WAAMICHA FINCILA DIDDAA BILXIGINNAA

IBSA HATATTAMAA GAMTAA QEERROO OROMIYAA!

QBO

Ummanni keenya ummanni Oromoo akkuma kaleessa akka sabaatti dararaa fi gidiraa hamaa diina isaatiin keessummeessaa ture har’as namootuma maqaa Oromoo dha’achaa sirnoota durii nurratti ijaaruu barbaaduun gaaga’ama hamaa keessa jiraachaa kan jiru ta’uun uummata Oromoo qofa mitii alagaafuu ifaadha.

Ummanni keenya Gabrummaa waggoota 27 oliif sirna nama nyaataa Wayyaanee jalatti kufee ture, qabsoo qeerroo fi qarreen keenya godhaniin aarsaa hedduu kafallee, wareegama guddaa baafnee, dhiigaa itti lolaafnee, lafee itti cabnee kutannoo qeerroo fi qarree keenyaatiin injifannoo bilisummaa fakkaatu argamsiisuun keenya dhugaa eenyumtuu haaluu hin dandeenyedha.

Injifannoo ummanni keenya aarsaa gurguddoo lakkaa’amanii hin dhumne itti kanfaluun qabsoo #OromoProtest’n tarsiimoo hayyoota keenyaa jala masakamuun dhugaa qabnutti irkatee sabni keenya fideen #OPDO’n carraa argattee gara aangootti baatee, maqaa #Bilxiginnaa jedhuun ifatti sirna naf*anyaa nurratti deebistee ijaaruuf tattaaffii irra jiraachuun waan eenyuufuu ifa ta’ee jirudha. Kanaafuu, sirna dursummaa koleneel Abiy Ahmediin durfamu sirna nafxanyaa kana balaaleffachuu, gochaa diinummaa isaanii saaxiluu fi Oromiyaa keessaa hundeen buqqisnee gatuun dirqama filannoo hin qabne ta’ee argameera.

Kanaafuu, yeroo akkaan murteessaa ta’e kanatti eenyu irraa maaltu eeggama kan jedhuuf Qeerroon boqonnaa qabsoo itti aantuuf waamichaaa fi dhaamsa armaan gadii firoota qabsoo Oromoo fi diinota qabsoo Oromoof dabarsuu barbaada!

Duguuggaan ilmaan Oromoo irratti gama hundaan sirna nafxanyaatiin gaggeeffamaa jiru akka hatattamaan dhaabbatuu fi ummanni oromoo humna diinaa kana gamtaan ofirraa qolachuuf qabsoo qeerroon Oromoo godhaa jiru akka deeggaru waamicha ni goona.


Sirna hooggantoota Siyaasaa Oromoo kanneen akka Jawaar Muhaammad, Baqqalaa Garbaa, Lammii Beenyaa, Hamzaa Booranaa, Kol. Gammachuu Ayyaanaa, Jaal Abdii Raggaasaa fi warreen maqaa isaanii hin dhahamne hundatti maqaa gara garaa maxxansuun mana hidhaatti ugguree, maallaqa ummataatiin ragaa sobaa irratti bituun hayyoota keenya rakkoo fayyaa fi beelaatiif saaxilaa jiru ni balaaleffanna. Tooftaa qabsoon barbaaddu hunda fayyadamuun hayyootaa fi ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaan hidhaman hunda harka diinaa baasuuf aarsaa barbaachisu hunda kaffallee hanga isaan baafannutti ni qabsoofna.


Akkuma beekkamu uummanni keenya kan falmatuuf mirga abbaa biyyummaa isaa fi feederaalizimii sab-daneessaa mirkaneessuuf waan ta’eef, kun immoo sabaa fi sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraataniif wabii jireenyaati. Isaanis kana beekanii qabsoo uummata keenyaa cinaa akka dhaabbattan waamicha isaaniif ni goona.


Qaamonni sirna nafanaa diina Oromoo ta’ee fi Oromoo diinomfate waliin hojjechaa jirtan yeroon hirriba irraa dammaqxanii qabsoo ummata keessanii cina hiriirtan amma ta’uu beekuu qabdu. Yoo didan, yeroon Oromoon qaamota diina Oromoo waliin hiriiranii danqaa qabsoo Oromoo ta’an irratti garaa jabaatus amma ta’uu ni hubachiifna.


Qabsoon barattoota Oromootiin ammas deebi’ee dhoohe, guutuu Oromiyaa bifa wal fakkaataan akka wal gahuuf namuu qooda keenya ni baana. ummanni Oromoo hundis qabsoo barattootaan jalqame kanatti akka makamaniif waamicha keenya ni dabarsina.


Caasaaleen hawaasaa gara garaa Qeerroo fi Qarreen, Barsiisaa fi barataan, daldalaa fi hojjataan hundumtuu qabsicha keessatti har’as akkuma kaleessaa karaa isaaniif danda’ameen qabsoo keessatti qooda isaanii ba’uun qabsicha akka tumsan cimsinee ni gaafanna.


Jaarmiyaaleen hawaasaa biyya alaa fi keessa jirtan qabsoo uummanni keessan gochaa jiru bira akka dhaabbattaniif waamicha keenya ni dabarsina.


Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi Haadholii Siiqqee olola mootummaan sirna Naf*anyaa nurratti deebisuuf deemuuf gurra kennuu dhiiftanii qabsoo ijoollee keessanii akka utubdanii fi roorroof gidiraa saba keessanirra gayaa jiru akka dura dhaabbattan waamicha Oromummaa isiniif goona.


Hiraarsaa sabaa osuma agartanuu yoo calliftan itti gaafatama seenaa jalaa kan hin baane tahuu cimsinee isin beeksifna.

Hayyoonni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jirtan kallattiinis ta’ee al-kallattiin akka waliin hojjattan ni dhaammanna.


Miidiyaaleen Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa, kanneen idileen fi al-idilee, wal tumsuun akka hojjattaniif waamicha Oromummaa ni dabarsina.


Qaroo fi qaalii sabaa bal’aa kan ta’e Artist Hacaaluu Hundeessaa dabalatee ajjeefamuu namoota 50 olii Harargee Bahaatti dirqamaan hiriira ba’aa jechuun konkolaataa ba’aa fe’utti naquun bakka tokkotti mootummaan bilxiginnaa ummata keenya fixe ni balaaleffanna. Ajjeechaa suukaneessaa ilmaan oromoo irratti raawwatameef xiyyeeffannoo kennee, mootummaan itti gaafatamummaa akka fudhatu cimsinee ni beeksisna.


Filannoo marsaa 6ffaa mootummaan Bilxiginnaa ilaalcha nafanyaa dhangi’ame, hayyootaa fi hoggantoota paartiilee Oromoo hidhee, wajjiraalee isaanii cufee nafnyoota waliin gochuun aangoo qooddachuuf socho’aa jiru ni balaaleffanna. Walumaa galatti filannoon paartiilee morkattootaa Oromoo danquun ofirraa dhiibee adeemsifamu yoo jiraate fudhatama hin qabu.


Baroota darbanii eegalee hamma har’aatti mootummoonni Abbaa Irree saboota biyya kanaa cunqursaa jala tursuuf mormii fi finciloota ummataan sirna isaanii irratti dhohan gara walitti bu’iinsa amantaa fi sanyiitti jijjiiruun bifaa fi kallattii qabsoo geeddaruun bu’aa siyaasaa argachuun teessoo of jalatti qabaa turuun isaanii baramaadha. Kanaafuu, qeerroo fi qarree keenya dabalatee qaamni miseensa qabsoo keenyaa shira kana dursinee irratti dammaquun lootee seentota shiraaf gidduu keenya kaattu irratti tarkaanfii laalessaa akka fudhattan yaadachiisaa, gochaa akkanaa irraa akka of qusataniif diinota keenyaafis dhaamsa namummaa ni dabarsina.


Poolisootaa fi milishoota Oromiyaatiif:-
Akkuma beekamu FDG bara wayyaanee goone keessatti qeerroo fi qarree Oromiyaatti aansee shoorri isin gama saba keessan maddii dhaabbachuun saba keessaniif humna taatan waan dagatamuu miti.
Kanaafuu, Oromiyaan akkuma kaleessaa har’as sirna biroo jalatti kuftee jirti. Isin ilmaan Oromoo waan taataniif gabrummaan saba quucarsitu isinis waan hanqattu miti. Kanaafuu, qabsoo Oromoo cinaa dhaabbattanii sirna abbaa irree kuffiisuun mootummaa ummataa kan ta’e, mootummaa Diimokraatawaa hanga dhaabbannutti qabsoo qeerroo fi barattoonni Oromoo godhan utubuun dirqama Oromummaa keessanii akka baatan waamicha ni goona.


Sirni kamuu ni darba. Ni kufa. Uummanni keessaa baatan immoo yoomillee hin kufu, hin badu. Warra seenaa hamaa dalagee barootaaf saba keessanitti gufuu ta’u osoo hin taane, warra seenaa boonsaa dalagee sabaaf yaadannoo gaarii kaayu akka taatan, yeroo murteessaa kanatti qabsoo Oromoo jabeessuuf malee laamshessuuf akka hin hojjanne Qeerroowwan Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jirru kabajaadhaan waamicha isiniif goona. Waamicha keenyas akka nu jalaa awwaattan abdii qabna.

Akeekkachiisa..

Sirni Bilxiginnaa akkuma sirna irra as dhufan Shira hedduu dalagaa kan ture tahu ni yaadattu, Shira kana keessa yeroo umanni Oromoo Qeerroo Oromootiin durfame sagalee mormii isa dhageesifatu hunda luuxxee seentu bobaasuun tarkaanfii qabsoo Oromoo naaf xureessa jedhu fudhata tureera.. Kaneen keessa manneen Amantii irratti tarkaanfii rawwachuu fi saboota bira Oromoo irratti kasuuf haleellaa rawwachaa tureera.. Kana beekun umanni Oromoo yeroo qabsoo gootan kamuu luuxxee seentu amantii fi saba walitti buuftu sirritti eegadha.. Yoo argitan qaama nageenyaaf dabarsaa Kenna..

Walumaagalatti

Galmi qabsoo uummata keenyaa akka uummataatti bilisoomuufi akka biyyaatti walaboomuudha. Kana milkeessuuf ammoo qabsaa’ota gameeyyii manneen hidhaa keessatti lagannaa nyaataa gochaa jiraniifi kanneen biroos bifa yeroo dhumaatiif manneen hidhaa sanneen keessaa bahanii qabsoo saba isaanii akkuma hanga hardhaa itti jiran kana Murannoon akka hogganan rogayyuun qabsoo finiinsuun fedhii osoo hin taane dirqama tahu hunduu baruu kan qabnu taha.

Guraandhala , 06/2021

Oromiyaa
Qabsaa’aan jiraatu malee, qabsoon hin jiraatu.

Wabiin Qabsaa’aa Ummata isaati.
Haqa qabna, Tarsiimoon Masakamna, Ni Falmanna.. Ni injifanna.
Gamtaa Qeerroo Oromiyaa Irraa.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU