SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

SEENAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU USUU
                   

Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu Usuu , Abbaa
isaanii Obbo Guutuu Usuu Cammarrii fi haadha isaanii Aaddee
Dhuulloo Alii Hasan irraa bara 1924 Ona madda- Walaabuu lafa
Odaa jedhamutti dhalatan.
Abbaan isaanii Obbo Guutuun ilma dhiiraa (10) fi durba (9)
wolumaa
galatti ujoollee (19) qaban turan. Isaan keessaa Jeneraal
Waaqo ammoo dubartoota ( 7 ) irraa ijoollee (49) kan horan
yoo ta’an , kanniin keessaa
(15) lubbuun hin jiran. Yeroo ammaa abbaa dubartii (16) tii fi
dhiira (18) walumaa galatti abbaa ijoollee (34) ti.

Generaal Waaqoon ijoolummaa isaanii irraa jalqabanii
armi’aayaa, xiiqii fi jibbansa diinaa qabaniif qofa osoo hinta’in
Diddaa Gabrummaatiif faandhooftuu turan.

Bara 1938 tti osoo abbaan isaanii hin beekin, fuudhanii mana
osoo hin bahin gabayanii horii abbaa isaaniitiif obbolleesa
hangafaa gurguratanii qawwee bitatan.Sammuun isaanii
roorroo gabrummaa fudhataa waan hin ta’iniif ijoollee
daraboo/hiriyyoota isaanii
gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa
tumaa turan.

Bara 1943 obbo Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenya
godhachuun Diddaa Gabrummaatti seenan.

Bara 1952 akka nama miskiina tokkoo
ta’anii uffata Poolisaa nama dhaloota Gosa Raayituu Alii jiloo
kan maqaan kirsitaanaa Shaalaqaa Isayaas jedhanii
moggaafatan kadhachuun erga ini kenneefii booda, isuma
uffachuun magaalaa seenanii , kitilayyoota
Habashaa sodaachisaa turan. Iccitii dhan
gartuulee diinaa irrati tarkaanfii ciccimaa
fudhataa turan, bara 1958 Poolisoota lama (2) ajjeesan.

Baruma kana keessa Poolisii erga
ajjeesaniin booda, akkuma tasaa
magaalaa Nageelleetti wal argan. yoo kana , “E-eessa
baddee?, Atoo Waaqoo !!! “ jedhee gaafata, yoo tana malli
qaruuxummaa dafee dhufeef. ”Looniin godaanee gammoojjiin
ture,
Damma adii ati jaalattu kan nagaafate siif
arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen.
Shaalaqaan baay’ee gamaddee ,”xuruu xuruu ”Qaaqoo koo!” jedhee Qarshii 200 itti kenne.

Garaa keessa itti kolfaa kiisa kaayatanii biraa deemanii yeroo
san rasaasa ''zinnaara'' dachaa lamaatti guuttatee biraa deeme” jedhan.

Ammas baatii tokkoon booda Nageelleetti futi walitti jedhan.
Nagaa dhumallee utuu hin gaafatin “maali sin barbaadaa mitii,
damma kee bitee lafa jiraa , horiin waa kaffalee ittiin feesisuun
dhabee “ jedheenii Qarshii 20 amallee irraa fudhate, tooftaa kana fakkaatu
heddu gargaarramanii diina hifachiisaa turan.

Bara 1962 dhiibbaan, gidiraa fi ajjeechaan
mootummaa Habashaa ummata isaanii irratti hammaataa
dhufnaan ijoollee ganna (10) gadii ilmaan Helgool Waaqoo,
Abdallaa Guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana,
Muhaamad Butaa
Aagaa fi Alii Buttaa Aagaa kkf dhibbootan
ajjeefaman keessaa hanga tokko yoo ta’an, tarkaanfii
Mootummaa Habashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota
naannoo kan Habashaati iyyate, yeroo kana dubbii kana ''nugusicha'' bira gahe.

Finfinnee irraa Koloneel Taaddasaa
Taganii namni jedhamuuf ajajaa waraanaa kutaa Sidaamoo
yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii Ummata
Oromoo naannoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraanatti
walitti qabuun ''rakkoon keessan maali!'' jedhanii gaafatan. Yoo
kana Ummanni walitti qaban hundi ''rakkoon keenya isini;
Biyya keenya irratti dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi
daa’imman keenya irra deemtanii fixaa jirtan, Qabeena keenya
saamtanii kaan barbadeessaa jirtan, namoonni isin of jalatti
qabattanii nu ajjeeftan, nuun maalin adda jiran? Nuuf isaan
Obboleeyyanii maalif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu
nutti fidee lafa teenya irraa nuu ka’aa” jedhaniin.

Aangawichi mootummaa kunis yoo dhumaatiif ''saamicha jalaa
bayuu barbaaddan lafa tana gadi dhiisaa gama lafa teessaniitti
galaa. Lafti kun teessanii miti, isin (kasaftee) jirti lafti teessan
Dhaddacha Waraabbiif achii gadi deemaa itti galaa'' jedheen
.''Yoo ka’uu diddan
du’aa fi saamichi isin irraa hin hafu amoo
humnaanuu ni kaatan beekkadhaa” jedheen.

Dhaddachi Waraabbii Magaalaa Doolootan Daangaa
Itoophiiyaa fi Sumaalee irraa KM 70 gadi fagaatti.

Ummani ''nuti lafti teenya tanaa gadi
dhiifnee Biyya ambaatti wanti galluuf hin jiruu'' jedhanii itti
iyyinaan “Maal akka Shimbira ganamaa wal jalaa Ciwu Ciwu” jettu jedhee R/T waraana banachuun humna itti waamate.

Ummanillee garjabummaa diinaa kana waan beekuuf hayyee, ''akka jettanuu haa ta’uu ni kaana, guyyaa beellamaa nuu kennaa!'' jedhaniin. Yeroo kana Gootichi Ilma Oromoo Waaqoo Guutuu murtii
dukkanaayaa Habashoon Ummata Oromootti kennite kana diduun walgayii keessaa dhiitee yoo bahu, Kolonneelli lamaan aariin ija itti baasuun “koottu eessa deemta“jedhanii waamani.

Waaqoo Guutuu garuu waan tokko osoo hin sodaatin ija isaanii dura dhufee dhaabbate. Koloneel Zawudeen “ maaliif murtii mangistii fudhattee lafa
tana irra hin kaane?” jedhee lolaan gaafate. 

Waaqoonis dallansumaan maaliif
kaana? sababan lafa tiyya irraa ka’uuf maali? Lafa tiyya irraa ka’ee eessa deemna? jedhee gaaffii gaaffiin deebisee gaafate. Habashichis lafti tun teessanii miti, wanti irraa kaatuufillee lafti
isin (kasafte) jirti. Lafti teessan Dhaddacha Warraabii achitti galaa jedheen.

Waaqoo Guutuulleen jechaa isaa kana ajaa’ibuun lafa tiyyatuu
na (kasasaa)? Akaakoo Abaaboon irrati jiraannee adha
geenyee ammaan dura maaliif
nu hin (kasasin)? ammoo isinuu warra laga gamaa nutti dhufee
abbaa torbatti (7) fiixaa teessan hin beekne, eeeeeee isin nu
irraa nyaattanii, nu nyaataa jirtan isin hin (kasafinee) maaliif nu
(kasafitii)?” jedheen.

Eergamaan mootummaa kun akka jabaa dallanuun edaa atii
akka lafti tun nu
(kassaftu) yaada qabdaa? Ammaaf san hin argattu murti siif
keenname fudhate ni baata moo hin baatu? gaaffii tana
qoofaaf deebii naa keenni
jedheen.....Waaqoo Guutuu obsaan uf qabbaneessuun mee
murti san deebii sii kennuun dura waan tokko si gaafadha na
deebisi jedheen. ”Lafa Kurkurru''
jedhamtu kan karaan Makiinaa irra bahu kana argite beektaa?
jedhee qubaan itti akkeekuun gafatee.
Amartichiilee Ee ni beekaa jedheen, Kooba ykn Kuyyiisaa takka
kan karaa san keessatti baate yeroo hunda Makiinaan irra
deemtaan diigdaan kan isiin ammoo halkaan maraa ijaaramtee
bultu kan ganamaa maraa diigdan argitee beektaa? jedhee
gaafate. Amartichilee Ee
argee jira jedheen. Waaqoo Guutuu, “Koobuun sun ganama
maraa
ni diiggamti maalliif baduu diddee?” jedheen, Amartichiis
akkamtii baddii baduu hin dandeessu malee! Makiinaan
gubbaa irra qofa diigaa hiddi isii lafa jala jira hiddaan buqqisee
hin danda’u
kanaaf hin badne jedheen.
Gootichillee dubbiin karaa inni fedhu dhufuu isiitiif jaboo
gammaddee, “Gaari kana beekuun kee, waan guddaadha, akka
wanti hiddi isaa lafa keessa jiru salphaatti hin banne atuu
beektee lafa ati irraa ka’i, yoo didde si balleessaa naan jettu
kana Handhuura tiyyatu jalatti awwaalamee jiraa beeki, lafee
abaaboo-akaakoo kiyyaatti keessatti awwaalamee jiraa beeki,
awwaala abbaa kiyyaattu kunoo armaan gama Bitaatta jiraa
beeki, kanaafuu anillee ammaaf manaa sii bayee, lagaa
ammoo siif hin bayuu, tana beekaa jiraadhu.” jedheenii yoo
inni socho’u hiriyyichi isaa Abdullaahii Usmaan Guutuu, duukaa
bu’e.

“Gabroomfattootni ammoo ummatichaan guyyaa (7) keessatti
akka gadi lakkiftanii biyyanaa baatan, murtii kana beekaa,”
jedhanii, gadi furan. Jagnootni Diddaa murtii gabroomfattoota
atiin bayan Gannaalleen gama cee’anii, Walaabu keessatti
Kadir Waariyoo
Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa
Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taa’oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen
Waaqoo Dhaddee tiin walqunnamuun, murtii gabroomfataan
ummata irratti dabarse kana dura dhaabachu’uuf qawwee (4) qaban irratti (3) dabalatanii bitachuun lolaaf uf qopheessan.

Haala kanaan diinaan lolaa humna cimsataa deemun,
Soomaalee irraas odeessa argachuu jalqaban.
Waaqoo Guutuu: Kadiir Wariyoo tii fi Huseen
Harcummaa fudhatee, Abdullaahii Usmaan,
Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Somaalee
socho’e. “Ummata keenyaan wal ta’aa, Amaara uf irraa ittisaa,
hafuura keenyallee nu hordofaa!” jedhanii Eela Baalantichaatti
addaan bobba’uun, bakka bu’oota waraana gosoota: Ajjuurana,
Karallee, Gurraa, Garrii fi w.k.f-wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan.

Worri dhaamsaan biyyatti ol-deebi’ellee, Gannaale “Arba-
Gabbaa” bakka jedhamtutti ummata walga’e kan maanguddootni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi k.k.f
keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee
Bulahawoo irratti qunnamuun yaada isaanii erga hubachiisaniin
booda, Xayyaaraan Moqadishoo geessuun, ajajaa Poolisaa
Motummaa Soomaale’ee Kol. Umar
Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun dhimma isaan
deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jen. Daawud Abdullee, M/ra ittisa biyyaatti geesse.

Jeneraaltichillee qormaata fedhu irratti dhuunfaa fi gamtaan
adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutuu addatti waamee, ”Mootummaan
Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna
isaaniin nu lolchiisuu dandeechu gayaa hin qabnuu, woraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka ta’e isinuu himaa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa,
waan sin barbaadchisan hundaa siifan godha taa’i, asuma qubadhuu taa’ii yeroo itti eeggadhuu,!” jedheen.

Waaqoo Guutuu, mootummaan Itophiyaa
waraana guddaa qaba jechuun kee dhugaadha, garuu nuti
gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin feenu, meeshaa
waraanaa keessattu rasaasa dhabuu keenyaf malee, yoo meeshaa
waraanaa arganne, rabbiin gargarsifannee akka uf irraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdiin qaba, rakko jiru
dadhabadhee biyyaa hin baane, laaftee jabaatteellee manuma
hoo’aa keessaa bayeen, amma diina maanguddoo, dubartii fi daa’imman teenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keenya saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee uf keessaa baafnutti jireenyi ani mataa mataa kiyyaan argadhee
ittiin jiraadhu tokkollee naaf hin jiru, mootumma Habashaa ‘Guddoo’
hin dandeessan,” jettu tana akka dandeenyu sitti garsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma
Albeenii fi Minishirii naaf kenni,” Ammallee isin obboleewwankeenya tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakkoo gabrummaa
hamtuu sana jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hin dhiisuu, nuti miila
keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa habashaa kana keessaa waan dandeessaniin nu
gargaaraa, nu baasaa,” jedheen.

Jen. Daawudillee yaada isaa kana
xiinxalluun hubatee, “Wanti ati nuun
jette,dhugumaa! ammoo nutillee marga qacalee reef bayaa jiru, ni beektan, wanti guddoon isin gargaarru
jiraachuu baatus, waan humna keenyaa isiniif goona, mee
hangasiif gama Bulahawootti ol-deebi’aatii na eegaa, “ jedhee
gara kol. Umar deebise.

Guyyaa gabaabaa keessatti kol. Umar jara
kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Waaqoo fi Kadiiriin
Moqadishootti hambise. Isaan ammoo, afaan Somaalee
faaratti beeekuu dhabuu irraa kan ka’e, hafuu isaanii kanatti,
“Maaliif nu hambisan?” jedhanii yaadda'an.

Hedduu rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jen Daawud guyyaa
lammataa Helekooptera ufiitiin Waaqoo fi Kadiriin Gara Bulaahawootti fudhate.

Amma Jen. Daawud hooganoota gosoota
waraana hundaa waliin jiran walitti qabee, Jen Waaqoon hooganaa isaanii godhee itti file ykn muude.Qawwee Dhoombir
(40) Matirayyasii Toomaas (2) fi Boombii (3) kenneefii, “yoo isin silaafuu waraana Amaaraa hin dandeessanii, Mallayyoo Poolisaa ykn hiituma mudhiillee
boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin
gargaaruu fi bifaa fi baay’inni qawweellee kanaa ol akka ta’u waadaa siif gala,” jedhee gaggeessa.

Amma Waaqon nama (3)n qawwee (42) fi boombii (3) fe’atanii
galuuf gaala barbaadachutti jiran, Camarrii Guutuu waraana
nama (40) qabatee dib-jedheef. Gammachuu gudda’aan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin taa’anii mari’atan.

Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. “HIZBII” ufiin jedhan.
Namuu gama biyya isaa sosso’e, waraanni Waaqoollee
OROMIYAA-BAALE tti qajeele.
Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kanuma
qawwee isaa baafate, “DHOOMBIR“ ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaa tti seensa ji’a caamsaa irratti woraana Amaara
kan isaan gaadaa jiru, lak. (600) ta’u, shaalaqaa Buzunaan
durfamuun waliin walsiman. Lola ganama sa’aa 10:00(4:00L.T)
irraa jalqabee saafaya
booda 2:30(8:30LT) tti adeemsifameen, humna diinaa irraa
namni (43) reeffa ta’ee madoon (100) olitti lakkaawamte.

Yeroo duraatii fi qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin
mul'atee, beeraa fi ijoolleen daawwatte.
Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo (8) kan akaakuun isaa
hin beekamin (13) booji’an.
Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale.

Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bahan keessaa lola kana irratti
goototni (2) woreegaman. Isaanis: Ahimad Muhaammad
Baladee fi Nuur Yisaaq Dhaddee turan.
Falmiin bifa kanaan jalqabee bal'inaan itti
fufee kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas Sidaamoo koonyaa
muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa (8)f
bulchaa ture.

Haaloo baafannaan Hayilee Sillaasee birmachuu meeshaa fi
beektota Faranjiitiin(Ingiliz) gargaaramee garjabeenyaan hamma
bara1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee (315) qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne.

Kunis:- “WAAQOON FIDUU, YKN AMMOO
UMMATA HARKA ISAA BOOJUU JIRU KEESSAA DHIIRA
UMURII (15) OLII JIRAN FIXUU” jedhee maanguddoota waamuun itti hima.

Dhiibba kana irraa kan ka’e, ”anaaf jecha
lubbuun ummata kiyyaa hin dhabamin.”jedhee Onkololeessa
1970 Motummaa Hayila Sillaasetti harka
kennatan.

Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii Nugusicha
waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef
gutummaa-guututti kan
mootummaa ta’uun itti walii galamee, amma booda biyya
waliin bulchina,” jedhan. Aangoo fi bulchaa llee mirkaneessanii
fii Jen. Waaqollee biyyatti deebi’an. Hanga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii
1976 humna woraana Soowraa
Ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobba’e Magaalaa Bidiree keessaa bahuun isaaniitti makaman. Bara 1976-1983
ittigaafatama adda-addaa irratti
humna Soowraa hoogganaa turan.

- Ajajaa waraanaa ta’uun,
- Itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa ta’uun
- Itti aanummaan gaggeessaa turan.
Akeekni Jen. Waaqoo Bilisummaa Ummata Oromooti. Kunis
kan mirkanaa’u tokkummaan Ummata Oromoo yoo eegame
jechuun, Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata
Oromoo /ATBUO/ bara 1989 ijaaranii dura
bu’ummaan hooganaa turan. Bara 1991
Motummaan Dargii jige,”rakkinna Ummata
Oromoo karaa nagayaatiin
haafuramuu,” jechuudhaan Mootummaa
cee’umsaatti dhaabilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo dha. 

Diinni qoosaa hin beekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti
deebi’an. Bara 2000 tti humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura
taa’ummaan gaggeessanii jiru. 

Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu
jirus furuuf qooda guddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa
dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee
Oromoo jidduu jirus furuuf qooda guddaa kennanii jiran.

Dhaamsa Ummataa ergan
keessaas, “Yaa ummata keenya gaafa beekaan hin
heddumaatin wal jala yaanee, diina keenya of irraa dhoofne,
har'a ammoo, beekaan heddummaatee, waldhagayuun
dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu hanqanne, har'a
tokko ta’aa jirra, dhaabbilee Oromoo (6)n walii galtee uumaa
jirra, Ummatni keenya waan guddaan gadii baanaan nu eegaa
jira, mee gaara dorrobe nu hin godhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jedhanii osoo eeganuu, lilmmoo dhale,
gaara dorrobee lilmmoo dhale
nu hin godhinaa,” jedhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan.

Amma ammoo, fayyaa irraa kan ka’e
dadhabanillee, bakka ciisaniiyyuu waanuma bilisummaa
Oromoo wirdii godhanii amriin
karabbiiti dhaamsa isa dhumaallee dabarfatanii gara mana
isaanii kanumaruu irraa hin hafneef
godaananii jiru.

DHAAMSA:-
Tokkummaa keessan diinni isin hin diigin! Namni mana tokko
ijaaru citaa walhinsaamuu,
-BEEKKADHAA!
-TOKKUMMAAN TIKSAA!
-TOKKOOMTAN MALEE BILISUMMAAN
HINDHUFUU!
-TOKKO TA’AATII BIYYA KEESSAN BARBAADAA!
ANI WAAN QOODA KIYYAA UF IRRAA GEESSEE
BIYYA KEESSAN HIN GATINAA!
Kana dhamuudhaan guraandhala bultii sadi bara 2006
addunyaa
tana irraa deemanii jiru.

Qabrii Isaanii Daadhin haa guutu!

Comments

Popular posts from this blog

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU