Itoophiyaanfi Turkii: Hariiroo cimsachuun isaanii siyaasa Gaanfa Afrikaa keessatti maal akeeka?


Itoophiyaan dhiheenya kana walitti dhufeenyi biyya Turkii waliin qabdu cimsaa dhufuun ishee waan akeeku qaba jedhu xiinxaltoonni. Keessumaa rakkoo amma biyyattii keessa jiruufi waan Gaanfa Afrikaatti ta’a jiru kaasu.

Ofii galmi Itoophiyaa maali jedhanii himu?

Imalli qondaaltonni Itoophiyaa walakkeessa baatii Guraandhalaa gara Turkii taasisan dippilomaatii gameessa biyyattiitin ”ergama milkaa’e” jedhameera.

Jila Itoophiyaa gara Turkiitti imale kan hoogganan Ministirri Muummee I/aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gita isaanii Turkii Mevlut Cavusoglu waliin mari’ataniiru.

Akka miidiyaan biyyattii Anadolu Agencygabaasetti dhimmi waldhibdee daangaa Itoophiyaafi Sudaan akkasumas haala nageenyaa irratti hariiroo cimsachuun dhimmoota irratti mari’atamedha.

Biyyoonni lamaan erga hariiroo dippilomasii eegalanii waggaa 125 yoo ta’u isallee walin kabajaniiru.

Akka xinxaltoonni jedhanitti adeemsi Itoophiyaa biyya Turkii gama diinagdeefi waraanaan Afrikaa waliin hariiroo ishee cimsataa jirtuu waliin hariiroo ishee cimsachuun galma kaayyeffate qaba [strategic] jedhu.

Siyaasa Gaanfa Afrikaatti madaallii humnaa [balance of power] jijjiirsisuu danda’a jechuunis ibsu.

Inistitiyuutii Giddugala Bahaatti Daarektarri Wiirtuu Qorannoo Turkii Gonul Tol imaammata bara 2015 bahe booda Turkiin humna ishee gara biyyoota biraatti bal’isaa jiraachuu ibsiti.

Turkii fi Itoophiyaa

Akkuma biyyoota Gaanfa Afrikaa biroo Itoophiyaafi Turkiin hariiroo seenaafi aadaan walitti isaan hidhuufi yeroo dheeraaf ture qabu. Bara Dargi hariiroon isaanii laafus, bulchiinsa ADWUI fi kan ammaa waliin garuu cimee itti fufeera.

Haa ta’u malee, yeroo dheeraaf walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii diinagdeerra kan bu’ureeffate ture. Akka Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaprap Alp jedhanitti, invastimantiin Turkiin Itoophiyaa keessatti qabdu dolaara biiliyoona 2.5’tti tilmaamama.

Kunis biyya guddina diinagdeen Ameerikaa morkataa jirtu Chaayinaatti aane, Itoophiyaa keessa biyya invastimantii guddaa qabdu ishee taasisa.

Akka Ministeerri Dhimma Alaa Turkii ibsutti dhaabbileen Turkii Itoophiyaa keessatti lammiilee 20,000’f carraa hojii uumaniiru. Kunis, ‘dhaabbilee dhuunfaa hojjettoota danuu qacaran keessaa tokko taasisa,’ jechuun ibsa.

Gamoo Imbaasii haaraa Itophiyaan magaalaa Ankaaraatti yeroo eebbisiiste kan argaman Ministeerri Dhimma Alaa Turkii Mevlut Cavusoglu Itoophiyaan lola shororkeessummaa irratti qooda fudhataa jirtu akka jajaniifi, akka gargaaranillee himan.

Kana dura hariiroon biyyoota lamaanii diinagdeerra kan bu’uureffate ta’us akka Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii jedhanitti Itoophiyaan dhimma nageenyaarratti Turkii waliin hariiroo ishee cimsachuu barbaaddi.

MaddiBBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU