GAABBII....!

                       GUYYAA SANA ABAARUU!

http://www.gaaddisaoromiyaa.blogspot.com


Waanan godhetti gaabbe hin beekuuf malee, silaa guyyaa tokkon abaara. Akka Iyob aduun siif hin bahiin, ji’ootatti hin lakkahamiin jedheen abaara ture.Garuu darbadhe gaabbee hin beeku. Aggaamee deebisee hin beeku. Tufee arrabee hin beeku. Dubbadhee yeellahe hin beeku. Jaje jaji’ee hin beeku. Maal godha, baritti bara sana. Bara goofaree kooti. Atis,” abbaa goofaree ka’i dubbadhu” naan jette. Osoon harka walitti siif rukutu barrutu na luqqa’e. Manzaraa/ of-duree koo ofirraa fuudha, ofitti debisaan waa’ee kee geeraree. Miira keessa galeen dubbiitu na harkaa bade, seer- lugan irraanfadhe. TV irratti baheen akka waaqni siin nuuf kenne addunyaatti lallabe.Natti fakkaateetun si leellisee, si weeddisee quufuun dadhabe.

Amma kunoo taa’een walaloo Zalalem Abarra dhaggeffadha. Utuun jedha…du’a beekani nagaa hin dhaaman jedheen makmaksaa Oromookoon of jajjabeessa. Waada ati walgahii sanarratti nuuf seente. Ejjeennoo ati nutti himte ; xiiqii ati nutti himte ; tokkummaa Oromoo ati labsite ; sabbonnummaa Oromoo ati jajje; Oromummaa ati ittiin dhaadatte hundisaa sammuu koo keessa wal-lola. Cunqursaan saba kana gahe jette. Ajjeechaa fi hidhaan saba kana raawwate jettee kakattee waada nuuf seente . Hojiin koo filannoo bara kanaa dimookiraatawwa gochuu dha nuun jette. Warra TPLF xiiqiin abaartee balaalleffatte. Hanna fi badii isaan raawwatan tokko tokkoon nutti gabaaste.

Wal-gahiin akkasii yeroo yeroon itti fufa jettee hayyoota 3,000 ol fulduratti waada seente. Danuu namoota keenya ajab goote. Nutis mootummaa Oromoo arganne jenne. Bilisoomne jenne. Qabsoo fi kadhaan keenya deebi argate jenne. Gaaffiin oromoodhaa furmaata argate jenne.
Ihii! ofii isumatu dubbatamoo irratii dubbataa jenne wal-gaggaafanne. Uggum raajii jenne…..

Maal godha, garuu, kana hundumaa bishaantu jala yaa’e. Kanatu dhufaa maaltu beeke. Nu keessaa maaltu hubate, maltus abjoote. Bulte bubbultee kaate nu baqatte, nu oodde, hinumaatu nu balaalleffatte. Maaliif akkasi garuu jedheen…ammas walaloo Zalalem Abarraa dhaggeeffachaa …”bada Diggaa Saqoo!, ani nan gowwoomee”jedheen akkuma Diggaa Saaqoo mooti Noolee of gaafadhe. Ajjechaa fi hidhaan saba kooti dhaabbachuu miti daranuu itti jabaate. Gaaffiin Oromoo deebi dhabe. Haqni saba kooti daran sharafame.

Dangaan keenya ittuu miidhame. Isa durii caala Oromoon boquu gad-qabate. Isa durii caala wal-qoodinsi dhufe. Isa durii caala sabboonummaan ni cabe.Afaan Oromoo dubbachuu, aadaa keenyaan faayamuu sodaanne. Oromoon daran bakka bakkatti kufuu eegale. Dhiigni saba koo daran lola’e. Imimmaan ayyoolii dhaabba chuu dide. Roorroon daran hammatte.
Yaadannoo wal-gahii hayyootaa muummee ministeera Itiyoophiyaa waliinii.
Utuu……!

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU