Sirni Galateeffannaa Doktorar Kabajaa Artiist Alii Birraa Adeemsifamuufi.




Artist Alii Birraa

Sirni galateeffannaafi eebbi kitaaba seenaa jireenyaa Doktorar Kabajaa Artiist Alii Birraa irratti xiyyeeffate Amajjii 30 bara 2013 A.L.I akka adeemsifamu himameera.

Sagantichi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin akka qophaa’e kan himan hogganaan Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbada Deessisaa artiistichi walakkaa jaarraa tokko oliif biyyaafi uummata isaanii umrii dheeraaf tajaajiluudhaan artistii dorgomaa hin qabne ta’uu isaaniitif qofa galanni akka maluuf dubbatan.

Kana malees artiistichi ogummaa aartii isaanitti fayyadamuun guddina afaanii, aadaa Oromoof akkasumas gama hawwaasummaa fi diinagdeen guddaa gumaachuu isaanii himan.
Hojii aartii bara 1954 akka eegalan kan himamuuf Dr kabajaa Artiist Alii Birraa Afaan Oromoon alatti Afaan Somaalee, Afaan Affaar, Afaan Hararii, Afaan Amaaraafi Afaan biyya Sudaanin sirbuun walin jireenya uummattootaaf gumaachuun isaanii ibsicharratti himameera.

Gorsaa dhimmoota aadaa mootummaa naannoo Oromiyaa kan ta’an Dr Mahaammad Qophee “sirni galateeffannaa kun ulfina fi jaalala Dr Kabajaa Artiist Ali Birraaf qabnu ibsuun cinatti kan miseensota baandiiwwan akka Afran Qalloo, Urjii Bakkalchaa, Biiftuu ganamaa fi kan biroo kan Alii Birraa walin qabsaa’anfi bu’uura aartii Oromoo kaayan akksumas qabsoo aartii keessatti kunneen wareegamanif kabaja qabnu kan itti agarsiisnudha” jedhan.

Dhalachuun Artiist Ali Birraa dhalachuu artiistoota hedduuf sababa ta’uu kan himan Dr Mahaammad Qophee, Artiist Alii Birraa barsiisaa dhalootaa fakkeenyummaa guddaa qabu ta’uu himan.
“Nama uummata Oromoof sagalee ta’edha” jedhan.

Sagantaan galateeffannaa artistichaa Amajjii 30 bara 2013 magaala Finfinnee keessatti kan adeemsifamu yemmuu ta’u angawootni mootummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa, hiriyootni isaanii, namootni bebbeekamoofi dinqisiifattootni isaanii ni argamu jedhameera.

Barreessaan kitaaba seenaa jireenyaa Dr Kabajaa Artiist Alii Birraa Dr Suraafel Galgaloo hojiin kitaabichaa barreessuu waggoota shanii ol fudhachuusaa himan.

Kana malees wayita kitaabichi barreeffamu Ali Birraafi haadha warraa isaanii aadde Liillii Maarqos dabalatee namoota garaagaraa walin gaafif deebii taasisuun akkasumas kutaalee biyyattii garaagaraatti imaluun odeeffannoo walitti qabuu isaanii himan.

“Kitaabicha bifa qorannoo saayinsaawaa bu’ura godhaten barreessuf yaalameera” jedhan.
Kitaabichi Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Ingliiziin qophaa’uusaa himuunis “kaayyoon kitaabichaa nama kabajni maluf kabaja kennuudha” jedhan Dr Suraafel Galgaloo.

Akkaataan himama seenaa Itoophiyaa “seenaa mootichaafi mootittii” irratti xiyyeeffachuun kan barreeffame ta’uu himuunis kitaabni seenaa jireenyaa Dr Kabajaa Artiist Ali Birraa garuu Waan hawaasa keessa ture irratti xiyyeeffachuun kan barreeffame ta’uu himan.

Kitaabicha dubbisuun beekumsa barnootaan hin argamnefi dandeettiwwan jireenyaa baay’ee barbaachisoo ta’an irraa barachuuf kan fayyadu ta’uus Dr Suraafel Galgaloo dubbataniiru.

Maxxansi jalqabaa kitaaba seenaa jireenyaa Dr Kabajaa Artiist Alii Birraa kan Dr Suraafel Galgalootin barreeffame gama Biiroo Barnoota Oromiyaatin manneen barnootaaf raabsamuun isaa himameera.
Kana malees kitaabichi sirna galateeffannaarraa eegalee gurgurtaaf dhiyaata jedhameera.

MaddiBBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU