ITOOPHIYAAN ISHEE KAMII!

            ITOOPHIYAAN ISHEE KAMII?
==============================
“Itoophiyaan ariifattee haka ishee gara Waaqayyootti in
hiixatti.” (Faarfannaa 68:31)
Macaafoota Qulqulluu zamana keenyatti argannu keessatti
jechi “Itoophiyaa/Itoophiyaanoota” jedhu iddoowwan heddu
irratti tuqameera. 

Kanneen gidduuyis keeyyanni Faarfannaa
Daawit 68:31 irra jiruu fi “Itoophiyaan ariifattee harka ishee
gara Waaqayyootti in hiixatti” jedhu keessattuu biyya keenyatti
akka dhaadannootti baldhinnaan faayidaa irra ooleera. Biyya
teenyatti kanneen argaman Kiristaannoonni tokko tokkoofi
mootota durii biratti ejjannoo “Itoophiyaan iddoolii
Kiristaanaati” jedhu irra akka gahaniif kanaa fi keeyyattoonni
fakkaataawwan shoora mataa isaanii gumaachaniiru. “Macaafa
Qulqulluu keessatti tan tuqamte biyyiti teenya tun Itoophiyaan
Waaqayyoon irraa tan nuuf kennamte biyya qulqullittii
(eebbifamtuu) dha” ilaalchi jedhu uumameera. Ilaalchichis
kanuma qofa irratti osoo hin dhaabbatin seenaa keenya
keessatti keessattuu mootootaaf mija’insa amantaawaa
uumuudhaan yommuu badiiwwan heddu dhaqqabsiisu xiinxallameera.

Armaan olitti kan tuqne keeyyanni Faarfannaa Daawitii fi
keeyyattoota Macaafa Qulqulluu biroowwanis himtee wajjiin
tokkummaadhaan biyyattiin tan Kiristaanaa (“Tan isaanii qofa”)
akka taate akka itti dhageessisu gargaareera. Tokko tokko
oftuuluudhaan goolabbiiwwan “Dachattiinis Kiristaanaa”,
“Xiyoona” kkf jedhan irra gahaniiru. Isaannan biroo immoo
“Itoophiyanummaan kan argamu dhalootaan osoo hin taane
cuuphamaan” yommuu jedhanis caqafamaniiru. Kan barreessanis dubbifneerra. Gochi isaanii kunis
Itoophiyaanummaa Muslimootaatii fi lammiilee Kiristaana hin
ta’in birootis ganuuf agarsiisa guddaadha. 

Holola kana fakkaatuunis matuma isaa “Itoophiyaanummaa” hanga jibbuu
kanneen gahan Muslimoonni muraasa hin jedhamne akka jiran
barreessaan kitaaba kanaa ni amana. Kanaafuu barreeffama
kanaan qaama amantii isaanii hamma ta’uu tan geettee fi
“Itoophiyaan” harka ishee ariifattee gara Waaqayyoo akka
hiixattu tan himameef tamiin akka taate baldhinnaan
sakattaana.

“Itoophiyaa” Mafaaca Qulqulluu
*****************************************
Seenaa Itoophiyaa keessatti durduriiwwan hedduu fi
aadbuureewwan (hypothesis) ragaa amansiisaa hin qabne
hamma dhugaa beekamtii argataniiru. Himteewwan hunde-
dhabeeyyii ta’an dhugaa fakkaatanii dhihaataniiru. Dhugaallee
dhiibaniiru. Akkasumas seenaa Itoophiyaa keessattii ta’iiwwan
heddu Macaafa Qulqulluu wajjiin walqabatanii dhihaataniiru;
seeneffamanii jirus. Kanneen gidduuyis isa tokko mata-duree
kanaan ni ilaalla.
Akkuma beekamu Mafaacni Qulqulluun Kakuu Moofaa fi Kakuu
Haara jechuudhaan bakka lamatti qoodama. Kakuun Moofaan
Dhaloota Kiristoosin dura kan barreeffame kitaaba
Ayhuudootaa yoo ta’u Kakuun Haaraan immoo Dhaloota
Kiristoosiin booda kan barreeffame kitaaba Kiristaanootaati.

Waa’ee Kakuu Moofaa hayyooliin Kiristaanaa akkana
jechuudhaan barreessaniiru:
“Kakuun Moofaan kitaaba umrii dheeraa qabuudha. Naannawa
woggaa addunyaa 1400tti Muuseen kitaabottan shanan
jalqabaa barreessuu eegale. Kunis hamma woggoota 3500 tiin
duratti jechuudha. Kitaabni Kakuu Moofaa inni xumuraa kan
barreeffame naannawa woggaa addunyaa 400tti ture.” (Tiim
Felos, Kutaa fi Ibsa Qorannoo Kakuu Moofaa, Kitaaba 1ffaa,
Kutaa Hog-barruu SIM, Kitaaboota Macaafa Qulqulluu Bu’uura
Godhatan, Finfinnee, 1998, Fuula 12)
Hiikkaa Macaafa Qulqulluu Amaariffaa, Oromiffaa fi Ingiliffaa
keessatti jechi “Itoophiyaa” jedhu ni argama. Haata’u malee
Kakuun Moofaan kan ittiin barraaye Macaafa Qulqulluu lugaa
Ibraayisxii keessa iddoodhuma tokko irrattuu jechi “Itoophiyaa/
Itoophiyaanota” jedhu hin argamu. Bakkabu’a jecha
“Itoophiyaa/ Itoophiyaanota” jedhu kanaan kan hiikkame
Macaafa Qulqulluu Ibraaysixii keessatti jechi argamu jecha
“Kuush/Kuushota” jedhuu dha.( Barnes’ Notes, Bible
Commentary, Electronic Database, Copyright © 1997 by Bible
soft; The New Unger’s Bible Dictionary Originally Published by
Moody Press of Chicago, Illinois, Copyright © 1988)
Jechi “Itoophiyaa” jedhu jecha Giriikii yommuu ta’u hiikkaan
isaa fuulli isaanii aduudhaan (gubatee) kan gurraachate
jechuudha.( E.A. Walls Budge, A History of Ethiopia, Nubia and
Abyssinia, Volume One, 1928, Page 5)
Jechi “Itoophiyaa” jedhamu yeroo jalqabaatiif akka
moggaasaatti kan kenname Dhaloota Kiristoosiitiin Dura
jaarraa dhibba 4ffaa keessa ture. Moggaasa isaannan aduun
gubatanii gurraachatan jechuudhaaf lugaa Giriikiitiin
“Itoophiyaa” jechuun maqaa kan itti moggaase Maanitoo
(Manetho) ture. Maanitoon hayyuu seenaa lammii Gibxiitii fi
luba (kaahna) ture. Maanitoon biyya Suudaaniitti hundeeffamee
kan ture hidda mootummaa Kuushii “Hidda Mootummaa
Itoophiyaa” (Ethiopian Dynasty) jechuudhaan waame.

Moggaasni Maanitoon kenne biyya Suudaanii (Nubiyaa) irraa
ka’uudhaan woggaa addunyaa 713 (727) Gibxiin too’atee
hanga woggaa addunyaa 633tti hidda mootummaa bulchaa
tureetiif ture. Insaaykiloopidiyaan Itiyoophikaa akkanatti ibsa:
“Kan Maanitoo (kan inni moggaase) hiddi mootummaa
Itoophiyaa, Itoophiyaa har’aa wajjiin wanti walitti fidu homaa
hin jiru. Kan durii moggaasni ‘Itoophiyaanoota’ jedhu kan
kennameef halluu gurraacha qabaataa kan turan hooggantoota
Nubiyaatiif ture. … Itoophiyaa har’aa wajjiin burjaaja’iinsa
kamiinuu hanbisuudhaaf (Itoophiyaa kan jedhu kan
kennameef) moggaasa isaa kan Macaafa Qulqulluutiin ‘Kuush’
jedhamaa kan ture hidda mootummaa Gibxii (Nubiyaa) 25ffaaf
kan jedhuudhaaf.” (Encyclopedia Aethiopica, Volume Two,
Page 405)
Gibxiin Kuushiin naannawa woggaa addunyaa 1520tti too’atte.
Jaarraawwan shaniin booda woggaa addunyaa 1070tti Kuush
bilisa baate. Kuush mootummaa walabooftuu taatee Jabal
Barkaatti Naapootaatti hundeeffamte. Sadarkaa olaanaadhaan
dhiibbaa aadaa Gibxii jalatti kuftee kan turte yoo ta’u Gibxiin
keessatti gabbaramaa kan ture Taaboonni Aamuun jedhamus
ishee keessatti waaqeffatamaa ture.( Encyclopedia Aethiopica,
Volume Three, Page 459)
Armaan olitti akkuma tuqametti Gibxii fi Kuushiin (Itoophiyaan)
ollummaa qofa osoo hin taane tokko kan biroo hamma
bulchuutti seenaa fulla’e qaban. Akaakuun Piiraamiidii Gibxiitis
Kuushiin keessatti (Itoophiyaa Suudaanii) keessatti ijaarameera.

Macaafa Qulqulluunis Gibxii fi Itoophiyaan
(Kuush) irra deddebi’amuudhaan tokkummaan waamamaniiru.
Fakkeenyaafis:
“Tiirhaaqaan mootiin Itoophiyaa isa loluudhaaf dhufaa akka jiru
Senaaheriib yommuu dhaga’e, Hisqiyaas mootii Yihudaatti
namoota ergee, …” (Moototaa Isa 2ffaa 19:9)
“Tiirhaaqaan mootiin Kuush isa loluudhaaf dhufaa akka jiru
Senaaheriib yommuu dhaga’e, Hisqiyaasitti namoota ergee,
…” (Isaayaas 37:9)
Dursinee akka ibsinetti Gibxiin woggaa addunyaa 1520tti
Kuushiin too’attee woggaa addunyaa 1070tti Kuush
bilisummaa ishee gonfattee jirti. Isheenis dabaree isheetiin
humni ishee jabaataa yommuu adeemu Gibxiin too’attee
hoogganuuf dandeettee jirti. Isuma kana Ministeerri Barumsaa
Ifeedirii barattoota kutaa jahaatiif kitaabni barnootaaf
qopheesseefiif akkanatti ibsa:
“Magaalaan guddoon mootummaa Kuushii tan jalqabaa
Naapootaa jedhamaa turte. 

Gidduu woggaa addunyaa 8ffaa fi
7ffaa giddutti mootummaan Kuush jajjaboo ta’ee akka ture
ragaaleen seenaa ni eeru. Zamana kanatti mootummaan Kuush
kutaa bulchiinsa isaa babaldhifatuudhaan Gibxii durii dabalatee
bituu danda’ee ture.”
(Ministeera Barumsa Ifeedirii, Saayinsii Hawaasaa, Kitaaba
Barataa, Kutaa 6ffaa, Maxxansaa 1ffaa, 2003, Dhaabbata
Maxxansaa fi axxansiisaa Al-Goreer, Dubaay, Gurmuu
Emereeta Arabaa, Fuula 6)
Dhaloota Kiristoosiitiin duratti woggaa addunyaa 200tti Kakuun
Moofaan Ibraayisxiin irraa gara lugaa Giriikii hiikkame. Hiikkaan
kunis Septuwaajent jedhamuudhaan kan beekkamu yoo ta’u
yeroo jalqabaatiif hiikkaa kanaan jecha Ibraayisxii isa “Kuush”
jedhu jechi Giriikii “Itoophiyaa” jedhu bakka bu’e. (Tiim Felos,
Fuula 14)
Gabaabumatti lugaa Ibraayisxii isa Kakuu Moofaan jalqaba
itttiin barraaye keessatti iddoo tokko irrattis jechi “Itoophiyaa”
jedhu kan hin jirre yommuu ta’u kan jirus Macaafa Qulqulluu
hiikkaa Giriikii keessatti. Gibxiin gara Kibbaatti Suudaanii
har’aa keessa tan turte “Mootummaa Kuushii” gurraachota
wanta turaniif Giriikonni gurraachummaa jaraa ibsuudhaaf
(fuulli isaanii aduudhaan gubatee kan gurraacha’e jechuudhaaf)
lugaa ofiitiin “Itoophiyaanoota” jedhaniin. Macaafni Qulqulluun
(Kakuun Moofaan) Ibraaysixiin irraa gara Giriikitti yommuu
hiikkamutti iddoo waa’ee Kuushiitii fi mootummaa fi ummata
Kuushootaa dubbatu irratti lugaa Giriikiitiin jechi “Itoophiyaa”
jedhu wanta baratameef “Kuush” Itoophiyaa kan jedhuun
hiikkame. Hayyuun amantii Kiristaanaa Tiim Felos isuma kana
akkanatti ibsa:


“Itoophiyaa ykn Kuush: Macaafa Qulqulluu Ibraayisxii keessatti
Gibxiin gara Kibbaa irratti biyyi itti aanee argamu Kuush
jedhamee waamamaa ture. Booddee irrattis Macaafa
Qulqulluu Giriikii Septuwaajent keessatti Giriikonni dachii tana
Itoophiyaa jedhanii waaman. Kanaafuu, Macaafa Qulqulluu
keessatti Kuushii fi Itoophiyaan maqaalee lamaan bakka
tokkoo turan. Hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu Ingiliffaa,
Amaariffaa fi Oromiffaa dachii tanaaf “Itoophiyaa” kan jedhu
maqaa Giriikii fayyadamu.
Dachiin Kuushii ykn Itoophiyaa, Itoophiyaa ammaa wajjiin
tokkoo miti. Haata’u malee seenaa addunyaa keessatti
“Nubiyaa” jedhamaa waamamaa tan turte biyya har’a Kaaba
Suudaanitti argamtuudha. Akkaataa taa’umsaa lafaa Macaafa
Qulqulluu irratti hundaa’uudhaan Nubiyaan biyya kutaa Kibbaa
irratti argamtu tan xumuraati. Itoophiyaan ammaa jalqabarratti
maqaa ishee kan argatte Macaafa Qulqulluu Giriikii irraay.
Haata’u malee iddoo/bakka Macaafni Qulqulluun Itoophiyaa
ykn Kuush jedhee waame irraa guutumaan guututti
walfakkaattuu miti.
(Tiim Felos, Damee fi Ibsa Qu’annoo Kakuu Moofaa, Kitaaba
1ffaa, Fuula 68)
Hayyuun seenaa Bajji akkana jechuudhaan barreesseera:
“The country of the ‘burnt faces’ is none other than the
‘Sudan’. (Biyyitti namoota fuulli jaraa gubatee tan biroo osoo
hin ta’in Sudaaniidha.)”
(A History of Ethiopia, Nubia and Abyssinia, Vol. 1, Page 5)
Maanitoon yeroo jalqabaatiif
lugaa Giriikiitiin moggaasa “Itoophiyaa” jedhu kan itti
fayyadame dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa dhibba 4ffaa
keessa ture.

Barreessitoonni Giriikootaa durii waa’ee hidda
mootummaa Kuushii (Itoophiyaa) ilaalcha yaadinsa
maalalchiisaa fi dinqisiisaan guuttame qabaataa turan.
Intarnaashinaal Istaandard Baaybil Insaaykiloopidiyaan akka
jedhutti Giriikoonni durii Gi’ogiraafii Itoophiyaa hubachuun
isaan dhibee Itoophiyaan daangaan ishee hanga Hindii akka
gahu nibarreessuu ture. (International Standard Bible
Encyclopedia, Electronic Database Copyright © 1996 by Bible
Soft)
Akkuma kanatti bitaa ittita’uu irraa kan ka’e Itoophiyaa
(teenya) tan har’aa yommuu “Hindi” jedhanii waamanis ni
dubbifna. Lagni Abbaayaa akka Itoophiyaa har’aa irraa ka’u
ibsuudhaaf jaarraa dhibba tokkoffaa dhaloota Kiristoosiin dura
Diyoodorasiin Sisiilii “Lagni Abbaayaa kan ka’u Biyya Hindii
irraayi” jechuudhaan barreesseera. (Encyclopedia Aethiopica,
Volume 3, Page 146)
Macaafa Qulqulluu keessatti “Kuush” jedhamaa tan
waamamtee fi lugaa Giriikiitiin hiikkaa “Itoophiyaa” jedhu tan
argatte mootummaa Kuushii (Itoophiyaa) hayyooliin seenaa
yeroowwan sadihitti qoqqoodu. Isaanis kan Naapaataa
(woggaa addunyaa 751-542), kan Meeroy (woggaa addunyaa
542 hanga Dh.K.B 339/350) fi Garee Eksii (X-Group) fa’aadha.
( Frank M. Snowden, Blacks in Antiquity: Ethiopians in the
Greco-Roman Experience, Page 113)
Macaafni Qulqulluun Seera Uumamaa 10:6 irratti akka ibsetti
Kuush ilmaan Haam gidduu isa tokko ture. Innis dabaree
isaatiin ilmaan Saaba, Ewulaax, Sabtaa, Raa’imaa fi
Sabaqaataa jedhaman dhalfate. Ilmaan (sanyiiwwan) Kuushii
gara kutaa addunyaa adda addaatti kan bibbittinaayan
yommuu ta’u saboonni Kuushii akkanuma Suudaaniin
keessattis hawaasa guddaa ta’anii turan. Armaan olitti akka
tuqametti Gibxoonni Kuushiin naannawaa woggaa addunyaa
1520tti too’atanii jaarraawwan shaniin booda woggaa
addunyaa 1070tti Kuush bilisa baatee jirti. Kanaan booda hiddi mootummaa Kuushii hundeeffameera.

 (Morkot, Roger G. “On
the Priestly Origin of the Napatan Kings: the Adaptation,
Demise and Resurrection of Ideas in Writing Nubian History” in
O’connor, David and Andrew Reid, eds, Ancient Egypt in
African (Encounters with Ancient Egypt) (University College
London Institute of Archaeology Publication, Page 151)
Naannawa woggaa addunyaa 727tti hiddi mootummaa Kuushii
mooticha Piiyanin (Piye) hidda mootummaa Gibxii 25ffaa
weerare. Hanga woggaa addunyaa 653ttis Gibxiin bite. Iddoon
taa’umsi hidda mootummaa Gibxii isa 25ffaa kanaa Naapaataa
(Napata) Suudaan ture. Yeroo Piiya fi Tirhaaqitti hiddi
mootummaa kun sanqii (haraatii) guddinaa irra gahee ture.
Tirhaaq umrii isaa walakkaa Gibxiin bituun kan dabarse yoo
ta’u Asoraawiyoota wajjiinis walworaaneera. Woggaa
addunyaa 674tti Isaahardoon kan durfame woraana
weerartootaa kan Osoriyootaa injifateera. Ta’us woggoota
sadihiin booda injifatamee Gibxiin gad furee bahuuf
dirqamame.( Kendall, T.K. Napatan Temples; a case study
from Gebel Barkal. The mythological Nubian Origin of Egyption
Kingship and the formation of the Napatan state. 10th
International conference of Nubian Studies, 2002)
Kuush (lugaa Giriikiitiin Itoophiyaa) yeroo Gibxiin itti bitaa turte
kanneen dubbatan keeyyattoonni Macaafa Qulqulluu nijiru.
Fakkeenyaaf waa’ee Tirhaaq akkanatti tuqameera:
“Tiirhaaqaan mootiin Itoophiyaa isa loluudhaaf dhufaa akka jiru
Senaaheriib yommuu dhaga’e, Hisqiyaas mootii Yihudaatti
namoota ergee, …” (Moototaa Isa 2ffaa 19:9)
“Tiirhaaqaan mootiin Kuush isa loluudhaaf dhufaa akka jiru
Senaaheriib yommuu dhaga’e, Hisqiyaasitti namoota ergee,
…” (Isaayaas 37:9)
Macaafni Qulqulluun Macaafa Lakkoobsaa boqonnaa 12
lakkoofsa tokko irratti akka ibsutti Nabi Muusaan (Muuseen)
(nageenyi isa irratti haabu’uu) yeroo Gibxiin ittituretti haadha
warraa lammii Kuushii (Itoophiyittii) fuudheera. Taa’uumsi
hidda mootummaa Kuush Naapaataan woggaa addunyaa
300tti gara Meeroy jijjiirame. Insaaklopidiyaan Itiyoophikaa
jaldii 3ffaa fuula 936-937 irratti akka ibsetti Meeroy kan
argamtu magaalaa guddittii Suudaanii tan har’aa Kaartuumiin
irraa gara Kaabaatti kiloo meetra 180 fagaatteeti. Amma hojii irra kan jiru Saayinsiin Hawaasaa kan kutaa jahaa kitaabni
barataatis waa’eedhuma kanaa barreesseera.

Naapotaatti aantee magaalaa guddoo mootummaa Kuushii tan
turte Meeroy naanna’a Kaartumii har’aa akka turte akkanatti
ibsa:
“Woggaa addunyaa 666n booda mootummaan Kuushii
bulchiisa isaa gara Kibbaa babaldhisuu akka jalqabe beekuuf
danda’ameera. Magaalaan guddittiin mootummichaatis gara
qarqara dhiha laga Naayilii jijjiiramee ture. Magaalaan
guddoon tun Meeroy jedhamuun beekkamtii turte. Meeroyiin
yeroo sanii Kaartuumii ammaa irraa gara Kaabaatti fageenya
kiloo meetra 150 irratti argamaa turte. Kutaa bulchiinsa
haarawaan qaroominni Kuushii woggaa kuma tokkoon ol turuu
danda’eera. Qaroominnis qaroomina Meeroy jechuudhaan
beekkamaa ture.” (Saayinsii Hawaasaa Kitaaba Barataa, Kutaa
6ffaa, fuula 7)
Dhiibbaa Gibxii irraa kan ka’e Meerooyin keessatti
Piiraamidoonni lakkoofsi isaanii dhibba lamaa (200) ol ta’an
hojjetamaniiru. Piiraamidoonni kunniin akaakuu sadihitti
kanneen qoqqoodaman yommuu ta’an hayyooliin “Nubian
Pyramids” jechuudhaan waamu. Piiraamidonni kunniin
hammamtaan Piiraamiidottan Gibxii irraa adda jiru.

Ministeerri Barnoota Ifeedirii kan qopheesse kitaabni barataa
Piiraamidottan kan hojjetaman akka reeffi moototaa keessatti
boqachiisuudhaaf ta’e akkanatti ibsa:
“Suudaanii durii keessatti ummattonni Kuushii reeffa moototaa
boqachiisuuf akka isaaniif mijaa’uuf Piiraamidoota hojjetanii
turan. Piiraamidoonni kunniin Merooyiin keessatti
argamu.” (Saayinsii Hawaasaa Kitaaba Barataa, Kutaa 6ffaa,
fuula 7)
Teessoo mootummaa Kuushii tan turte Merooy mootittiiwwan
heddu qabaataa tan turte yoo ta’u hundinuu maqaa isaanii kan
waliitiin “Kindaakee” (Hindaakee) kan jedhuun waamamaa
turan. Kindaakeewwan (mootittiiwwan) Merooyiin keessa turan
gidduu woggaa addunyaa 345-332 tan mootomte Pelek irraa
kaasee akka Laahidimaanii kanneen turan gidduu eenyummaan
kudha tokkanii beekkamuuf danda’meera. Kanneen gidduu
Hojii Ergamtootaa boqonnaa saddeet lakkoofsa 27 irratti
waa’ee mootittii Kuushotaa (Itoophiyaanotaa) Kindaakee kan
himu odeeffannoon Arkiyooloojjii Suudaan Kaagaa keessatti
argameera. Intarnaashinaal Baayibil Istaandard Insaaklopidiyaa
fi Wikipidiyaan akka ibsanitti A.L.A 1834 Juseeppee Ferliniitiin
(Giuseppe Ferlini) qodaawwan adda addaa kan argaman yoo
ta’u faayonnis keessatti argamu. Yeroo ammaatti Muziyamii
(godambaa) Barlinii fi Muunik (Jarman) keessatti argamu.

A.L.A 1844tti Arkiyoolojjistaa fi qu’ataan Kaarl Richaard
Lipsiyasin (Karl Richard Lepsius) tiin suuraaleen adda addaatii
fi odeeffannoon durii hedduun argamaniiru.
Macaafni Qulqulluu Hojii Ergamtoota 8:27 irratti akkana jedha:
“Kunoo, namichi xu’aashiin tokko itti dhufe; namichi kun
qabeenya ‘Kandaakee’ mootittii warra Itoophiyaa hundumaa
irratti abboomaa ture; inni Waaqayyoof sagaduudhaaf
Yerusaalem dhaqee ture.”
Dhuunfaan Itoophiyaanichi kun Yerusaalemiin muuduuf akka
dhaqe eerameera. Ta’iin kun A.L.A bara 37 (soddomii torba)
kan raawwatame ture. Horofaan amantii Yahuudaa kan ta’e
dhuunfaan Kuushii kun kadhannaadhaaf gara Yerusaalem
adeemee achitti yeroo hordofaa Yesusiitiin aagamu hiddi
mootummaa Aksuumii reefuu Kiristinnaa fudhatuudhaaf
woggoonni dhibba sadih (300) ishee hafaa ture. Yommuu
sanitti amantiin Yahuudaatis Aksuumiin keessa hin turre.
Aksuumoonni waaqeffattoota waaqayyoolii turan. Isuma kana
matuma isaanii hooggantoota Aksuumootaatiin kanneen
barreeffaman barruuleen dhagaa irraa hedduuwwan ni
mirkaneessu. Hojii Ergamtootaa 8:27 irratti tan eeramte
Hindaakeen (Kandaakeen) akka mootittii Meeroyii taate
hayyooliin hedduuwwan ibsaniiru. Macaafni Qulqulluun reefuu
barreeffamee osoo hin raabsamin dura A.L.A bara 79
(torbaatamii sagal) kan du’e Piliniin (Pliny) Kindaakee tan
jedhamte akka mootittii Meerowee Suudaanii turte
barreesseera. (The Dictionary of Ethiopian Biography, from
early times to the end of Zagwe Dynasty, c.1270 AD., Institute
of Ethiopian Studies, Addis Ababa University, 1975, Volume
One, Page 43)
Mootummaa Kuushii (Itoophiyaa) booda tureetiin Itoophiyaa
Kaabaa har’aatti (Tigraay) keessatti dhaloota Kiristoosiin
duratti jaarraa dhibbaa 8-7ffaatti mootummaan Da’amaat
hundeeffamee ture. Magaalaan guddoon isaa Yahaa akka ta’e
amanama. Ta’us dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa shanaffaa
keessatti kufeera. 

Gara mandaroota (naannoolee) adda
qoqqoodamanii xixinnaaleetis jijjiirameera. Amma hojii irra kan
jiru kitaabni seenaa kan kutaa saglaffaa waa’ee mootummaa
Da’amaat akkana jechuudhaan ibsa:
“Mootummaan Da’amaat ka’uumsa Aksuumiitiin xiqqoo ishii
dursee kan ture yoo ta’u giddu-galli ishee magaala Aksuum
irraa gara Kibbaatiin dhiheenya irra ture. Waa’ee mootummaa
kanaa odeeffannoon kan argame maddeen Arkiyoolojjii
naannichaa irraa ture. Hooggantoonni Da’amaat tokko tokko
aankii siyaasaa fi amantii Arabiyaa Kibbaa kan ta’e “Mukaarib”
kan jedhame ittifayyadamaa turan. Kunis Da’amaat Arabiyaa
Kibbaa wajjiin hariiroo alaa hundeeffattee akka turte muldhisa.
Kana kan nu hubachiisu hooggantoota Da’amaat keessaa
tokko dhaloota Kiristoosiitiin dura jaarraa shanaffaa keessa
kan lafa kaaye barruulee dhagaa irraatiin (inscriptions)
yommuu ta’u Da’amaatis qarqara Galaana Diimaa irratti
Malkee (Buufata Galaanaa) Anduliis fayyadamaa
turte.” ( Ministry of Education, History Student Textbook,
Grade 9, 2005, Mega Publishing Enterprise, Addis Ababa, p.
15)
Baay’es osoo hin turin gara naannichaatti dhaloota Kiristoosiin
dura jaarraa 4ffaa-5ffaa biyya Yaman irraa baqattoonni
Arabiyaa Kibbaa (Saabaanota) dhufan. Naannicha irratti
qubatanii jiraachuu eegalan. Akka ilaalcha hayyoolii gariitti
mootummaan Aksuum dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa
tokkoffaa keessatti godaantoota Saabaanootaatiin
hundeeffamte. Hayyooliin biroo garuu Aksuum akka sufama
hidda mootummaa Da’amaat taate amanu. ( Stuart Munro-
Hay, Aksum: An African Civilization of Late Antiquity, p. 57)
Arabiyaa Kibbaa (Yaman) irraa kanneen dhufan baqattoonni
Saabaanotaa biyya isaaniitti waaqeffatamaa kanneen turan
amantiiwwan waaqeffannaa waaqayyoolii qabatanii kanneen
dhufan yoo ta’u waaqayyooliin (taabotonni) Astaar
(Afroodaayt), Veenas (kan Giriikotaa), Waaqayyoo addeessaa
fi Waaqayyoo aduu kanneen jedhaman waaqayyooliin keessatti
argamu. Aksuumoonni waaqeffattoota taabotaa yoo ta’an
isuma kana kanneen mirkaneessan ragaaleen Arkiyoolojjii
hedduun argamaniiru. Fakkeenyaaf Yahaatti dhaloota
Kiristoosiin dura jaarraa dhibba shanaffaatti akka hojjetame
kan tilmaamamu Al-Muqaan keessatti argama. (The Church of
Ethiopia, A Panoroma of History and Spiritual, Ethiopian
Orthodox Church, Addis Ababa, 1970, pp. 1-2)
Dhaloota Kiristoosiitiin booda jaarraa jalqabaa irratti
moggaasni “Aksuum” jedhu eegalame. A.L.A jaarraa dhibba
tokkoffaatti kan barreeffame “Periplus of the Erythraean Sea”
keessatti Aksuum tuqamtee jirti. Barreeffama kana irratti
hoogganaan Aksuum Zoskaalis jedhame akka Malkee
Anduliisii bulchu tuqeera. Dhuunfaan “Zoskaalis” jedhamu kun
akka hoogganaa Aksuumii kan jalqabaa ta’e kan amanamu
yommuu ta’u mootomiinsi isaa A.L.A naanna’a 100tti ture.

(Stuart Munro-Hay, Aksum: An African Civilization of Late
Antiquity, p. 57)
Dhaloota Kiristoosiin booda jaarraa dhibba 2ffaatti Aksuum
akka qubsama mootummaa Aksuumootaa taate Toleemiin
barreesseera. (Encyclopedia Aethiopica, Volume One, page
186)
Aksuumii fi Yaman hariiroo seena-qabeessa kanneen qaban
yoo ta’an akka ibsa Insaaykilopidiyaa Itiyoopikaatti Yamaniin
keessatti bakkeewwan Jabal Hubuushii fi Waadii Hubuush
jedhaman ni argamu. Kunis walitti dhufeenya Aksuumti fi
Yamanii godhamee fudhatameera. (Encyclopedia Aethiopica,
Volume One, Page 59)
A.L.A bara 200tti Aksuum kutaa bulchiinsa ishee
babaldhifachuuf yaaduun jecha gara Arabiyaa Kibbaatti
(Yaman) Al-Ma’aafiriin humna ishee galchite. Erga gosoota
Saabaatii fi Himayar wajjiin tokkummaa uumteen booda
dabaree dabareen lamaanuu haleelte. Naannichas
gabbarchiisuu dandeette. Mootiiwwan Aksuumii “Gadarata” fi
“Azbaah” jalqaba jaarraa sadaffaa irratti (A.L.A 210tti) gara
Yamanii woraana isaanii akka duulichasan ragaaleen
Arkiiyoolojjii Yamanitti argaman mirkaneessaniiru. Yamanitti
kan argame barreeffamni dhagaa irraa “Mootichi Gadarat
Nagaashii Aksuumii fi Habashaa” jechuudhaan isa waama.
Barreeffama kana irraa akka ilaalutti Aksuumii fi Habashaan
lameenuu adda addaa ta’anii ibsamaniiru.
 
Haaluma walfakkaataa ta’een barreeffamni dhagaa irraa inni Tigiraayitti
argames “Gadara Nigusa Aksuum” jechuudhaan isa waama.
(Encyclopedia Aethiopica, Volume One, Page 174)
Aksuum kutaa bulchiisaa biyya Yamanii keessatti bulchitu
yommuu argattuu fi Malkeen Aduliis wiirtuu daldalaa oo’ituu
yommuu ta’uu eegaltutti naannicha irratti jajjabinni itti
dhageessisaa adeemte. A.L.A yeroo 260-269 jiru keessatti
hoogganaan Aksuum gara Suudaan fulla’uudhaan mootummaa
Kuushii (Itoophiyaa) magaalaa guddoo Meeroyin rukute.
Gabbarsiisus danda’e. Isheen duriin irraa jalqabee hidda
mootummaa “Kuush/Itoophiyaa” jedhamee waamamaa tureef
magaala guddoo tan turte Meeroy Aksuumiin jalatti kufte.
( Encyclopedia Aethiopica, Volume Three, Page 459)
Bulchaan Aksuum Kuushiin dabalatee (Kaasuu jedhamteetis ni
waamamaa turtee) gosoota biroowwanis gabbarsiisuu danda’eera.

 Gara biyya isaa Aksuum deebi’ee dhiheenya
Aduliisitti teessoo (barcumaa) aangoo dhagaa irraa hojjetame
irratti injifannoo isaa barreesseera. Aduliisitti taabota Ariis
jedhamuuf aarsaa godhe. Barreeffamichis akkana jedha:
“Gosoota kanneen hundaa gabbarsiisuudhaan ani bulchaa
biyya kootii isa jalqabaatii fi tokkicha qofaati. Kunis kan ta’eef
kan na dhalfate Gabbaramaan koo Araariis (taabota
Aksuumoonni waaqeffataa turan) tola naaf ooleen. Saboota
biyya koo wajjiin waldaangeffatan hundumaa gama isaatiin
(Ariisiitiin) baha irraa hanga biyya Qimam, dhiha irraa hanga
bakkeewwan Itoophiyaa fi Saasuu kutaa bulchiinsa koo jala
isaan oolfadhe. Bakka tokko tokko anumti duule. Kan biroo
irratti (adda-duroota woraana) kootii erge.” ( G.W.B.
Huntingford, the Historical Geography of Ethiopia from the
First Century A.D to 1704, page 43)
Mootichi Aksuum barreeffama armaan olitti tuqne “Kana kan
godhe zamana aangoo kootii 27ffaa irrattiidha” jechuudhaan
goolaba. Haasawa bulchaa Aksuumii isa armaan olitti tuqne
kana keessatti mootichi “Naannoolee Itoophiyaa” akka too’ate
eerameera. Naannoo kana kan too’ate Aksuumitti mootomee
woggaa 27ffaa irratti ta’uusaatiin inni tanaan dura bulchaa tan
ture biyya Itoophiyaa hin turre jechuudha. Kun immoo
Itoophiyaa jedhamaa kan jiru Aksuumiin tan dabalattu
Itoophiyaa teenya akka hin ta’in innummaan haasofni bulchaa
Aksuum ragaa biroo nuuf ta’a. Hayyooliin mootiin kun “Afiilaas
kan jedhame bulchaa Aksuumiiti” amantii jedhu kan qaban
yommuu ta’u A.L.A bara 527tti Aksuumiin kan daawwate
Manakuseen Gibxii Kosmas barreeffamicha kitaaba isaa
“Christian Topography of Cosmes” jedhame keessatti lafa
kaayeera.
A.L.A bara 330tti Mootichi Izaanaa Elaamiidaan hanga yeroo
amantii Kiristaanummaa itti fudhateetti bulchaa Aksuum
kamiinuu wajjiin walqabatee jechi “Itoophiyaa” jedhu hin
tuqamne. Mootichi Izaanaan matumti isaa barruulee
barreessise keessatti waaqeffataa taabotaa jedhaatii fi erga
Kiristaanummaa fudhateen boodas yoo ta’e mataa isaa “Ani
bulchaa Itoophiyaati” jechuudhaan Itoophiyaa har’aa hin ibsine.
Fakkeenyaaf Atsee Izaanaan osoo Kiristaanummaa hin
fudhatiniin yeroo turetti barruulee dhagaa irratti barreessise
yommuu ilaallu mataa isaa kan ibsu bulchaa naannoolee adda
addaa (mootii moototaa) godhee yoo ibsu kanneen keessaa
Aksuum, Habashaa fi Kuushiin (Kaasuu) biyyoota adda addaa
godheetiin. Akkana jechuunis ibsa:
“Izaanaan mooticha Aksuum, kan Himayar (biyya Yaman), kan
Saabaa (biyya Yaman), kan Habashaa (biyya Yaman), kan
Raaydaan (biyya Yaman), kan Saalhaan (biyya Yaman), kan
Beejaa (biyya Eritiraa), kan Kaasuu (Kuush-Suudaan) fi kan
Seymoo (Tigiraay-Indartaa), mooticha moototaa, kan hin
injifatamne ilma (taabota) Mahareem. Namoonni Beejaa
(Badawwiin) ni fincilan. Isaan woraanuudhaaf obboleewwan
teenya Sizaanaa fi Hadafaa jaratti ergine.” (Historical
Geography of Ethiopia, page 48)
Izaanaan gara aangoo osoo hin dhufiniin duratti yeroo 260-269
jiru keessatti Kuush (Kaasuun) Aksuumiif gabbartuu ta’uu ishee
armaan olitti tuqneerra. 


Ta’us Izaanaan baay’innaan mataa
isaa yommuu waamu kan ilaallu bulchiinsota isaa biroowwan
dabalatee mootii “Kaasuu/Kuush” jechuudhaan. Armaan olitti
kan eerre barreeffama isaa lugaa Gi’iiziitiin barreeffameen
Izaanaan duula namoota Beejaa irratti adeemsise yommuu
nuuf seenessu mataa isaa bulchaa naannoolee adda addaa
godhee yoo ibsu kanneen keessaayis isheen takka “Habashaa”
akka taate barreessiseera. Duuluma kana ilaalchisee lugaa
Saabaa Yamanoota duriitiin barreeffama dhagaa irraa
Epigraafik Saawuz Arabiyaatiin (Epigraphic South Arabian)
barreessiseenis mataa isaa bulchaa naannoolee adda addaa
godhee ibsa. Mootichi Izaanaan isuma duula isaa kan Beejaa
kanuma lugaa Giriikitiin (DAE4) /DAE=Deutsche Aksum
Expedition/ kan barreessise yoo ta’u qabiyyeen isaa
kanwaliigalaa tokko ta’ee maqaan “Habashaa” jedhu yeroo
jalqabaatiif hiikkaa “Itoophiyaa” jedhuun bakka buufameera.
(Huntingford, the Historical Geography of Ethiopia, pp 48-49)
Atsee Izaanaan barreeffama isaa kanaan bulchiinsota isaa
kanneen bulchu keessaa Aksuumii fi Habashaan (Barreeffama
Giriikiitiin Itoophiyaa jedhamee kan hiikkame) kan tuqaman
tokko osoo hin taane bulchiinsoota adda addaa ta’aniiti. Kunis
Aksuum bulchiinsa “Habashaa/Itoophiyaa” jedhamee kan
tuqameen alatti tan taate ta’uusaa nu hubachiisa. Kunis
“Itoophiyaa” jedhamee barreeffamicha irratti ibsaa kan jiru
Aksuumiin tan ofkeessatti dabalatte Itoophiyaa teenya akka
hin ta’in agarsiisa birooti.
Atsee Izaanaan waaqeffannaa isaa kan taabotaa dhiisee erga
Kiristaana ta’een booda A.L.A bara 356tti finciltoota
haleeluudhaaf gara Suudaan duulee Kuushiin (Kaasuu) irratti
hubaatii raawwateera. “Christian Inscriptions” jedhamuun kan
beekkamu barreeffama dhagaa irraatiin Izaanaan matumti isaa
Waaqayyoo samii (Igza Samaay) fi Waaqayyoo Dachii (Igzi’a
Biheer) jechuudhaan maqaa Gabbaramaa isaa gabbaruutuun
akka injifannoo gonfatu ibsa. 

Ergamtoota Izaanaa irratti gidiraa
dalaguu fi sababa finciluu isaaniitiin gara Nubiyaa (Kuush) akka
duules ni dubbata. “Nubiyaanonni yommuu fincilanitti gooftaa
hundaa kan ta’e humna Noobaa irratti woraana adeemsise”
jechuudhaan ibsa. Izaanaan Meeroyin keessa tan jirtu Axbaara
irratti yommuu jara dhaqqabu finciltoonni nidheessanu.
Guyyoota 23f jara ari’aa haleele. Ummatichas ciccire. Jabala
(Bidiruu) isaanii jalaa liqifamsiise. Izaanaan afaanuma isaatiin
“Magaalaa isaanii tan dhagaan hojjetamte gube” jechuudhaan
barreesseera. (Historical Geography of Ethiopia, pp 55-56)
Biyya Suudaan (Meeroyi)tti kanneen argaman ragaaleen
Arkiyoolojjii Izaanaan garas duuluu isaa mirkaneessaniiru.
Insaaklopidiyaa Itoophikaan (Insaaklopidiyaan kun
Yunivarsitiiwwan addunyaa teenyaa adda addaatiin waa’ee
Itoophiyaa kanneen qu’annoo godhaniin piroofesaroota 250
oliin kan qophaa’eedha.) jildii 3ffaa fuula 939 irratti akka lafa
kaayetti Meeroyitti kanneen argaman barreeffamonni dhagaa
irraa lamaa fi saantimaa bulchaan Aksuum Izaanaan erga
Kiristaanummaa fudhateen booda Meeroyin haleeluu isaa
mirkaneeffateera. Ragaan kun kan argame naanna’a
Piiraamidii Meeroyitti yoo ta’u kanneen lugaa Gi’iiziitiin
barreeffamanii fi “Mootii Aksuumii fi Himayar” kan jedhuun
kanneen lugaa Giriikitiin barreeffamaniidha. A.L.A bara 260-269
irraa eegalee hooggantoonni Aksuum gara
“Suudaan” (moggaasni kun jecha afaan Arabiffaa gurraacha
jedhuu irraa kan dhufeedha) duuluudhaan Kuushiin (Nubiyaa)
haleelus, akkasumas bara 356tti Izaanaan haleellaa olaanaa
irratti raawwatus Meeroy (Kuush) bifa guutumaan guututti
irradeebitee hin kaaneen kan haleelamte jaarraa dhibba 5ffaa
hoogganticha Aksuum Taazaana ta’uusaatiif ragaan
argameera. (John Garstan A. Hsayce and F.LL. Griffith, Meroe
the city of the Ethiopians, being an account of a first season’s
excavations on the site, 1909-1910, Oxford at the Claredon
Press, 1911, page 3)
Ministeerri Barumsaa kan qopheesse kan kutaa 6ffaa kitaabni
barataa Saayinsii Hawaasaa waa’ee kufiinsa magaalaa guddittii
mootummaa Meeroy akkanatti ibsa:
“Jaarraa lammaffaa irraa eegalee qaroominni Meeroy
dadhabsiifameera. Yaratiinsa qaroomina Meeroyitiif sababni
hangaftichi ka’uumsa mootummaa Aksuumii ture. Walakkaa
jaarraa 4ffaa irratti Aksuum Meeroyin weerartee magaalattis
gubuudhaan diigdee jirti. Weerara kanarraa kan ka’es
mootummaan Kuushii kan durii kufuuf danda’eera.” (Saayinsii
Hawaasaa kitaaba barataa, kutaa 6ffaa, fuula 7)
Seenaa leellifamaa tan qabaataa turte Kuush (Itoophiyaan)
hooggantoota Aksuumootaatiin hubaatii irradeddebi’uun irra
gahee fi sababa cirama bosonaa sirna lafaatiin uumameen
balaa irratti kufte. Kufaatii isheetiif akka sababa dabalataatti
kanneen tuqaman gidduu daldalli Roomaa Meeroy irraa gara
Malkee Anduliis jijjiiramuu isaatii fi gara naannichaa
baqachuun Beejaanootaa giddutti argama. (Encyclopedia
Aethiopicas, Vol. 3, page 459 and page 937)
Mootummaan Kuush (Itoophiyaan) booddeen ishee bifa
armaan olitti ilaalleen erga goolabameen booda lugaa
Giriikiitiin moggaasa “Fuulli jaraa aduudhaan kanneen
gurraachate (Itoophiyaa)” jedhu namoonni biyya alaa
mootummaa Aksuumiitiif kennuu eegalan. Kanaaf akka sababa
dabalataatti tuqamuu kan danda’u Meeroy (magaalaan
guddittiin Kuush) harka Aksuumootaa keessatti kufuu isheetii
fi hanga zamana mootummaa Atsee Kaalebitti (Dhaloota
Kiristoosiitiin booda jaarraa 6ffaa keessa) waa’ee bulchaa
naannichaa turaniif ta’uu nidanda’a. Jaarraa 6ffaa keessa
hoogganaa Aksuum kan turan Atseen Kaaleb waa’ee injifannoo
isaanii lugaa Gi’iizitiin kan barreessisan barreeffama dhagaa
irratti akka ibsanitti biyya Yamanii, Kaasuu, Nuubaan dabalatee
akka bitan ibsanii mataa ofii hoogganaa Aksuumootaa
(dabalatee) taasisanii ibsu. Jaarraa dhibba 6ffaa kana
keessatti Atseen Kaaleb matumti isaaniituu “Hoogganaa
Itoophiyaa” jedhanii of hin ibsine. (Historical Geography of
Ethiopia, pp 63-65)
Haata’u malee, Atseen Kaaleb gara Yaman Najraa duuluuf
yommuu qophaa’an A.L.A bara 520ttan gara Aksuum kan
dhufe Gibxitti Gadaamii Sinaa Qulqullittii (St. Catherine’s
Monastery) keessatti Manakusee kan ture Kosmas kitaaba isaa
“The Christian Topography of Cosmes” jedhame irratti waa’ee
Aksuum barreesseera. Kitaabicha isaa kana irratti “Qarqara
Itoophiyaa irraa maayilii lama tan fagaattu (magaalaa) Aduliis”
jechuudhaan ishee waameera. (Kosmas 550tti kitaaba isaa
kan barreesse erga Kuushiin guutumaan guututti barbadooftee
fi bibittinnoofteen booda ture.) yeroo jalqabaatiifis namoota
biyya alaatiin moggaasni “Itoophiyaa” jedhu Aksuumootaaf
kenname. Aduliis Malkee Aksuumoota akka turtes ni ibsa.(The
Christian Topography o Cosmas, an Egyptian Monk, Printed for
Hakluyt Society, London, pp 55-56)
Inumaayyuu woraanni Atsee Kaaleb gara Yaman Najraa
yommuu duuluu dhaabbatee kan arge Kosmas Aksuumiin
“Itoophiyaa” jedhee ishee waamus Atsee Kaalebin dabalatee
hooggantoota Aksuumootaa gidduu mootiin kamuu mataa isaa
“Itoophiyicha” biyya isaatis “Itoophiyaa” jedhee hin waamne.
Hanga kufiinsa mootummaa Aksuumitti kana kan muldhisu
ragaan yeroo sanirraa hanga ammaatti hin jiru. Atsee Kaalebin
dabalatee barreeffama Atsee Izaanaa irratti “Itoophiyaa” fi
“Aksuum” kan ibsaman kanneen adda addaa ta’aniiti.
Barreeffama Atsee Izaanaa irratti jecha “Itoophiyaa”
jedhuuyyuu kan argannu Giriikiin kan barreessisan (DAE4)
irratti ta’uusaa armaan olitti qaabachiisuun keenya ni
yaadatama. Walitti qabuuf hanga yeroo mootummaan
Aksuumootaa itti geeffameetti barreeffama yeroo sanitti
barraaye irratti hoogganaan Aksuumii kamuu mataa isaa
“Itoophiyaanicha” akka ta’e, akkasumas biyyi inni bulchus
“Itoophiyaa” akka jedhamtu ragaan ittiin ibse hin jiru.

Insaaykilopidiyaan Itiyoophikaa akka ibsetti biyya teenya
“Itoophiyaa” jechuudhaan ishee waamuu kanneen jalqaban
hayyoolii jaarraa 13ffaa turan.( Encyclopedia Aethiopica, Vol.
2, page 397)
Hanga ammaatti jechoonni “Itoophiyaa/Itiyoophiyaanoota”
moggaasota “Kuush/Kuushota” jedhan bakkabu’anii Macaafa
Qulqulluu Giriikii keessa akka galan ilaalleerra. Asirratti Kuushii
fi Kuushota kanneen jedhaman matama isaanii Aksuum/
Aksuumota yoo ta’an hoo? gaafiin jedhu ka’uu ni danda’a.
Ta’uusaatiinis qabxicha kallattii kanaanis ilaaluun ni mala.
Zamana mootummaa Aksuumis ta’ee booddee irratti mataa
isaa “Salamoonaawwii” jechuudhaan kan ka’e hiddi
mootummaa hooggantootaati fi lammiileen bittootaa
(ummataa) lugaa isaanii irratti qu’annaawwan godhameen
ragaalee amansiisaniin akka mirkaneeffametti Kuushota hin
turre. Sababni isaatis hooggantoota bulchiinsichaatiifi
ummaticha yeroo san irraa hanga ammaatti ummattoota
naannicha irra turanii fi argaman yommuu ilaallu dubbattoota
lugaa Gi’iizii kanneen turan dubbattoota lugaa Ag’aziyaan,
Tigiriffaa, Tigiree fi Amaariffaati. 

Isaan kunneen immoo hundinuu kan ramadaman maatii lugaa Kuushii keessatti osoo
hin taane Seemiin irraayi (Sematiikii) dha. (Lugaaleen
Itoophiyaa maatii lugaa Seemii keessatti ramadaman
Amhaaraa, Argoobbaa, Guraagee, Hararii, Silxee, Tigiriffa,
Gaafaat, Gi’iiz, Zaay, kkf dha.)
Hiddi mootummaa Salamoonaawwii mataa isaa akka
dhiheessetti mootittii Saabaa fi mooticha Salamoon (saba
Yahuudaa) irraa bu’aatii fi daddarbaa akka dhufe osoma
ta’eeyyuu Seemaatikii (Seemawa) malee Kuushawa ta’uu hin
danda’an. Sababni isaatis sabni Yahuudaa (Nagada
Yahuudaan) armaan olitti kanneen tuqneen dabalatatti damee
Seemii isaan Arabiffaa fi kanneen birootis dabalatu
keessattiidha. Itoophiyaa keessatti maatii Kuushii kanneen
ta’in gidduu hangaftoonni Oromoo, Sumaalee, Agawoo,
Sidaamaa, Affaar ni eeramu. Sabaa fi sablammooliin kunneen
immoo naannoo fi waytii “Kuushii” Macaafa Qulqulluu jedhee
tuqutti Itoophiyaa har’aa ykn immoo hidda mootummaa
Kuushii hoogganaa akka turan kan muldhisu ragaan wayiituu
hin argamne.

Itoophiyaan/Kuushiin Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa har’aati
kan bakka bu’u osoma jedhameeyyuu ummattootaa fi
bulchiisota Itoophiyaa Kaabaa isaannan Seemii ta’anii mannaa
Oromoota, Sumaalootaa fi Affaaroota, kkf dha. Ta’uusaatiinis
kallattii qabxii kanaatiinis Itoophiyaa Macaafa Qulqulluu teenya
irraa adda tan taate ta’uusaa ni hubanna. (Lugaalee Itoophiyaa
isaannan maatii lugaa Kuushii keessatti ramadaman kanneen
armaan gadii gidduttu argamu: Affaar, Agawoo, Oromoo,
Alaabaa, Sumaalee, Sidaamaa, Konsoo, Hadiyyaa, Kambaataa,
Geediyoo, Burjii, Daraashee, Daasanach, Arbooree, Buusaa,
Iroob, Gawaadaa fi Tsemaayiidha. (History Student Textbook,
Grade 9, Mega Publishing Enterprise, Addis Ababa, 2005, page
19-20)
Gabaabumatti hanga ammaatti akka addeessinetti
“Itoophiyaan” Macaafa Qulqulluun tuqamte ykn moggaasaa
ishe kan Ibraaysixiitiin “Kuush” Itoophiyaa har’aa wajjiin
kanneen adda addaati.

“Itoophiyaa/Kuushii” Macaafa
Qulqulluu keessaa wanta biyya teenya jaalatamtuu har’aa
wajjiin walitti fidu hin jiru. Haata’u malee, dhimma moggaasaa
tasa uumame irratti hundaa’uudhaan barreessitoonni
Kiristaanaa seenaa barreessan tokko tokko Itoophiyaa har’aa
Itoophiyaa Macaaficha Qulqulluu wajjiin tokko godhuudhaan
duriirraa eegalee “Biyya Kiristaanaa” jechuudhaan seenaa
babbareechifachuu eegalan. Sanaaf immoo Kibra Nagast
(Kabajaan Moototaa) shoora olaanaa baheera. Tokko tokko
Hojii Ergamtootaa boqonnaa saddeet lakkoofsa digdamii torba
irratti “Nama Itoophiyaa” kan jedhame tuquudhaan
Kiristaanummaan gara Itoophiyaa har’aatti kan seene zamana
Ergamtootaa keessa akka ta’e godhanii barreessuu jalqaban.
Kanarraa ka’uunis “Itoophiyaan Kakuu Haaraa kessattis
tuqamtee jirti” kan jedhu goohessan. Piroofesar Edwaard
Ilundorf kitaaba isaanii “Itoophiyaa fi Macaafa Qulqulluu” jedhu
keessatti Hojii Ergamtootaa 8:27 irratti hundaa’uudhaan
yommuu ibsan:

“Hojii Ergamtootaa 8:27 irratti ‘Nama Itoophiyaa’ michuu
Kindaakee kan jedhame tajaajilaa Meeroy Kindaakeeti. Ta’us
Itoophiyaanoonni (teenyiin) duriirraa eegalanii ta’ii kana mataa
ofiitiif godhanii Kindaakee mootittii Saabaa wajjiin takka
taasisan. Dhugumatti Kindaakee Kakuu Moofaatii fi mootittii
Kibbaa gidduu hariiroon homaatuu hin jiru. Haata’u malee,
Kibra Nagast (Kabajaan Moototaa) namoota yeroo adda addaa
turan lamaan tokko taasise.” 

(Edward Ullendorf, Ethiopia and
the Bible, Oxford University Press, 1968, page 9-10)
Kunis seenaa Itoophiyaa kan ofduubaa tarkaanfii Macaafa
Qulqullaawaa (Kiristaanummaa) godhuufii akka ture Piroofesar
Edwaard Ullendorf akkanatti ibsu:
“Mootittii Saabaa fi Kindaakee tokko godhuun jaraa seenaa
Itoophiyaa (har’aa) kan ofduubaa tarkaanfii Kiristaanummaa
godhuu isa murteessaadha.” (Ethiopia and the Bible, page 10)
Gabaabumatti kan godhame Itoophiyaadhuma teenya tan
Macaafa Qulqulluu wajjiin tokko godhuudhaan gara goolabbii
“Itoophiyaan iddoolii Kiristaanaati” jedhuu gafuuf ture.
Dhugaadhaa, Itoophiyaa Kaabaa kan naannesse
mootummaalee Kiristaanawaa hundeessuun isaanii dhugaa
seena-qabeessaadha. Kan nama dinqisiisu “Itoophiyaan harka
ishee gara Waaqayyoo hiixatti” (Faarfannaa 68:31) kan jedhu
irradeddebi’amee akka dhaadannootti akka baratamu yommuu
godhamu keeyyattoonni waa’ee Itoophiyaa eeran kanneen
biroo dagatamaniiru. Tooftaan hordofan gaarii gaarii kan ta’e
keessaa luqqifataa seenaa wajjiin walitti hidhuudha wanta
ta’eef Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee Itoophiyaa
keeyyattoota cinaa alta’aawaatiin tuqaman eenyus jara hin
kaasu. Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun akkana jedha:
“Yommus warra Itoophiyaa abdachaa turanii fi warri Gibxiin of
jajaa turan, in sodaatu in qaana’us.” (Isaayaas 20:5)
Akkasumas:- “Biyya Gibxii irratti billaan in dhufa, biyya
Itoophiyaa irras naasuun in bu’a.” (Hizqi’el 30:4)
Keeyyattoota jedhan kanniin lallabaan kamuu kaasee yommuu
irraa dubbatu hin caqafamu. Hanga ammaatti akka
addeessinetti jecha Macaafa Qulqulluu (Kakuu Moofaa)
“Kuush” jedhu “Itoophiyaa” jechuudhaan dhaloota
Kiristoosiitiin duratti waraabbiin Septuwaanjant hiike. Erga
maashiniin maxxansaa oomishameen booda ajaja mooticha
Jaamisiitiin kan qophaa’e, beekamtii fi fudhatama sadarkaa
duniyaaleessaa kan qabu Macaafa Qulqulluu Ingiliffaa irratti
“Kuush” kan jedhu guutumaan guututti hafee Itoophiyaan
bakkabuufamee dhihaate.

 Macaafni Qulqulluun kun A.L.A
1611tti addunyaa irratti yommuu raabsamu addunyaa
Kiristaanaatiif goolabbii “Itoophiyaan tan Macaafa Qulqulluuti”
jedhu uumeefii argame. Garuu Ji’ogiraafiin addunyaa,
iddoowwan Seena-qabeeyyiin Macaafa Qulqulluutii fi
beekumsi saayinsii walumaagalatti yommuu dagaagu
gaafiiwwan ka’uu jalqaban. Dogoggorichi maalirraa akka ta’e
ni beekkame. Hayyooliin hedduuwwan ragaa amansiisaa irraa
ka’uudhaan Macaafa Qulqulluu irratti biyyi “Kuush” malee tan
“Itoophiyaa” jedhamtu akka hin jirre goolabbii irra gahan.
Addunyaa irratti beekkamoolii kannneen ta’an hayyoota
Macaafa Qulqulluutiin sirreeffamee A.L.A bara 1978tti kan
maxxanfame Macaafni Qulqulluun “New International Version
(NIV” dogoggara moggaasaa uumamee ture sirreesseera.
Macaafichi Qulqulluun kun (Warabbii sadarkaa addunyaa
haara) moggaasa “Itoophiyaa” jedhu baasuudhaan gara jecha
Ibraaysixii kan durii “Kuush” deebiseera. Macaafa Qulqulluu
kana keessatti jechi “Itoophiyaa” jedhu altokkos hin tuqamne.

“Kuush” kan jedhu garuu yeroo digdamii torba keessatti
tuqameera. Fakkeenyaaf iddoo Faarfannaa 68:31 “Itoophiyaan
harka ishee gara Waaqayyoo hiixatti” jedhutti “Cush will
submit herself to God” (Psalm 68”31) ykn “Kuush mataa ishee
Waaqayyoof of bichisifti” (Faarfannaa 68:31) jechuudhaan
Kuush kan jedhu akkuma jiruun lafa kaayeera.
Macaafni Qulqulluun Ingiliffaa “Hoolii Baaybil Guud Niwus
Edishin” jedhames tarkaanfiidhuma walfakkaataa fudhateera.
Kana qofa osoo hin ta’in dachii Macaafni Qulqulluun “Kuush”
jechuudhaan waamu Ji’ograafii addunyaa har’aa irratti
(bulchiinsa ishee kan duraatiin) wanta hin jirreef dubbisaa
Macaafa Qulqulluu har’aatiif ifa akka ta’uuf (Kuushiin duraanii
bulchiinsa Suudaanii har’aa keessa wanta turteef) bakka-bu’aa
jecha “Kuush” “Suudaan” kan jedhu bakka buufameera.

Fakkeenyaaf bakka Faarfannaa 68:31 irratti “Itoophiyaan harka
ishee gara Waaqayyoo hiixatti” jedhu irratti “Hoolii Baaybil
Niwus Edishin” osoo ilaallee “The Sudanese will raise their
hands in prayer to God” (Holy Bible Good News Edition. 1992,
Psalms 68:31)
“Suudaanoonni kadhannaan harka isaanii gara Waaqayyoo
hiixatu” jechuudhaan ture kan lafa kaaye. “Za Niwu Ingilizyi
Baaybil” immoo jecha Ibraayisxii “Kuush” jedhu “Nubiyaa”
jechuudhaan hiikeera. Fakkeenyaaf “Itoophiyaan harka ishee
gara Waaqayyoo hiixatti” kan jedhu “Nubiyaan harka ishee
gara Waaqayyoo hiixatti” (Let Nubia stretch out her hands to
God) (The New English Bible, 1970, Psalms 68:31)
jechuudhaan hiikeera. Hiikkaan Macaafa Qulqulluu kan
Arabiffaa immoo jecha Ibraayisxii “Kuush” jedhu akkuma jiruun
lafa kaayeera. Fakkeenyaaf keeyyata Faarfannaa Daawit
“Itoophiyaan harka ishee gara Waaqayyoo hiixatti” irratti
“Kuush harka Isheetiin gara Allaaha hiixatti” jechuudhaan
hiikeera. Akkana jechuunis lafa kaayeera:
" ﻛﻮﺵ ﺗﺴﺮﻉ ﺑﻴﺪﻳﻬﺎ ﺍﻟﻰ ﺍﻟﻠﻪ ." ‏( ﺍﻟﻜﺘﺎﺏ ﺍﻟﻤﻘﺪﺱ: ﻣﺰﻣﺮ 68:31 )
Hanga ammaatti baldhinnaan akka ilaalletti dhimmichi kana
fakkaata. Qabxiiwwan barreeffama kanaan qaqqabaman
baay’eewwan isaanii kanneen hayyoolii giddutti yayyaa’an
ta’anis ummata baldhaaf garuu hanga ammaatti akka hin
dhihaanne godhamee tureera.

Kaayyoon mata-duree kootii “Itoophiyaa” Macaaficha
Qulqulluu (Itoophiyaa) biyya teenya wajjiin takka akka hin ta’in
mul’isuuf ture. Kanaafis ture “Itoophiyaa tamiin?” yoo jedhu
mata-durichaan kan gaafadheef. Bifa kanaan kan uumame
“Kuushii/Itoophiyaa” Macaaficha Qulqulluu adeemsi Itoophiyaa
biyya teenya jaalatamtuu har’aa wajjiin tokko taasisuu
“Itoophiyaa” fi “Itoophiyaanummaa” gara kutaa amantii
godhuutti geesseera. Mootonni Kiristaanaa duriiwwan dhimma
kana kutaa amantii isaanii godhatuun “Itoophiyaan iddoolii
Kiristaanaati” kan jedhuun biyyattii tan Kiristaanaa qofa
godhanii ijaaruudhaaf fageenya baay’ee imaluun cirama
olaanaa dhaqqabsiisaniiru. Keessattuu immoo ijaarsa
Itoophiyaa hammayyooftuu irratti kanneen harkarruu olaanaa
mataa ofii dhaaban Atsee Tewodros, Atsee Yohannis, Atsee
Minilikii fi Atsee Hayla Sillaaseen bulchiinsoota Muslimootaatii
fi Ortodooksiin ala kanneen jiran amantiiwwan biroo,
duudhaawwanii fi eenyummaa amantaawaa isaanii
macalaqsuudhaan biyyattii irratti mootummaa Kiristaanawaa
labsaniiru. Bifa ejjannoodhuma isaanii kana akka hin daaqsine
jedhuun Muslimoota naasuu biyyaatiifi balaa biyyooleessaa
godhanii faajjeessaniiru. 

Mootummaan isaaniitis Muslimootaa
fi kanneen biroo isaan Kiristaanummaa Ortodoksiitiin alatti
jiraniif iddoo kan hin qabne ture. Seerri mootummaa isaaniitis
ifumaan ifatti amantiidhuma kana kan lallabu ture. Ummaticha
irrattis ilaalchuma kana baldhinnaan gadseensisuun
ummatichis daandiidhuma kanaan adeemee ejjannoowwan
“Itoophiyaan iddoolii Kiristaanaati”, “Itoophiyaan biyya
qulqullooftuu Macaafa Qulqulluu keessatti tuqamte” jedhan
akka qabatanii fi akka tumsaa imaammata isaanii ta’an
gochoota kallattii baay’ee raawwataniiru.
Dhugaadhaa, Itoophiyaan Macaaficha Qulqulluu biyya teenya
taatus ta’uu baattus lammiin ishee tokko kan biroo
walqixxummaan fudhatee, biyyattiinis tan walwajjiinii taatee
akka ittifullaatuuf jecha bira darbee gochaan kan hojjetamu
yoo ta’e jijjiiramni fidu hammas hunda hin jiraatu.

 Haata’u malee rakkinni kan uumamu ejjannoowwan fakkaataawwan
irratti hundaa’uudhaan ejjannoo fi galmi qaccee dhiitee fi wal
hin taasifne yoo qabatameedha. Dabalataanis faallaa qabiyyee
barreeffama kaanaatiin Itoophiyaan Macaaficha Qulqulluu
biyyuma teenya ta’uu isheetiif ragaan hin shakkisifne yoo
dhihaate barreessichi fudhachuudhaaf sababni ittiin mamu
akka hin jirre ibsuuf jaalata. Boqonnaa kana kan goolabu
Itoophiyaa keessatti kijiboonni heddu iddoo argatuu isaanii
ilaalchisee dubbii Diyaaqon Tsiggee Sixootaawu dubbataniin
ta’a. Akkana jedhu:
“Ammas ni kijibna. Kijibuu keenya onneen teenya osoma
beektu gara dhugaa deebi’uudhaaf qaaniin nutti dhaga’amaa
hanga ammaatti ni kijibna. Taabotni Xiyoon Itoophiyatti,
Fannoon Gimaadaa Itoophiyatti, durbeen Maariyaam baqattee
kan jiraatte Itoophiyaa, Malaa’ikonni kan faarfatan lugaa
Gi’iizitiin, Aadam ‘Nigbara’ jedhamee kan ittiin uumame lugaa
Gi’iizitiin, Maariyaamiifis, Giyoorgifis, Abuyyeefis, Takliyyeefis
gumaacha tan kennamte Itoophiyaa, hundinuu Itoophiyaanoota
adha.” (Diyaaqona Tsiggee Sixootaawu, Nibari’a, Finfinnee,
Mana Maxxansaa Afrikaa, 1997, fuula 133)
“Seenaan sagantaa yeroo dhufuuf jiruu nuuf hin gumaachu.

Sirumaayyuu waa’ee eenyummaa mataa keenyaatii fi waa’ee
namummaa keenyaa baratamoowwanii beekumsa guuttamaa
nuuf kenna. Kanaanis nuti yeroo dhufuuf jiru haala fooyya’aa
tu’eetiin fuuldura dhaabbachuu nidandeenya.” (Robart Peen
Waaren)

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU