Jawaar Mahaammadfaa erga nyaata lagatanii torban guutan, gaaffii ijoon maali?





Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessa booda to’annoo jala kan oolan Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa fi Shamsaddin Xahaa erga lagannaa nyaataa ueegalanii torban tokko ta’uu abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBCtti himan.

Kaleessa (Kibxata 02,02,21) kan dubbisne Obbo Tuuliin akkas jedhan.
”Guyyaa 6ffaa isaaniti. Yeroo kaan bakkati wal dubbisnuti ol dhufanii wal argina. Amma achi dhufuu waan hin dandeenyef bakka ciisaniti dhaqnee dubbisne. mana jala firashii buufatanii ciisu. Achuma ciisaanii nu dubbisan. Sagaleensaani, qaamni isaanis baay’ee laafera.”

Obbo Tuuliin achuma ciisaanii akkana jechhuun dhaammatan jedhan. ”Yoo kufnee gaggabne, yoo dhukkubsanne hakiima dhuunfaa fi mana yaala filannoo keenya malee hakiimni mootummaa akka nuti hin buune.”

Obbo Tuuliin yaada isaanii kana harkaa fuudhuun iyyata barreessanii mana sirresatti galchanii bahuu himan.

Maatiin maal jedhu?

Obboleettiin Jawaar Mahaammad Raabiyaa Siraaj mana sirreessatti dhaqxee akka dubbistee fi waan hubatte BBCtti himteetti.

”Hedduu dadhabanii jiru. Qabsoodha, hin nyaannu jedhan. Dhaabbachuu hin danda’an. Bishaanuu hin fudhatan. Ilaaluu dadhabeen boo’ee biraa gale,” jette Raabiyaan.

Dabalataan magaalaa Galaanitti hidhamanii kan jiran qondaalonni ABO Obbo Mikaa’el Booran fi Kennasaa Ayyaanaas mirgi wabii mana murtiidhaan eegameefii poolisiin waan gadhiisuu dideef lagannaa nyaataa irra jiru jedhan Obbo Tuuliin.

Gaaffiin isaanii maali?

Obbo Tuuliin namoota sadii tahanii dhaqanii dubbisuu himuun ergaa isaan dhaammatan harkaa fuudhuun iyyata barreessanii mana sirreessaaf galchuu isaanii himaniiru.

Sababa itti nyaata lagachuuf murteessan yoo himanis jijjirama siyaasaa akka biyyaatti dhufe keessatti qeerrof qarree waliin adda durumaan hirmaataa turan.

Haa tahu namootni bebeekamoon ajjefamuun isaan hidhaatti darbatamuun miidiyaalenis cufaman. Dhaabbilee siyaasa Oromoo jalaa shiran eeyyama jalaa haqanii kan hafte lama [KFO fi ABO] ammoo hoggansa isaanii hidhanii oromoo siyaasa keessa akka bahan mootummaan dhiiba godhera jechuun komatan jedhan Obbo Tuuliin.

”Namoota shakkamanii hidhaman manni murtii mirgi wabii eegameefii akka bahan ajajus bahaa hin jiran. Kan bahanis deebi’anii hidhamu.
Dhaabbileen siyaasaa warri kaan waajjira akka banatanii fi filannoof akka qophaa’an taasifama. Nurrati ammoo gochaan akkasii waan tahaa jiruuf kana mormuuf nyaata laganne” jedhan jechuun Obbo Tuuliin waan himatamtoota kunneen irraa dhagahan BBCtti himaniiru.

Sababni mormii kanaa kan biraan maatii fi deeggartootni isaanii yeroo darbe gaafa Obbo Jawaar fa’a mana murtiitti dhiyaatan uffata keelloo uffachuun dhaddacha irratti argamuuf deemanis akka hin galle dhorkamaniiru.
Kaan poolisiin hidhaman. Iyyata galchineen kaan beellamaan mana murtiitti dhiyaatanii wabiin gadhiifaman kaan ammoo poolisiin ofuma isaan gadhiise jedhan Obbo Tuuliin.

Kunis akka isaan mufachiise obboleettiin Jawaar, Raabiyaa Siraaj himteetti.
Gaaffiin isaanii gara biraan ammoo dhimma qondaala Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) koloneel Gammachuu Ayyaanaati.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dhiyeenya kana bakka hidhamanii tursiifaman Qilinxoo irraa gara Qaalitttii geeffamaniiru.
Obbo Tuuliin akka jedhanitti bakka geeffamuun hidhaman kanatti namootni dhuunfaa wal lolanii wal waraanuu himan.

Kunis lubbuu isaaf sodaachisa. Kanaaf bakka duraanitti deebi’uus qaba jedhamee gafatamee ture jedhan Obbo Tuuliin. Gaaffiin kun dhaddacha irratti akka ka’es himan.
Amma koloneel Gammachuun ”bakka yakkamtoottni hidhamnitti hidhameera. Maalin akka shakkameef hidhames hin beekamu. Bakka namootni adabbii fudhatan hidhamanitti hidhame,” kan jedhan Obbo Tuuliin achii baafamuu qaba jechuun gaaffii kaasuu isanii himan.
Manni murtiis manni sireessaa Qaallittii deebii akka kennan ajajaniiru. Garuu deebii isaan kennan mirga isaanii irratti dhiibbaa fide hin qabu kan jedhu akka tahe himan.

Haa tahu malee ammas Kolonel Gammachuun kanhidhamanii jiran nama hin beekne waliin akka tahe himaniiru. Kanaaf manni murtii ajaja ennuuf borutti akka qabatee jiru himan.

Namoonni kunneen maaliin himataman?

Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Booranaa fi namootni kaan hedduun ajjeechaa arti Haacaaluu Hundeessaan booda kanneen to’annoo seeraa jala ooluun mana murtiitti dedebi’aa turanidha.

Yakkoota ittiin shakkamuun hidhaman keessaa himatawwan manni murtii beellama darbe irratti adda akka citan murteesse Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namoota 12 irratti labsii bulchiinsa fi to’annoo meeshaa waraanaa 1177/2012 bu’uura godhachuun kan banamanidha.

Himatootni yakka shororkeesummaa fi Telekomii waliin dhahuu jedhu garuu addaan hin citne. Obbo Jawaar Mahaammad FI Obbo Baqqalaa garbaa irra dedebiin mootummaan filannoo irraa ni hanbsiuuf jedheet malee yakka hojjenne miti jechuun himataa turan.

Mootummaan ammoo namootni yakkaan shakkaman mana murtiiti qulqullaa’uun murtee haqaa argatu ykn bilisa bahu malee nama siyaasaa waanan taheef jedhanii komachuun sirrii miti deebii jedhu kennaa ture.

Paartileen akka ABO fi KFO hoggantootnii fi miseensonni isaanii mana hidhaa jiran filannoon dura akka gadhiifamaniif gaafataa turan.

Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU