MATAKKAL

Naannoo Beenishaangul Gumuz, godina Matakkal haleellaa waggaa tokkoof walitti fufinsaan taasifameen lubbuun namoota baay’ee yoo darbu kaan immoo miidhamaaf saaxilamuu yeroo garaagaraatti gabaafamaa ture.

Sababa kanaan rakkoo nageenyaa uumamu dhaabsisuuf komaand poostiin miseensota poolisii federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa qabu naannichatti hundaa’era.
Baatii tokko dura aanaa Bulan irraa gara Chaagniitti geejiba uummataa imalaa ture irratti haleellaa raawwatameen namooti 50 ol ajjeefamuun ni yaadatama.

Yeroos ajjeechaarraa namoota miliqan keessaa dargaggoon jiraataa aanaa Bulan tokko haleellaa sanaan madaa’ee lubbuun hafuusaa BBCtti himeera.

Dargaggoon kun dhukaasni yeroo baname dhahamee kufeetu namoonni kaan irratti waan kukkufaniif namooti ajjeechaa raawwatan waan du’e se’anii deemnaan namoota lubbuun hafan biroo waliin bosona galee akka miliqe dubbata.

Dargaggoon kun konkolaataan ittiin imalaa turan guyyaa gabaa gatii taheef namoota fe’ee ture jedha. Naannoo Qiddoo jedhamtu yeroo gahan hidhattoota bosona keessa dhokatanii turaniin haleellaan raawwatamuu himu.

‘’Dhukaasa nutti banan. Achiin shufeeriin konkolaataa dhaabe. Achii hunduu dhufanii imaltoota baay’ee ajjeesan. Anarra reeffatu narra jijjigaa ture gatii taheef madaa’een hafuu danda’e,’’ jechuun haala ture yaadata.

“Isaan cuubee, kilaashinkoovii fi xiyya qabatanii turan, 20 hanga 30 tahu, naannoo sana gadhiisanii deemnaan, warreen miidhaan nurra hin geenye akkuma tahe taanee naannoo sanaa miliqne,’’ jedheera.
‘Qaamoleen mootummaa harka keessaa qabu.

Qondaaloti naannichaa warreen haleellaa irra deddeebiin dhaqqabsiisan,’’finciltoota, ergamtoota TPLF fi ABO-shanee waliin hojjetu,’’ maqaa jedhu kennuuf.

Haatahu malee haleellaa kanaaf qaamni achii as bahee ifatti itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Jiraataa magaalaa Bulan kan tahe Obbo Abbabaan(nageenyasaaf jecha maqaan kan geeddarame) naannoo kanatti ‘gareen fincilaa’ iddoo biraa irraa dhufee haleellaa raawwatu hin jiru jedha.

Akkasumas ‘’poolisoota nu waliin jiraatan, hidhattootaa fi hojjettoota eegumsaati kana kan raawwatu,’’ jedha.

Kanaaf immoo haleellaa dhihoo kana ganda Anzabaa jedhamu keessatti raawwate akka fakkeenyaatti kaasa.

‘’Yeroos haleellaa kana raawwachuun warreen qabaman keessaa tokko bulchaa itti aanaa ganda sanaa taheetu argame. Ofiisaayyuu namoota shan ajjeesuu amaneera,’’ jechuun hoggantoonni naannichaa wal-dhibdee irratti hirmaachuu hima.

Torbee darbe, komaand poostiin nageenya naannichaa eeguuf hundaa’e raawwii hojii ji’a afurii yeroo gamaagametti godina Matakkalitti du’aa fi buqqaatii uumameef sababa kan tahan hidhattoonni 284 haxaa’amuun ibsameera.

Dabalataan haleellaa walitti fufinsaan naannichatti raawwatamu keessatti hirmaannaa qabu kan jedhaman hoggantoonni mootummaa 66 irratti tarkaanfiin siyaasaa fudhatamuun ibsameera.
Garee fincilaa waan jedhamu hin jiru kan jedhu Obbo Abbabaan, ’’komaand poostiin ofiisaayyuu qaama rakkinichaati,’’ jedha.

Kanaafimmoo haleellaa naannoo Gublaak jedhamutti raawwate ragaa dabalataati jedha.
Daandii sanarra shiftoonni akka jiranii fi amansiisaa ijaa hin taaneef konkolaachisaan deemuuf eeyyamamaa akka hin turree himee, gareen komaand poostii akka isaan gaggeessan murtaa’ee imaluu isaanii dubbata.

‘’Haa tahu malee hamma iddoo tahe tokkootti isaan gaggeessanii deebi’an, iddoo isaan deebi’anii meetira 300 fagaateetu konkolaataan shiftootaan dhaabsifamee imaltoota irratti tarkaanfiin fudhatame,’’ jedha.

Yeroo darbes konkolaataan gara Chaagnii imalaa ture kan haleellaan irra gahe otoo shufeeriin hin deemu jedhuuti, ’’ati ofii keeyyuu rakkoo warra uuman keessaati jedhameetu dirqisiifamee deeme,’’ jechuun hima.
Hoggansa naannoo keessa kan jiranii fi namoota gidduutti shakkiifi yaaddoon akka uumamu oduu kan hafarsan haleellaan akka uumamuu fi babal’atu taasisuu jedha Obbo Abbaban mudannoo kana duraa yaadachuun.

Naannoo Beenshaangul Gumuzitti keesumaa godina Matakkalitti haleellaa raawwatamaa jirurratti himannaa hoggansa irratti dhiyaatuuf deebii itti gaafatamaa kominikeeshinii mootummaa naannichaa Obbo Mallasa Bayyana BBCn gaafatee ture.

Itti gaafatamaan kun, ’’hoggansi kamiyyuu rakkoo kana keessatti harka yoo qabaate jiraattonni gaaffii dhiyeessan ragaa nuu kenninaan tarkaanfii fudhanna,’’ jedhan.

“Hanga har’aattis tarkaanfii fudhachaa jirra” kan jedhan aanga’aan kun, haaluma kanaan hoggansaa fi qaamoti nageenyaa itti gaafatamummaa isaanii sirnaan hin bahanne seeraan akka gaafataman taasifamuu ibsaniiru.

Komaand poostiin yeroo rakkoon uumame itti gaafatamummaa isaanii sirnaan hin raawwanne jedhee miseensota poolisii Beenishaangul Gumuz 67 to’achuu himeera.
Buqqa’iinsa
Haleellaa naannichatti raawwatuun du’aa fi miidhama qaamaan dabalataan namootni kumaatamaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’aniiru.
Kanaanis godina Mattakkal keessa yoo xiqqaate namoonni kuma 22 tahan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru jechuun gamaaggama torbee darbe taa’een koomaand poostiin ibseera.

Itti gaafatamaan koominikeeshinii naannichaa Oboo Mallasa Bayyana akka mirkneessanitti, namoonni baay’ee qe’eerraa buqqa’aniiru.

‘’Buqqaatota kana ittisa balaa naannichaa fi ministara nagaa waliin tahuun gargaarsa akka argatan taasifamaa jira,’’ jechuun fuuldurattis gara qe’ee isaanitti akka deebi’an gochuuf tattaaffiirra jiraachuu himan.

Atakaaroo naannoo Amaaraa waliin
Rakkoon kun kan yaaddesse Naannoo Beenishaangul qofa osoo hin taane haleellaan naannichatti raawwatamu dhalattoota Amaaraa irratti xiyyeeffata kan jedhe Naannoon Amaaraa, mootummaan Federaalaas tahe Naannoon Beenishaanguul Gumuz haleellaa akka dhaabsisuuf gaafachaa tureera.
Haleellaa dhihoo kana raawwateen Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuzii fi Amaaraa ibsa baasaniin atakaaroo keessa galuun isaanii ni yaadatama.

Pireezidantii itti aanaa naannichaa Abdiisaa Getaahuun eeruun godinni Matakkal Feesbuukii irratti akka ibseen, ’’humna badii waliin kallattiinis tahe al-kallattiin qaamoti hirmaannaa qaban irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa,’’ jedhamuun gabaafameera.

Obbo Geetaahuun dabaluunis haleellaa godinicha keessatti dhalatuuf hoggantoonni, qaamoti nageenyaa fi namooti dhuunfaa irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa akka jiru himuu isaanii ibseera.
Godinni Matakkal aanaa torbaan kan caasefame yoo tahu Naannoo Amaaraa waliin daangaa qooddata.
Godinicha keessatti sabootni garaagaraa jiraatu. Gumuuz, Shinaashaa, Amaaraa, Agaw, Oromoo fi Bartaan warreen ijoodha.

Haleellaan yeroo garaagaraatti raawwatu eenyummaa irratti kan xiyyeefatan tahuu jiraattonni mirkaneessu, gabaasoti kana dura bahanis akkasuma.

Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU