

Akkuma mormitootni yeroo filmaataa seeraa ala
dheeressuu sirrii miti jedhanii mormiin jabaateen
gidduutti Artistiin Oromoo qaroo fi jaallatamaa kan
ta’e – Hacaaluu Hundeessaa – ajjeefame. Akkuma
kuni ta’een miseensota, hoogganootaa fi
deeggartoota jarmayaa siyaasaa mormitootaa hidhuu
fi dararuu daran bal’atee jabaate.

Hooggantootni
jaarmiyaa mormitootaa beekamoo sadarkaa oliirra
jiranii fi bitaa, mirgaa fi giddugaleesssa utuu hin
jedhiin jumlaan hidhuun itti fufe.

Hanga har’aatti
ajjeechaan Hacaaluu fi namootni siyaasa keessatti
bebbekamoon ajjefaman qaama loogii hin gooneen
utuu hin qoratamiin jira.

Mootummaan uummata hiree murteeffannaa fi ofiin
of-bulchuu lammileen Oromiyaa fi kibba Itophiyaa
gaafachaa jiran irratti gochaa suukanneessaa kana
raawwachaa utuu jiruu, itti dabalee garaagarummaa
ilaalcha polotikaa marii fi falmii siyaasaatiin furuu irra
lola Oromiyaa keessatti eegale sana gara biyya Tigray
tti ceesisee lola bal’aa labse.

Akkuma ummatni
beekuu fi seenaa keessatti galmaawee jiru ABOn
firummaa TPLF gonkayyuu hin qabu.

ABOn dura bu’aa
jaarmotaa siyaasaa ta’ee waayiloota isaa waliin
mootummaa TPLF tiin hogganamu darbeemmoo
EPRDF jedhee uf yaame mormaa ture.

Garuu, dhugaa
jiru yoo ilaalle, lolli Tigray keessaatti geggeefamaa jiru
itti fufinsa lola Oromiyaa jilbeenfachiisuuf
geggeffamaa jiru ta’uu isaa hubanna. Erga kufaatiin
diploomaasii qaama biyya bitaa jirurra gahee, fi
mootummaan US rakkina hidhaa laga Abbayyaa
(GERD) furuuf akka gidduu galu waliigalamee booda
Itiyoophiyaan hariiroo Sudan waliin qabdu cabee yeroo
ammaa lola guutuu biyya ollaa biraa waliin jalqabuuf
qarqara gahamee jira.

Kan keessa jirru biyya miseensotaa fi hooggantootni
jaarmayaa polotikaa Bilisa ta’anii haqaan mirgaa fi
demokraasii biyyaaf hojjetan qaama biyya bituutiin
jumulaa tti qabamanii, haala sukkaneessaa keessatti
dararamanii dha.

Kunis, utuu karaa mana murtii
guutuutti bilisa bahanii jiranii fi yeroo tokko tokko
ammoo warri mootummaaf dhaabbatanii abbootiin
alangaa jara kanarraa himata kasasanillee yerootti
bilisa ta’uu hafee namootni hidhamanii taa’aa jirani
dha. Kan keessa jirru biyya waajjirootni jaarmayaa
mormitoota polotikaa, teessuma waaltaa isaaniirraa
hanga godinaa guutuu cufamanii fi humna biyya bituun
weeraramanii tohatamanii dha.

Egaa waliigalaatti haala akkasii kana keessatti
biyyattiin kan filmaata biyyoolessaaf ‘qophaawaa’
jirtu. Boordii filannoo biyyoolessaa Itopphiyaa fi
qaamota kana keessaa qooda qabna jedhan
(stakeholders) kan yaadachiisuu feenu, filannoo
jechuun waayee guyyaa filatnoo dhaqanii sagalee
keennii qofa miti.

Filannoo keessatti hedduun
barbaachisaan tartiiba filannoon suni ittiin qophaayee
fi akkaataa filannoo sana bira gahamee qulqulleessuu
dha. Haqaa fi amanamummaan filannoo fi sirni
dimokraasii guyyaa filannoo dura sirna filannoo itti
geggeffamuu fi hojii sadarkaa adda addaatti
raawwatamuu qabuu fi loogii malee qooda fudhannaa
jaarmayaa mormitootaa irratti hundaawa. Filannoo
tokko kan ittiin madaalamu adeemsa sirna filannoo
sana keessatti jalqabaa hanga dhumaatti
raawwatamee malee guyyaa filannoo sagalee
dhoksaan kennameen akka hin taane hubatamaa dha.

Filannoon haqaa fi dhugaa irratti hundaawe kan
gamaagamamu adeemsa filannoo sana keessatti ta’e,
kabajamuu mirga mormitootaa fi haqni jiraachuu,
loogiin dhabamuu fi kanaafis qaama bilisa ta’een
tartiiba raawwatame hordofamuu isaarratti hundaawa.

Adeemsi kunis mormitoota hundaaf dirree siyaasaa
banuu fi akka bilisaan socho’an eyyamuu; Miidiyaa
bilisa ta’ee hunda walqixxummaan tajaajiluu; fi boordii
filannoo fi qaama seeraa Bilisa ta’ee loogii tokko
malee hojjetu feesisa.

Dhuguma dubbachuuf yoo ta’e itti bahinsi filmaata
(election results) Itophiyaa ammaa kun dursee kan
beekamee dha. Nama haqarratti hundaawee ilaaluuf
haala biyyittiin amma keessa jirtu kana keessatti
filmaatni kun geggeffamuu kan hin qabnee dha.

Sababa warri biyya bulchina jedhanii of-yaaman
filmaata kanarratti cichanii jiraniif nuti mootummaa
filatamee dha jedhanii of-moggaasuu fi nama
amansiisuuif qofaa dha.

Kanaa -achi sababni filannoo
qabeenyaa guddaan gaafatu kana gargaarsa biyyoota
adda addaa fi qabeenyaan biyyattii hiyyeessa kanaa,
utuu ummatni miliyoonaan lakkaawamu beelawaa
jiruu, qisaasamuuf dantaa warra biyya bituuf malee
sababa biraa hin qabu.


Kanarraan kan ka’e ABOn kan itti amanu: Filmaata haqaa fi bilisaa geggeessuu haa turuutii haalli amma biyyittiin keessa jirtu sadarkaa dhumaattiillee mirgi dimokraasii (lowest

standards of even illiberal democracies) akkan
hin jirree dha.


Haala waggoota lama darban keessatti ta’e
walakkaa isaa armaan olitti caqafame irraan kan
ka’e, itti bahumsi filmaata kanaa filmaata haqaa,
bilisaa fi kan hunda bakka bu’u ta’uu waan hin
dandeenyeef qaamota dubbiin ilaaluu
(stakeholders) biratti fudhatama hin qabu.


Yoo filmaatni kun geggeeffamellee rakkina
siyaasaa gurguddoo ta’an fi waldhibdee biyyattii
keessa jiru furuu irratti jijjirama inni fidu hin jiru.
Kanaaf, ABOn filmaata dhufu kana qooda fudhachuu
irraa Mootummaan dirree siyaasaa itti dhiphiisuun
ugguuramuu irraan kan kahe gochaa Mootummaa
irraa akka hin hirmaanee taasifamuu Isa labsiinaa.


Kunis kan ta’e sababa Paartiin Badhaadhinaa
(Prosperity Party) utuu beekuu (intentionally) qooda
fudhannaa siyaasaa irra nu dhiibee fi iyyannoo keenya
yeroo hundaaf gurra kennuu diduu irraa kan ka’e fi
ABO dhiibuu irraa dantaa guddaa paartii
badhaadhinaa fi waayiloota isaatiif argachuu waan
qindeeffameefidha.

 Haa ta’uutii, haalota waan armaan
gaditti caqasaman guutuu fi gaaffilee haqaa kan
jaarmotni mormitoota siyaasaa gaafatan deebisuu fi
rakkinoota ummata bal’aa furuu yaaluun adeemsa
dimokraasii biyyattii gargaara jennee amanna.


Hidhamtoota siyaasaa hunda haal duree tokko
malee hiikuu; Waajjiroota jaarmota mormitoota Siyaasaa yeroo

ammaa cufamanii/ tohannoo human sekuriitii
warra biyya bulchaa jiranii jiran banuu;


Yeroo ammaa biyyattii guutuu keessaatti
adeemaa kan jiru ummata hidhuu, dararuu fi
ajjeessuu dhaabuu fi marii hunda ammate
geggeessuu;


Qaamotni (Institutions) kan akka Boordii
Filannoo, Mana Seeraa fi Murtii fi nagaa eegdota
akka bilisa ta’an wabii kennuu;


Marii Siyaasaa (political Dialogue) kan hunda
ammatee fi itti bahi isaa furmaata rakkina
polotikaa biyya kanaa kan tahe akka jalqabamu
taasisuu.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)


Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU