Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?



Jeedala Diimtuu

Jeedalli diimtuun sanyii bineeldota marartoo Itoophiyaa qofaa keessatti argamtu yoo taatu, sanyii bineensota baduuf qarree gahanitti ramadamti.
Harki caalaan bineensa kanaa Oromiyaa keessaa paarkii gaarreen Baalee keessatti argama.

BBCn Sagantaa Kunuunsa Jeedala Diimtuu Itoophiyaarraa akka odeeffateetti, lakkoofsi bineensa marartoo kanaa 500 hin caalu.
Hir’ina lakkoofsa bineeldoota kanneetiif sababi ijoon saroonni manaa paarkiiwwan seenanii dhibee saree maraattuu (rabies) jedhamu itti dabarsuun dhibichaan du’usaaniiti jedhame.

Yeroo ammaattis jeedalli dhibee saree irraa hafan paarkii gaarreen Baalee iddoo Koteeraa fi Saannatee jedhamutti ilmoo guddifataa jiru.
Sanyiin bineensa marartoo kun guutummaatti addunyaarraa akka hinbadne baraaruuf hojii hojjatamaa jiraachuu fi madda galii turizimii gochuurratti hanqina jiraachu dubbatama.

Dhibeen saree maraatuu sanyii jeedala diimtuuf yaaddoo ta’u kan himan hogganaan Sagantaa Eegumsa Jeedalaa damee Oromiyaa Obbo Idiris Eegu, talaalliin saree naannoo paarkichaaf kennamaa jiraachuu dubbatu.

Sababii dhibichaan lakkoofsi isaanii dabaleetu deebi’ee hir’ata jedhan.
Dhukkubni sareen waggaa lamaan kana ka’ee lakkoofsa Jeedala diimtuu Itoophiyaa 500 gaditti gadi buuse jedhan.

Jeedalli diimtuun eessatti argamti?
Sanyiin jeedala diimtuun Itoophiyaa keessatti walumagalatti iddoowwaan jahatti argamu. Isaan keessa paarkii Gaarreen Baalee, Arsii, Wallo Kabaa fi Kibbaa, Gaarreen Kaaba Itoophiyaa kan eeramaniidha jedhu Hogganaan kun.

Haata’u malee heddumminaan Saannatee naannoo Tullu Dimtuu fi Koteera, karaa Diinshoo keessaan bahurratti argamti.

Sagantaan kunuunsa Jeedalaa walta’iinsa yunvarsiitii Oksfoordii fi dhaabbata ‘Born free foundation’ jedhamuun waggoota 20’n darba gaggeeffamaa jira.

Obboo Idiriis sagantaan kun sanyiin jeedala diimtuu guutummaatti akka hin badne baraaruus, garuu lakkoofsi isaanii akka hin daballe dubbatan.
‘’Sanyii isaanii yoo dabaluu dadhabamees, sanyiisaanii akka hundeen hin citne baraareera jechuu dandeenya.’’

Sanyii jeedala diimtuu baduun miidhaa akkamii qaba?

Obbo Idiriis sanyiin bineelda kanaa dhabamuun heddumina lubbu qabeeyyiirratti ta’e, galii turizimiin biyyattiin argattuu miidha jedhu.
‘’Daawwattootni heddummatanii kan biyya Itoophiyaa dhufaniif tokko jeedala kana ilaaluufi, mootummaas ta’e uummanni naannoo galii irraa waan argatuuf dhabamuun jeedala kanaa dhiibbaa qaba,’’
Naannoon gaarreen gurguddoo sababa bineensa kanaatiin kunuunsa argatu jedhu.

Kana malees jeedalli, hantuunta fi tuqaa naannichatti baay’atu waan soorattuuf akka hin baayy’anne to’atti jechuun madaallii naannoo eeguuf faayidaa akka qabdu kaasan.

Oromiyaa keessatti iddoowwan jeedalli diimtuun itti argamtu hawwata turizimiif oolchuuf haala mijataa qabataniis, galii argamsiisuun hawaasa naannoo fayyaduurratti hanqina qaba.

Jiraataan godina Arsii ganda Buree Cilaaloo Abdurramaan Qaasim, paarkii garreen Arsii eegurratti bobba’e akka jedhutti, jeedala diimtuu ilaaluuf turistoonnii biyya keessaa fi alaa daawwachuuf dhaqan baay’innisaanii xiqqaa ta’uu hime.
‘’Naannoo keenyaatti nama jeedala daawwachuu dhufu dhiyeenyatti hin argine,” jedha.

Dhimma kanaan walqabatee Gorsaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaa fi Jijjirama Qilleensaa Oromiyaa Obbo Diidhaa Dirribaa, galiin paarkoota Oromiyaa keessatti hundeeffaman irraa argamu sadarkaa hawaasni barbaadurra akka hin geenye dubbatan.

Jeedalli Diimtuun paarkii keessatti akka hin adamfamne, dawwatamuun qofaan galiin irraa argama jedhan.
Jeedala diimtuu jeedala kaanirra maaltu adda godha?

Jeedalli diimtuu bifaan, haala jireenyasaaniitiin addadha. Lafa haalan qabbanaa’aa, olka’insa meetira 3500 ol qaburra jiraatu. Sanyiin jeedala kaani garuu lafa gammoojjii jiraatti.

Sanyiin jeedala diimtuu maatiin kan jiraattu yoo ta’u, hantuutaa fi tuqaa sooratti.
Sanyiin jeedala diimtuu namootarra hiiqanii jiraachuu filatu, namoonni garuu naannoo jireenyasaaniitti baayyachuun, iddoo jireenyasaanii itti dhiphisaa jiru jedhan Obbo Idiris. Balaan ibiddaas darbee darbee iddoo jireenyasaanii mancaasa.

Kanaan dura balaa ibiddaa paarkii gaarreen Arsii keessatti iddoowwan jireenya bineensonni marartoon itti argaman miidhe.

Balaan ibiddaa iddoo jireenya bineesota marartoo akka hin mancaafneef hawaasa naannoo hubachisaa akka jiran Gorsaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosona fi Jijjirama Qilleensaa Oromiyaa Obbo Didhaa dubbataniiru.

Saree talaaluun akkamitti jeedala badiirraa eega?

Obbo Idiris akka jedhanitti, saroota talaaluun dhibeen saree akka jeedala kanatti hin darbine to’achuuf nu gargaara jedhan.
Sareen paarkii keessa seenuun dhibee itti dabarsuun alatti nyaatallee jalaa saamti.

Bineensa marartoo kana mootummaas ta’e, qaamni martuu irratti hirmaatee badiirraa hambiisuu akka qabu Obbo Idiris dhaamaniiru.

Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

SEENAA AGARII TULLUU