Posts

Showing posts from February, 2021

WAAMICHA FINCILA DIDDAA BILXIGINNAA

Image
IBSA HATATTAMAA GAMTAA QEERROO OROMIYAA! QBO Ummanni keenya ummanni Oromoo akkuma kaleessa akka sabaatti dararaa fi gidiraa hamaa diina isaatiin keessummeessaa ture har’as namootuma maqaa Oromoo dha’achaa sirnoota durii nurratti ijaaruu barbaaduun gaaga’ama hamaa keessa jiraachaa kan jiru ta’uun uummata Oromoo qofa mitii alagaafuu ifaadha. Ummanni keenya Gabrummaa waggoota 27 oliif sirna nama nyaataa Wayyaanee jalatti kufee ture, qabsoo qeerroo fi qarreen keenya godhaniin aarsaa hedduu kafallee, wareegama guddaa baafnee, dhiigaa itti lolaafnee, lafee itti cabnee kutannoo qeerroo fi qarree keenyaatiin injifannoo bilisummaa fakkaatu argamsiisuun keenya dhugaa eenyumtuu haaluu hin dandeenyedha. Injifannoo ummanni keenya aarsaa gurguddoo lakkaa’amanii hin dhumne itti kanfaluun qabsoo #OromoProtest’n tarsiimoo hayyoota keenyaa jala masakamuun dhugaa qabnutti irkatee sabni keenya fideen #OPDO’n carraa argattee gara aangootti baatee, maqaa #Bilxiginnaa jedhuun ifatti sirna naf*anyaa nurra

Jawaar Mahaammadfaa erga nyaata lagatanii torban guutan, gaaffii ijoon maali?

Image
Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessa booda to’annoo jala kan oolan Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa fi Shamsaddin Xahaa erga lagannaa nyaataa ueegalanii torban tokko ta’uu abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBCtti himan. Kaleessa (Kibxata 02,02,21) kan dubbisne Obbo Tuuliin akkas jedhan. ”Guyyaa 6ffaa isaaniti. Yeroo kaan bakkati wal dubbisnuti ol dhufanii wal argina. Amma achi dhufuu waan hin dandeenyef bakka ciisaniti dhaqnee dubbisne. mana jala firashii buufatanii ciisu. Achuma ciisaanii nu dubbisan. Sagaleensaani, qaamni isaanis baay’ee laafera.” Obbo Tuuliin achuma ciisaanii akkana jechhuun dhaammatan jedhan. ”Yoo kufnee gaggabne, yoo dhukkubsanne hakiima dhuunfaa fi mana yaala filannoo keenya malee hakiimni mootummaa akka nuti hin buune.” Obbo Tuuliin yaada isaanii kana harkaa fuudhuun iyyata barreessanii mana sirresatti galchanii bahuu himan. Maatiin maal jedhu? Obboleettiin Jawaar Mahaammad Raabiyaa Siraaj mana sirreessatti dhaqxee ak

Sirni Galateeffannaa Doktorar Kabajaa Artiist Alii Birraa Adeemsifamuufi.

Image
Artist Alii Birraa Sirni galateeffannaafi eebbi kitaaba seenaa jireenyaa Doktorar Kabajaa Artiist Alii Birraa irratti xiyyeeffate Amajjii 30 bara 2013 A.L.I akka adeemsifamu himameera. Sagantichi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin akka qophaa’e kan himan hogganaan Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbada Deessisaa artiistichi walakkaa jaarraa tokko oliif biyyaafi uummata isaanii umrii dheeraaf tajaajiluudhaan artistii dorgomaa hin qabne ta’uu isaaniitif qofa galanni akka maluuf dubbatan. Kana malees artiistichi ogummaa aartii isaanitti fayyadamuun guddina afaanii, aadaa Oromoof akkasumas gama hawwaasummaa fi diinagdeen guddaa gumaachuu isaanii himan. Hojii aartii bara 1954 akka eegalan kan himamuuf Dr kabajaa Artiist Alii Birraa Afaan Oromoon alatti Afaan Somaalee, Afaan Affaar, Afaan Hararii, Afaan Amaaraafi Afaan biyya Sudaanin sirbuun walin jireenya uummattootaaf gumaachuun isaanii ibsicharratti himameera. Gorsaa dhimmoota aadaa mootummaa naannoo Oromiyaa kan ta’an Dr Mah