ABBAA DUULAA DINQUU DAYYAASAA

OMN: Qe’ee Abbaa Duulaa, Dokumantarii adeemsa Abbootii Qabeenyaa Oromoo dadhabsuuf deemamu irratti xiyyeeffate Waxabajjii 12  bara  2020

     


Bilchina sammuu mucaa kanaa barruu kana keessaan ilaalta. Yoo Oromoo taate osoo dubbistee hin qoodiin bira hin darbiin. Ilmaan ABO akkasi!!

“Akkam jirtu Oromookoo? Akka itti jirru inuman beeka, garuu nagaa wal gaafachuun aadaama waan ta’eef malee.
Har’a waatu na raaje.

Ayyaantuu Jaallataa

Namni oduu odeessuu hojii idilee godhatani itti fayyadaman baay’eedha. Baran dhaladhee kaasee jibbiinsiifi maqaa balleessiin dhaaba ABO fi WBO irratti oofamaa tureera. Garuu uummanni holola sana dhaga’ee ABO jibbeeraa? WBO jibbeeraa? Hin jibbine. Daranuu jaalalasaa itti dabalaafii deeme. ABO jechuun Oromoo jechudha; Oromiyaa jechudha. Hargansuu hafuura isaatu Oromiyaatti lubbuu horee Kabajaa kennaaf. Kaleessa gaafa ijaan hin argiiniyyu kaayyoo isaa qofa waan beeknuuf itti miidhamnee, ittis duunee, ittis cabne.

Kaleessa “WBOn hin jiru; suuraa isa durii qofaan isin gowwoomsu” nuun jedhan. “Tole nuufoo suuramti durii suniyyu qoricha” jennee callisne. Lammffaa “hoggantoota ABO waanti jedhamu hin jiru; isaanoo wal diiganii biyya farajjitti galanii jireenya isaanii jiraachaa jiru; isin ijoolleen hiyyeessa kun maaf waan hin jirre waliin rakkattu” jedhan. “ABOn kaayyoodha malee nama miti” jennee callisnee jaalalaafi kabaja ABOf qabnu agarsiisuu itti fufne.

“ABOn shororkeessaadha; humna badiiti; gufuu misoomaati” yommuu jedhamee dhalli Oromoo hidhamaafi ajjeefamaa tures hidhaa sodaatee Kabajaafi jaalala ABOf ibsachuuf of duuba hin deebine. Dhugaa jiru waan sirriitti beekuuf jechuudha.

kaleessa maqaa ABO’tin fiilmiin dokmenterii hedduun hojjetameera. Fiilmii mana barumsaafi qe’ee qote bulaarra naanneffamee dirqamaan ilaalchifame kan Baddannoofi Arbaguuguu yaadachuun ga’aadha. Kun hunduu ta’ee garuu uummanni keenya ABO irraa cituu hin dandeenye.

Duulli hololaafi maqa balleessii kun hundi ABO irratti raawwatamee gaafa hogganni ABO Finfinnee galemmoo uummanni Oromoo miliyoonaan ba’ee simatee jaalala ABOf qabu agarsiisee dhamaatota garaa gube.

Ammas kan jennu, waanti fedhe utuu dhalatee waan meeqas utuu gootanii dhaloonni dhaaba kana hin jibbu. Ituu fiilmii isa kaleessa uummati ilaalaa ture sana dhiistee kara biroo fala biraallee uumtee fiddee Oromoon Oromiyaa beeku sin dhaga’u. kan Oromiyaa hin beeknemmoo sidhaga’ee dhiises amma Oromoof bu’aa hin buusnetti Oromoo jedhamee waamamuunuu waan dabaati.

kanaafuu, ‘Shanee’ jettanis ‘shiifta’, ilmaan Oromoo ajjeestanii jiilchitanii duubatti deebisuuf hin yaaliinaa! Maaliif jennaan, ittuu akka jabaatan nama godha malee akka namni sodaatu nama hin taasisu.

Fakkeenyaaf, daa’ima tokko waan isheen jaallattu tokkorraa yoo reebdee dirqiin dhawwuuf yaadde isheen hin dhiistu; ittumaayyu xiiqii qabattee waan qabdetti jabaatti. Dhugaa dubbachuuf yoo jenne, gocha mootummaan gochaa jiru kun waan gara bilisummaatti nu geessu natti fakkachaa jira. Sababnisaa, WBOn obboleessa Qeerroofi Qarreeti. WBO tokko yoo lola irratti wareegame konkolaataarra kaa’anii fidanii daandii walakkaa ciibsanii “ilaa Shanee keessan kottaa ilaalaa” jedhu. Ijoolleen dhuftee reeffa hadhooshee argite galtee raftee bulti jechuun hin yaadamu. Inni umuriin isaa lolaaf ga’e gara boosonaa, innimmoo lolaaf hin geenye dhagaa diinasaatti darbachuutti ce’a.

Dhugaan isinitti hima, Oromoon du’a hin sodaatu. Waanti namni kamuu hubachuu qabu namni nama dhuunfaaf qabasaa’u hin jiru kaayyoof yoo ta’e malee. Yoo jiraates namni sun ga’umsa hin qabu jechuudha.

Dhaabni Oromoofi Oromiyaaf dursa keennu ABOdha. Jaarmiyaan diinni gaafa maqaasaa dhaga’ullee lafti ittiin maree kufuu ga’u WBO’dha. Kan diinni ofirratti sodaattus isuma. KFOn isa lammataati. kanaaf deggertootasaafi miseensota isaatti ajjeechafi hidhaan; doorsisni ni baay’ata. “Haga namni tokko hafutti ni falmanna” waan jedhamus jira. Kun ejjeennoo dhumaati.

Har’aaf kanuman jedha.
Nagaa naaf ta’aa!”

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU